“Yoo haala ittifayyadama qabeenya bishaaniirratti hubannoo cimaan hinjirre dinagdeen keenya miidhamuu danda’a” – Doktar Aster Tasfaayee

Hirkattummaa roobaa jalaa bahuun aadaa misooma jallisii gabbisuun omishaafi omishtummaa dachaan dabaluu kanamalees waggaatti yeroo lama omishuun akka gabbatu kan taasisuudha.

Misoomni jallisii kun omishaafi omishtummaa dachaadhaan dabaluu keessatti bakka olaanaa kan qabu waan ta’eef akka biyyaatti babal’atee bu’aaleen gama omisha qonnaa fuduraafi muduraa akkasumas kanneen biroo babal’ataa jiru.

Akka fakkeenyaatti sadarkaa Oromiyaatti misoomni jallisii hara Baatuutti gaggeeffamaa jiru jiraattota naannawaa daran dinagdeen humneessaa kan jiru ta’us ittifayyadama bishaaniirratti qisaasamni jiraachuu Doktar Aster Tasfaayee ni kaasti.

Yunivarsitii Aarbaamincitti Barsiistuu Teknolojii Bishaaniifi waraqaa qorannoo jijjiirama haala qilleensaafi miidhaalee isaan walqabatanii dhufanirratti Hara Baatuurratti xiyyeeffattee kan hojjette Doktar Aster Tasfaayee ittifayyadamni qabeenya bishaanii naannawichatti hojiirra oolaa jiru egeree dinagdee lammiileetiif yaaddoo ta’uu mirkaneessiteetti.

Qonnaan bultoonni naannawichatti misooma jallisiirratti bobba’an ooyruusaanii humnaa ol bishaan itti jallisuun albuudawwan biyyee keessa jiran akka dhiqaman taasisaa jiraachuus ni ibsiti.

Albuudawwan barbaachisoo omishaaleef murteessitoota ta’an wayita akka malee dhiqaman callaan akka gadi bu’u taasisa. Kanamalees sanyiin faca’e sirriitti lafa qabatee ija akka hingodhanne gochuu danda’a jetti.

Akka bu’aa qorannoo Doktar Asteritti qonnaan bultoonni wayita biqiltuu ooyruurra jiru obaasan hamma ijjisaanii quufutti tilmaamaan obaasuun ala hangi bishaanii murtaawaa waan hintaaneef buqqa’uufi maca’uu biqilaa qaqqabsiisa. Kunimmoo bu’aan omishaa akka hir’atu waan taasisuuf dinagdeen lammiilee akka miidhamu taasisa.

Dabalataanis bishaan hara keessa jiru sun wayita humnaa ol waraabamee ooyruurra yaa’u hangisaa hir’achaa deema, kanarraa kan ka’e kan hara keessa jirus hurkuun akka gogiinsi hararra qaqqabu taasisa.

Wayita hangi harichaa hir’achaa deemu lubbuqabeeyyiin nyaataaf oolan kanneen akka qurxummii sanyiinsaanii qaalii ta’eefi nyaataaf fixa.

Harri Baatuu qonnaan bultoonni waggaatti al lama akka omishaniifi dinagdeedhaan akka of humneessan taasisuun ala dargaggoonni misooma qurxummiirratti bobba’an galii daldala qurxummiirraa argamuun dinagdeesaanii akka cimsatan kan gargaaruudha. Haata’uutii ittifayyadama bishaan jallisii humnaa olii naannawichatti qaqqabaa jiruun qabeenyi bishaanii humnaa ol qisaasa’aa jira.

Kanamalees lubbuuqabeeyyiin bishaanicha keessaa nyaataaf oolan kanneen akka qurxummii hir’achuu bishaanichaan hanga sanyiinsaanii baduutti qaqqabuu waan danda’uuf irratti hojjetamuu akka qabu Doktar Aster kaasteetti.

Naannawaan Hara Baatuu waan ho’aa ta’eef bishaan haricha keessa jiru salphaatti hurkuun xiqqaachaa wayita deemu misoomni jallisii sun addaan cituu danda’a. Misoomni qurxummii addaan cituu mala. Galiin omishaalee gara garaarraa argamu xiqqaachuu danda’a. Kanaafuu, hojiin hubannoo uumuu hojjetamuun dirqama jetti.

Wayita qorannoowwan gara garaa haricharratti hojjechuuf deemtetti daawwannaa gaggeessaa turteen haalli itti qonnaan bultoonni bishaan obaasan qisaasa’amaaf kan saaxilamedha kan jette Doktar Aster, ittifayyadamarratti miirri maal nadhibdee akka jiru kaasteeti.

Hurkuu harichaatiin walqabatee jijjiirama haala qilleensaa mudatuun hongeen dhufuu danda’a, omishni gadi bu’a, lubbuqabeeyyiin bishaanicha keessa jiraatanis ni dhumatu.

Kanaraa kan ka’e wabii midhaan nyaataatiin of dadhabuun ni mudata, dargaggoonni lagicharratti tajaajila geejjiba bishaanirraa kennuun galii argatan hojii malee waan hafaniif ittifayyadamni qabeenya bishaanii fooyya’uu qaba jetti.

Qonnaan bultoota dubbisuun akkaataa ittifayyadama qabeenya bishaaniirratti hubannoo qaban wayita gaafattettis miidhaa duubaan dhufurratti sodaan kan hinjirre akka kaasan dubbatti.

Wayita achi turtetti ittifayyadamni qabeenya bishaanii qisaasamarraa kan baraarame ta’uu akka malu gorsaa turuu yoo kaastu, qaamni dhimmi ilaalatus gama kanaan irratti hojjechuu akka qabu bu’aa qorannoosheetiin mirkaneessiteetti.

