Marii Biyyaalessaa dawaa dhibee siyaasa biyyattii fayyisu

Finfinnee: Mariin Gumii Balal Marsaa 33ffaan mataduree ‘Marii Biyyaalessaa: Carraafi Yaaddoowwan Jiran’ jedhuun kaleessa Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti adeemsifameera. 

Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa RFDI Obbo Kabbadaa Deessisaafi hayyoonni siyaasaa yunivarsitiiwwan gara garaarraa dhufan dhimmicharratti marii bal’aa taasisaniiru.

Obbo Hayiluun haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa walittibu’iinsaafi gaaga’ama siyaasaa sababa walhubannaa dhabuutin dhufu hir’isuuf gargaara. Marichi gareewwan gidduutti riqicha ta’uun walittibu’iinsota mariifi ilaafi ilaameedhaan furuun hunduu dhimma biyya ijaaruurratti yaada waloo akka qabaatan kan taasisuudha. Marichi dirree siyaasaa murnoota muraasaan dhuunfatame bal’isuun kutaaleen hawaasaa hundi dhimma biyyasaaniirratti akka mari’atan taasisuun madda waldhabbii hir’isuun walhubannaan akka uumamu taasisa. Mariin Biyyaalessaa waltajjii aadaan marii ittishaakalamuufi siyaasni dorgommii yaadaa itti dagaaguudha jechuun ta’uus himaniiru.

Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasa biyyattii barootaaf gangalataa ture furuufi ilaalcha biyyaalessaa uumuuf kan gargaaru ta’uu himanii, akkasumas aadaa rakkoo mariifi ilaafi ilaameen furuu dagaagsuun rakkoo siyaasaa hundeerraa furuun ilaalcha waloo akka qabaanu taasisuuf kan gargaara. Marii Biyyaalessaa milkeessuuf Komiishiniin Araaraafi Marii Biyyaalessaa hojjechaa jiraachuufi mootummaan naannichaa milkaa’ina marichaaf tumsa barbaachisu taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Marichi akkuma ce’umsa siyaasa biyyattii milkeessuuf carraa bal’aa uumu guutummaatti yaaddoorraa bilisa jechuu hindandeenyu kan jedhan Obbo Haayiluun, kanaafuu ummanni keenya marichaaf qophii barbaachisu taasisuu, bal’inaan irratti hirmaachuu, gaaffiiwwansaa karaa qindaa’een dhiyeeffachuu akka qabu yaadachiisaniiru. Hayyoonnis ummanni maricharratti hubannoo gahaa akka qabaatu taasisuurratti bal’inaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. 

Yunivarsitii Dirre Dhawaatti Barsiisaan Seeraa Doktar Roobaa Pheexiroos barreeffama ka’umsa marii dhiyeessaniin akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee siyaasa biyyattii mariifi ilaafi ilaameedhaan hundeerraa furuuf, nageenya ijaaruufi waldhabdeefi walittibu’iinsa siyaasaa furuuf gargaara. Marichi rakkoon siyaasa biyyattii mariin furuufi seenessa dabee barreeffame sirreessuuf kan gargaaru ta’uu himanii, rakkoon afaan qawweetiin furamu waan hinjirreef rakkoo siyaasaa keenya mariidhaa furuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Mariin Biyyaalessaa hunda hammataa ta’uu qaba  jedhanii, qaamoleen maricha gufachiisuuf socho’an gochasaaniirraa of deebisuu akkan qaban  ibsu. “Nageenyi karaa nagaatiin dhufa. Sabni nagaa barbaadu utuu madfiin hindhuka’in dura waan nagaa booressurraa of qusachuu qaba. Akkuma summii xiqqoon qaama namaa guutummaa miidhu, qaawwi nageenyaa xiqqoonis hawaasa bal’aa waan uuf  hunduu nageenyaaf tumsuu qaba” jedhan.

Hayyoounni seeraafi siyaasaas akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa biyyattiitti adeemsifamuuf jedhu rakkoolee siyaasaa barootaaf turan mariidhaan furuun hunduu ijaarsa biyyaarratti ilaacha waloo akka qabaatu kan taasisuudha. Marichi dawaa dhibee siyaasa biyyattii fayyisuuf waan gargaaruuf kanneen maricha gufachiisuuf socho’an tooratti deebisuun barbaachisaa ta’uu ni dubbatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Marii Biyyaalessaa dawaa dhibee siyaasa biyyattii fayyisu”

  1. Pingback: Anonymous Gun Shop

Comments are closed.