Finfinnee: Itoophiyaan miseensummaa garee BRICS’rraa gama guddina dinagdeetiin faayidaa olaanaa argachuu akka dandeessu Haayyuun Dinagdeefi Pirezidaantii Ittaanaan Yunivarsiitii Siivil Sarvisii Itoophiyaa Doktar Lammaa Guddisaa ibsan.
Hayyuun kun ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya argama Komishinii Dinagdee Afrikaa, teessoo Gamtaa Afrikaafi biyya sochiin dinagdee si’aayaan keessatti gaggeeffamaa jiru keessaa tokko waan taateef gaaffiin miseensummaa garee kanaaf isheen dhiheessite fudhatamummaa akka argattuuf sababoota taasisaniidha.
Itoophiyaan durii kaasee hanga har’atti biyyoota garee BRICS waliin hariiroo dippilomaasii gaarii qabaachuunshee wantoota fudhatamummaa gaaffii miseensummaa isheef gargaaran keessaa isa tokko akka ta’es ni eeru.
Waggoota 15 darbaniif Itoophiyaan guddina dinagdee walitti fufaa, yeroo waraana Kaabaa Itoophiyaafi boodas guddina ariifachiisaa galmeessisaa turuu eeranii, guddinni biyyattiin galmeessisaa jirtu kunis fudhatamummaa gaaffii kanaaf sababa ijoodha jedhaniiru.
Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaate waan taateef namoota yookiin dhaabbilee gara biyyaattii dhufanii invasti godhan akka barbaaddu kan himan hayyuun kun, garee biyyoota BRICS kanatti dabalamuun biyyattii, biyyootni garee kana keessa jiran kunneen gara biyyattii dhufanii hojii invastimantiirratti akka bobba’aniif daran kan gargaaru akka ta’e ibsaniiru.
Irrajireessi biyyoota miseensa garichaa biyyoota teknolojiifi dinagdeen guddatan waan ta’eef, Itoophiyaan garee kanatti dabalamuun biyyoota kanneenirraa muuxannoo teknolojii fudhachuun omishaafi omishtummaa dabaluufis kan gargaaru ta’uu Doktar Lammaan ibsaniiru.
Gama dinagdeetiin fayyadamaa ta’uuf miseensummaa qofti gahaa akka hintaaneefi Itoophiyaa keessatti qooda fudhattoonni dhimmoota dinagdeerratti hojjetan tajaajila si’ataafi ariifachiisaa teknolojiin deeggarame kennuun, dhaabbilee biyyoota miseensa kanarraa hojii invastimantiif gara biyyattii dhufan simachuuf qophii ta’uu qabu jedhaniiru.
“Garee kana keessatti waliigalteen jiru biyyi tokko biyya kennu inni biroo immoo isa fudhatu ta’uu miti; waliigalteen garichaa kan waliin guddachuufi waliin fayyadamuuti. Kanaaf garicha keessatti fayyadamummaa dinagdeef morkataa cimaa ta’uun barbaachisaadha. Morkataa cimaa ta’uuf immoo adeemsa walirraa bituufi gurguruu keessatti omisha qulqullina qabu omishuun barbaachisaadha” jedhu.
Daldala alergii keessatti biyyootni garee kanaa maallaqa biyya keessaa akka fayyadaman kan eeyyamu waan ta’eef rakkoo hanqina sharafa biyya alaa hir’isuun daldala alergii dabaluufis miseensummaan garee kanaa faayidaa qabeessa akka ta’e Doktar Lammaan ibsaniiru. Itoophiyaan biyya ummata miliyoona 100 ol kan qabdu waan taateef biyyootni guddatan kan miseensa garee kanaa ta’aniis omishasaanii gara biyya kanaatti gurgurachuun baay’ee fayyadamoo ta’uu akka danda’an kaasu.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
3 Comments to ““Miseensummaan garee ‘BRICS’ guddina dinagdee Itoophiyaaf shoora olaanaa taphachuu danda’a” -Doktar Lammaa Guddisaa”
Comments are closed.