Ololli mindeeffamtoota miidiyaa hawaasaatiin hafarfamuufi daangaa hinqabne kan nama dinqisiisu ta’aa dhufeera.
Keessumaa waa’een isa sagalee burcuqqoo kufeetiin bir’atuufi nahee gara lixu dhabuu oggaa waa’ee waraanaa keessa oolee hinbeeknee fagoo taa’ee duulchisaa waraanaa ta’ee yandoo jechootaa harcaasu nama ajaa’iba.
Walajjeechisuudhaan, dhiiga walii dhangalaasisuufi gidiraa ummataa baay’isuudhaan ‘hawwiin koo naa milkaa’a’ jechuun kooluugalaa of dhiibaan yoo yandoo jechootaa akka bokkaa gannaa roobse waan jechama ‘hawwiin hindhorkamu’ jedhamu bira darbu miti.
Garuu, waanti hundi akkaafi daangaa qaba. Namni waa’ee loltummaaafi waraanaa hubannoo qabu dhugaa dubbachuuf of eeggannoorraa kan ka’e waanti haasa’u isa yaachisa.
Namni olola qaajjessaan ittimakamee sobaan bukeeffamee gocha fedhii tasumaa ittiqaqqabamuu hindadeenyeen jechoota summaa’oodhaan dabaalamee dhiyaatu fudhatu yoo jiraate inni daran nama gaddisiisa.
Barreeffamni raayyaan ittisa biyyaa tibbana miidiyaa hawaasaarratti gadi lakkise tokko, “Dubbii keenyarratti nuti waan hojjennu kan beeknu, manii qabnu, tokko tokkoo sochii keenyaa faayidaa biyyaafi ummataarraa akka hinmaqne gochaa kan deemsisnuudha. Waa’een daldalaa sobaa tuullaa jette jetteetiin kiisiisaa furdisuuf munyuuquu hangana nu hin yaachisu; hojiifi akeekni keenya nagaa fiduu waan ta’eef.
“Kana waan sirriitti beeknuufis bobbii raawwii dirqamaa keenya hunda; dargaggoon otoo hinbeekiin mokfamee kiyyoo humnoota badiitiin xaxamee akka irbaata ibiddaa hintaaneefi dhugaan jiru ibsameefii gara qalbiisaatti akka deebi’uuf carraa kennuudhaan garabal’inaan ittideemuun keenya bu’aa guddaa nuu argamsiiseera.
“Baay’onni karaa badii mooksitootaa keessaa bahanii nageenya ummataa kabachiisuurratti gumaacha adda durummaa bahachuu akka danda’an gochuun keenya daran nu gammachiisa.
Dirqama ogummaadhaan, haala milkaa’aafi qulqullina qabuun raawwachuu danda’uu keenya ‘Daba duulchistoota maraannaa fagoofi baargamaa qullaatti kan habise ta’eera’. Otoo dhugaan kana ta’ee jiruu ololli sobaa miidiyaa hawaasummaarraa “Junuukfadhu ykn ija qabadhu sin gowwommsaa’ hindhaabanne.
“Ijji ajjeechaa abjuufi barbadeessisaanii laamsha’aa dhufus, hidhaabanne. Nuti garuu, waa’ee Itoophiyaafi Itoophiyummaa jecha dirree nageenyaa bal’isaa tulluu injifannoo keenyarratti ol ka’uun boonnee ciminaan jirra.
Akkuma atileetota keenya goototaa Itoophiyaa boonsaa alaabaa keenya ol kaasnee olqabnee tallisiisuun gocha keenya hindhaabanne waan ta’eef. Imalli keenya injifannoodhaan miidhagee ittifufa” jedha.
Dhugaadha, otoo akka suuraa, olola, abjuufi fedhii ‘gootonni’ feesbuukii, yuu tiyuubiifi tiiktokii qaamolee sammuunsaanii halkanii guyyaa waraana, jibba, abaarsa, jechoota summaa’oodhaan maramanii akkasumas miidiyaalee finxaaleyyiidhaan naanneffamanii ta’ee biyyis ta’ee ummanni har’a hinjiru.
Garuu maraannaan, qaajjessaan, fedhiifi abjuun humnoota finxaaleyyii kamuu ammas maseenee akka qullaatti hafuuf hawaasni keessumaa dargaggoonni ololaafi jette jettee qilleensarratti hafarfamurraa of eeguun ilaallataa deemuu qabu malee hanga liibsuu ijaatiifillee of dagachuu hinqaban. Akkuma irranatti eerame tarkaanfiisaanii mara hubannoon raawwachuudhaan wabii nageenyaafi gaachana ummatasaanii ta’uu qabu; hunduu akka, daangaafi luugama qabaachuus qaba kaa.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015
3 Comments to “ Hunduu akka qaba”
Comments are closed.