Finfinnee: Sagantaa maaddii guutuun omisha aannanii liitira biliyoona 6.8 irraa gara liitira biliyoona 8.6tti guddisuun akka danda’ame Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichatti, Qajeelchituu Raawwachiiftuu Hojii Damee Misooma Beeyladaafi Qurxummii Aadde Tsigeredaa Fiqaaduu ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ministeerichi sagantaa maaddii guutuun omisha nyaataa dabaluuf milkaa’inoota guguddoo galmeessisaa jira.
Akka isaan jedhanitti, sagantaa maaddii guutuun omisha aannan liitira biliyoona 6.8 ture waggoota afur keessatti liitira biliyoona 11.7tti ga’uuf hojjetamaa jira. Haaluma walfakkaatuun, killee biliyoona 3.2rraa gara biliyoona 9.2tti, foon lukkuu toonii biliyoona 90rraa gara biliyoona 240tti, omisha dammaa toonii kuma 147rraa gara 290tti, omisha qurxummii toonii kuma 78rraa gara toonii kuma 216tti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Sagantaa kana milkeessuuf bifa gurmaa’een namootni akka hojjetaniifi deeggarsa qindaa’aa taasisuuf naannoolee hunda keessatti mandaroota hedduu hundeessuun danda’ameera.
Mootummaan sagantichaaf deeggarsa guutuu taasisaa jira kan jedhan Aadde Tsigeredaan; galteewwan barbaachisoo guutuuf dhaabbilee galteewwan garaagaraa dhiyeessaniif sharafni biyya alaa mijateefii jira. Deeggarsi nyaata beelladaas taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Horsiisee bulaafi qonnaan bulaan aannan omishe gara gabaatti geessuu akka danda’uuf konkolaataawwan fe’iisa aannaniif oolanis dhiyataniiru. Ministeerichi cuucii miliyoona 41 namoota omisha lukkuurrratti boba’aniif dhiyeessera. Loowwan miliyoona 1.3 diqaalomfamaniiru.
Carraalee gaarii mootummaadhaan uumamaniin ala biyyattiin uumamaan haalota mijatoo maniiwwan maaddii guutuu milkeessuuf gargaaran hedduu qabdi. Biyyattiin haala qilleensa misooma beeyladaatiif daran mijatuufi lafa bal’aa horsiisa beeyladaaf oolus kan qabdu ta’uu himaniiru.
Namoota mandaraan gurmaa’anii sagantichaan omishaa jiraniif liqiin dhiyaachaa jiru gahaa ta’uu dhabuun rakkoo sagantichaan walqabatee mul’atu furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu kan qabu ta’uu himanii, maaddii guutuun qal’iinsa jireenyaa hir’isuufi alergii dabaluuf kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015
3 Comments to “ Sagantaa maaddii guutuun omisha aannanii liitira biliyoona 8.6n ga’uun danda’ameera”
Comments are closed.