Godambaa Hayilee Gabrasillaasee, Mana Abbichuutti

Viileejiin Yaayaa Finfinneerraa kallattii kaabaatti kiiloo meetira 11 fagaatee Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu, Aanaa Tufaa Munaatti argama. Viileejichi lafa kaaree meetira kuma 54 irratti kan ijaarame yoo ta’u, bakka daa’imman itti taphatan, farda ittigulufsiisan, tiraakii kubbaa miilaafi iddoo atileetonni beekamoon ittishaakalan qaba.

Viileejii Yaayaa kanatti jiraattonni naannawichaafi Finfinnee bal’inaan bashannanaaf kan ittifayyadaman yoo ta’u, hoteelas ni qaba. Kanneen malees Godambaan Hayilee Gabrasillaasee bakkichatti ni argama.

Nutis barreeffama kanaan yeroonsaas shaampiyoonaa atileeksii addunyaatiin walqabatee yeroo dhimmi atileetiksii bal’aan ka’u waan ta’eef waa’ee Godambaa Hayilee gabrasillaasee Kutaa Magaalaa Sulultaatti argamuufi suurawwan, meedaliyaawwaniifi kkf achi keessatti argamanii kan daaww’achiisaan Daragggoo Masaay Yaa’iqoob nutti himeefi mil’anne gabaabinaan isin dubbisiisna.

Hayileen Gabrasillaasee hojii invastimantiitti otoo hinseeniin dura addunyaa ispoortii keessatti biyyaafi ardiisaatiif waan guddaa gumaacheera. Godambichis waa’ee atileetichaa jalqabaa kaasee hanga gaafa fiigicha dhaabeetti jiru sirriitti qixeessee daaw’attootaaf dhiyeesseera.

Waanti bakka kanatti argamu daaw’atamuu kan qabuufi atileetota jalaa dhufoof kaka’umsa guddaa kan ta’uudha. Darbees waanti bakka kanatti agarsiifamu dargaggoota kamiifuu akka onnachiistuu olaanaatti kan fudhatamuudha.

Jidduutti waa’ee Hayilee Gabrasillaasee xiqqumashii walyaadachiisuuf, atileetichi kan dhalate Godina Arsii, Aanaa Xiyyoo, Asallaarraa kiiloo meetira 10 fagaatee argamutti. ALA Ebla 1973 dhalate. Obbolaa 10 (dhiira jahaafi dubartii afur) qaba. Haatisaa kan boqotan otoo inni umurii guddattummaa keessa jiruuti. Haadhasaa garmalee waan jaalatuuf kanas haalota adda addaatiin ibsaa ture.

Kumaalaa Hayileen oggaa gara mana barnootaa deemu kiiloo meetira 10 fiigaa waan tureef kanuma raacitii godhatee ittifufe. Waa’ee atileet Irreessaa Abbabaa Biqilaa dhaga’aa guddachuunsaas daran isa onnachiiseera.

Asallaatti kilabii ispoortii mana barnootaatti hammatamee badhaasa waancaa jalqabaa argate. Waggoota dheeraaf kophee waan hinqabneef akkuma Abbabaa Biqilaa miila qullaa ciminaan fiigaa ture. Yeroo Asallaa turettis dorgommii fiigichaatiin daran milkaa’aa ture. Sana booda gara Finfinnee dhufe. Akkuma Finfinnee dhufeen dorgommiiwwan adda addaarratti hirmaachuun injifannoo gonfachuu eegale.

Sana booda Hayileen injifannoorratti injifannoo galmeessisaa dhufe. Keessumaa bara 1991 Shaampiyoonaa Atileetiksii Daraggootaa Addunyaa Kooriyaa Kibbaa, See’ulitti adeemsifamerratti morkiin ijibbaachisaan atileetii Keeniyaa, Jooseef Maachukaa wajjin taasise gonkumaa kan dagatamu miti.

Maachukaan mo’achuuf wayita daqiiqaa muraasni hafetti Hayileen si’aayina hineegamneen oggaa isa bira darbuuf jedhu harka mirgaasaatiin rukutus Hayileen haalichatti fayyadamee tokkoffaa bahee xumure. Atileetiin Keeniyaa sun gocha raawwateen dorgommicha keessaa akka haqamu taasifameera.

Hayileen garuu oggaa gaafatamu taateen sun caalaatti si’aayina akka dabaluuf kan isa

 gargaareefi humna kan kenneef ta’uudha kan eere. Kun rakkina mudatu dandamatanii obsaan injifannoo gonfachuun akka danda’amu kan agarsiisuudha. Darbatamuusaa akka carraa gaariitti fayyadamuun daddaffii dabalatee mo’achuu danda’eera jechuudha. Suurri taatee kanafaa sirriitti agarsiisu godambichatti argama.

Akeekni Hayilee fiigee mo’achuu qofa otoo hintaane dirree olompikiirratti maqaa biyyasaa waamsisuudha. Isas milkeeffateera. Godimbichatti badhaasonni injifannoowwan addababa’iiwwan oggaa Asallaa jirurraa kaasee hanga addunyaarratti galmeessiseen argate haala gaariidhaan argamu.

Baay’inni riikardiiwwan inni caccabsees qindeeffamanii argamu. Kana malees kophee dabalatee uffannaawwan ispoortii ittiin fiige, meeshaan muuziqaa akka piyaanoo yeroo boqonnaasaa ittiin bashannanu, barruuleewwan afaanota biyya alaatiin qophaa’aniifi waa’eesaa gabaasan ni jiru.

Nuti waa’ee godambichaa gabaabinaan erga hangana jennee isa hafe dubbistoonni bakkichatti argamanii akka daaw’ataniif afeerra.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Godambaa Hayilee Gabrasillaasee, Mana Abbichuutti”

  1. Pingback: burn-out

Comments are closed.