Ashandaa, Ashandiyyee, Shadayiifi Solal: Ayyaanota jala bultii bara haaraa

Ayyaanonni Ashandaa, Ashandiyyee, Shadaayiifi Solal ayyaanota Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigiraayiifi Amaaraatti daran beekamaniifi jala bultii bara haaraatti kabajamaniidha. Ayyaanonni kunneen Hagayya 16-26tti kan kabajaman yoo ta’u, keessumaa naannoo Amaaraa, Tigraayiifi Magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira. Hirmaattonni ayyaanichaas uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhaganii rifeensasaanii tolfatanii sirbaafi shubbisa aadaatiin ayyaanicha kabajaa jiru.

Ayyaanonni kunneen naannoo Amaaraa naannawa Wagihmiraafi Saqoxaatti ‘Shaday’, Laastaafi Laallibalaatti ammoo ‘Ashandiyyee’ akkasumas Raayyaa Qobbootti ‘Solal’ jedhamanii kan beekaman yoo ta’u, Naannoo Tigraay, Indartaafi Tambeenitti ‘Ashandaa’ Aksumitti ‘Ayniiwaarii’ akkasumas naannawa Adigraatitti ‘Maariyaa’ jedhamuun beekamu.

Ayyaanonni aadaafi duudhaa obbolummaa, wajjummaa, nageenya, jaalalaafi tokkummaa ummata biyyattii cimsuuf gargaaran kunneen jala bultii bara haaraatti waan kabajamaniif ummanni bara haaraa abdiifi gammachuu guddaan akka simatuuf kan kakaasanidha.

Keessumaa kan Ashandaa barana Naannoo Tigraay, Maqaleetti Roobii darbe kabajamerratti gareen Oromiyaa Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisootiin durfameefi abbootii Gadaafi haadholee Siinqee of keessaa qabu dabalatee saboonniifi sablammoonni biyyattiirraa babahan hirmaachuun akeeka hariiroo waloo cimsuu ayyaanichaa dhugoomsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015

Recommended For You