Gumaacha Wiirtuu Misooma Beeladaafi Hayyoomaa gabaa ayyaanaa tasgabbeessuu keessatti

Finfinnee: Ayyaanni Qaam’ee ykn bara haaraa dhiyaachaa waan jiruuf gabaafi dhiyeessiin waantota ayyaanichaaf barbaachisanii tokko tokkoo maal akka fakkaatan mil’achuuf Kamisa darbe Wiirtuu Misooma Beeladaafi Hayyoomaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti argamutti gorree turre.

Magaalaa Shaggaritti jiraattuu Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee kan ta’an Aadde Laaqach Bartaa otoo isaan suuqii wiirtichaa  hanqaaquu bitataniiti kan isaan arganne. Isaanis, hanqaaquu alatti qarshii 12n gurguramu bakka eerame kanaa qarshii saddeet, saddeetiin hanqaaquu 20 ayyaanaaf bitachuusaaniifi tajaajila wiirtichi kennaa jirutti daran gammaduu nutti himaniiru. Dhiyeessiin akkanaa qaala’ina gatii keessumaa kan ayyaanaa tasgabbeessuu waan danda’uuf otoo bal’inaan jiraattotaaf dhiyaatee gaariidha jedhu.

Obbo Zabbanaa Hayiluu ammoo Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoorraa dhufanii otoo hanqaaquu gurguraniiti kan isaan  arganne. Isaanis, gabaa tasgabbeessuuf fayyadamaaf omisha akka hanqaaquufaa gatii madaalawaan dhiyeessaa jiraachuu dubbatu. Kunis akka omishichi daldalaa harka hingalleef jiraattotaaf hanqaaquu 20, 20 tokko tokkoosaa qarshii saddeetiin gurguraa jiraachuu himanii, hanqaaquun tokko gabaarratti qarshii 12n, baazaariitti ammoo qarshii sagal sagalitti gurguramaa akka jiru dubbatu.

 Ammaaf hanqaaquu qofa dhiyeessaa jiraachuufi fuulduraaf handaanqoos ittidabaluuf karoorfanneerra kan jedhan Obbo Zabbanan, aannaniifi dhadhaas dhiyeessaa jiraachuu nutti himaniiru. Gabaa ayyaana waggaatiif hanqaaquu baay’inaan qopheeffannee bitataa eegaa jirras jedhan.

“Omisha gahaatu jira. Karoora keenya gara fuulduraatiif gabaawwan Sanbataatti dhiyeessuuf qophiirra jiraanullee ammaaf suuqiidhuma keenyatti garguraa jirra. Kutaalee magaalaa hundaaf dhiyeessuufis yaadaa jirra” jedhan.

Adeemsisaan Hojii Wiirtuu Misooma Beeladaafi Hayyoomaa Obbo Taaddasaa Tasfaayee akka jedhanitti,  hojii wiirtuunsaanii keessumaa gabaa ayyaana tasgabbeessuuf hojjetaa jira. Wiirtuchi hojii kan eegale yeroo muraasa ta’us gabaa tasgabbeessuurratti waan guddaatu hojjetamaa jira. Omishonni keenya gatii madaalawaadhaan gabaaf waan dhiyaataniif dhiibbaa guddaanis uumameera.

Haala kanaan kutaalee magaalaa Finfinnee hunda waliin ga’uuf hojjetaa jirra jedhanii, akka walga’uuf namni tokko aannan qulqulluu liitira lama, lama tokkoosaa qarshii 70n, hanqaaquu 20 qarshii saddeetiin dhiyeessaa jiraachuufi  adeemsa kana keessa daldalaan haaluma kamiinuu jiddu seenuu akka hindandeenye himu.

Namoonni sagantaalee adda addaa qaban sangaarraa eegalee omsihaalee keenya bal’inaan bitachaa jiru, waan gatiin keenya daran madaalawaa ta’eef. Gabaa ayyaanaatiifis sangaa, hindaanqoo, hanqaaquu qopheessinee bitataa eegaa jirra jedhan.

Komishanirri Komishinii Qonnaan Bulaafi Qonnaa Magaalaa Finfinnee Obbo Baayyuu Shigguxee gamasaaniin, komishinichi guyyaatti hanqaaquu miliyoona walakkaa (kuma 500) jiraattota magaalattiif dhiyeessaa jira. Qonnaan bultoonni hanga hanqaaquu kuma 15tti omishan jiru. Isaaniifis deggarsa taasisuun akka gatii madaawaadhaan gabaaf dhiyeessan taasisaa jirra jedhu.

Iddoowwan gurgurtaa akka baazaariifaa qophaa’anis jiraachuu himanii, akkuma magaalaattuu baazaariiwwan 20tu jiru. Bakkeewwan kanneen hundatti omsihni hanqaaquufi hindaanqoo ni dhiyaatu. Kunis keessumaa gabaa ayyaanaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Gumaacha Wiirtuu Misooma Beeladaafi Hayyoomaa gabaa ayyaanaa tasgabbeessuu keessatti”

  1. Pingback: wood stoves
  2. Pingback: fuckgirl

Comments are closed.