Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaan har’a eegala

Finfinnee: Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Atileetootni Itoophiyaa fiigicha dheerina garaa garaatiin irratti hirmaatan 19ffaan Hangarii magaalaa Budapestitti har’a eegala.

Shaampiyoonichi Hagayya 13 hanga 21tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, atileetootni biyyoota 200 irraa walitti babahan kuma lama ta’an kan irratti hirmaatan ta’uun ibsameera.

Itoophiyaan fiigicha meetira 800 hanga maraatooniitti jiruun shaampiyoonicharratti kan hirmaattu yoo ta’u, atileetota dubara 19fi dhiiraa 16 walumaagalatti atileetota 35 kan hirmaachiftu ta’uunis himameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaan har’a eegala”

Comments are closed.