Bu’aa qorannoo jijjiirama haala qilleensaatiin walqabatee miidhaan qaqqabuu danda’a. Kanamalees ittisasaarratti qorannaa rakkoo hiiku gaggeessuu dandeesseetti Doktar Aster.

Kanarraa kan ka’e akka Afrikaatti bu’aa qorannoo rakkoo hiikuu danda’uufi biyyoota birootiif fakkeenyummaan eeramu waan hojjeteef qorattuu olguddatoo shamarranii taateetti. Qabeenyi bishaanii qisaasa’uun dinagdee biyyaa hubuun ala jiruufi jreenya hawaasummaa lammiilee raasuun gadadoofi godaansaaf saaxiluu akka danda’uudha kan ibsite.

Lubbuqabeeyyiin naannawicha jiraatan hawwata turistiiti. Kana malees simbirroonni qaaliin madda galii ta’uu danda’an jijjiirama haala qilleensaatiin godaansaaf saaxilamu. Kunimmoo madda galii gama tuurizimiirraa argamu gadibuusuun ala dinagdee laamshessuun eeggattummaan akka babal’atu waan taasisuuf gamanumaa dhimma xiyyeeffannoo argachuu malu ta’uu eerti.

Dhaabbileen dhimmichi ilallatu keessumaa qonni, kanneen dhimma jallisiirratti hojjetan, ogeeyyonni bishaanii, kunuunsa naannawaa waliin ta’anii hojii hubannoo uumuu hojjechuu akka qaban bu’aa qorannichaatiin lafa taa’eera.

Qabeenya uumamaa kan ta’e bishaan dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti kan jette Doktar Aster, kunuunsanii haalaan ittifayyadamuufi madda galii taasisuuf dhimma waakkii malee irratti hojjetamuu qabu ta’uu cimsitee dubbatti.

Bishaan jireenyadha, dinagdee hundaaf murteessaadha. Balbala ofiitti akka fedhan wayita qisaasessan kan dhumatu waan hinfakkaanneef haalli kanarratti mul’atus sirraa’uu akka qabu himteetti.

Doktar Aster miidhaa jijjiirama haalaqilleensaatiin walqabatee dhufuun dinagdeen gaaga’ama keessa seenuu akka danda’u ibsuun ala dhimma kanarratti gadi fageenyaan akka hojjetamuuf barruulee gara garaa addunyaaf arjoomteetti.

Akka ibsasheetti Yunivarsitii Kolombiyaa, ‘USA’tti argamu waliin ta’uun barruulee jijjiirama haala qilleensaafi miidhaa isaan walqabatee dhufu kanamalees faloota taa’anirratti qopheessuun dhaabbilee barnoota olaanaa addunyaaf gumaachiteetti. Yeroo ammaas akka galteetti gargaaraa jira.

Keessumattuu ittifayyadamni qabeenya bishaanii fooyya’uu akka qabu, yoo kun hintane gaaga’amni dinagdee qaqqabuu akka malu qorannichaan mirkanaa’eera.

Qorannaan gaggeeffame akka Hara Baatuutti ta’us bu’aan argannoosaa lamiilee hunda misooma jallisiifi omisha qurxummiirratti bobba’aniif galtee ta’ee tajaajila kan jette Doktar Aster qaamonni (dhaabbileen) dhimmi ilaallatu of kennanii hojjechuun rakkoo dhufuu malu hir’isuuf akka hojjetan gorsiti.

Yoo kun hintaane jijjiirama haala qilleensaa mudatuun wabii midhaan nyaataan of dadhabuun, dinagdeen kufuun eeggattummaan akka babal’atu waan godhuuf gamanumaa xiyyeeffannaa argachuun irra jiraata.

Bishaan dhumuu danda’a; jijjiirama haala qilleensaatiin walqabatee jechuudha, dinagdee laamshessuun ala lubbuu uumama lafarraa dhabamsiisuurra waan ga’uuf bu’aa qorannoo kana hojiirra oolchuun barbaachisaadha.

Bu’aaleen qorannoo tokko tokko hojjetamanii rakkoo kan hiikan osoo hintane deebi’anii shelfiirra tuulamuun ba’aa biraa kan ta’an jiru. Haata’uutii bu’aaleen qorannoo of eeggannoofi teknolojiin deeggaramanii qabatamaan hojjetaman rakkoo hawaasaa matumaa hiikuu waan danda’aniif akka galteefi cuuphataatti hojiirra ooluu qabu.

Hayyoonni Itoophiyaan qabdu hedduudha. Qorannoofi qo’annoo gara garaa hojjetanii rakkoo hawaas dinagdee lammiileesaanii akka hiikaniif deeggarsi dhiyeessii taasifamuufii qaba.

Yoo kun hintaane waraqaa qorannoo rakkoo hiikuu danda’uufi dhamaatee hedduu qabu qabatamaan hojjetanii dhiyeessuun waan hindanda’amneef gamanumaa irratti yaadamuu qaba.

Walumaagalatti ittifayyadama qabeenya bishanii keenya qisaasamarraa baraaruun rakkoo hongeedhaan dhufu hir’isuuf, omishaafi oomishtummaa dachaan dabaluuf, wabii midhaan nyaataatiin of danda’uun hanga gabaa alergiif dhiyeessuutti nama geessisuun dinagdeen akka cimu waan taasisuuf hojii hubannoo uumuu hojjechuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ “Yoo haala ittifayyadama qabeenya bishaaniirratti hubannoo cimaan hinjirre dinagdeen keenya miidhamuu danda’a” – Doktar Aster Tasfaayee”

Comments are closed.