Rakkoo naannoo Gaambeellaatti mudatee tureen namootni 82 to’annoo seeraa jala oolfaman

Finfinnee: Rakkoo nageenyaa tibba darbe naannoo Gaambeellaatti mudatee tureen walqabatee poolisoota dabalatee namootni shakkaman 82 to’annoo seeraa jala oolfamanii dhimmisaanii qoratamaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya naannichaa ibse.

Hogganaan biirichaa Obbo Chool Kuun ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti jeequmsa tibba darbe mudateefi boora’uu nageenya naannichaatiin walqabatee poolisootni 70 akkasumas hoggansiifi hojjettoonni 12 shakaman to’annoo jala ooluun dhimmisaanii qoratamaa jiraachuu ibsu.

Rakkoo nageenyaa uumamee tureen walqabatee qaamoleen qabeenya saamuurratti bobba’anii turanis to’annoo seeraa jala ooluu himanii, kanneen yeroof miliqanii seeraan barbaadamaa jiranis jiraachuu eeru. Waggoota lama dura naannoon Gaambeellaa nageenya amansiisaa qabaachuu eeranii, yeroo dhiyoo as garuu rakkoo nageenyaa darbee darbee mudachaa jiru maqsuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jiraachuu dubbatu.

Rakkoo nageenyaa uumame hammeessuu keessatti adda durummaan kan hirmaaatan qaamoleen nageenyaa sadarkaa magaalaa hanga aanaatti jiran eeruu ummataan to’annoo jala ooluu himanii, yeroo ammaa haalli nageenyaa fooyya’aa ta’uun alatti sochiin geejibaa guutummaatti eegalamuus dubbataniiru. Bakka shakkiin jirutti qaamoleen nageenyaa ramadamanii hojiin idilee akka hingufanne taasifamaa jiraachuus yaadachiisaniiru.

Nageenya naannichaa fuulduraaf yaaddoo guddaan ilaalchaafi gocha paartiileen morkattoota naannichaa calaqqisiisaa jiraniidha kan jedhan hoggantichi, ololli paartiileen kunneen oofaa jiraniin walshakkii ummata gidduutti uumamee gara rakkoo birootti akka hinceene ummatni olola dharaarraa of eeggachuu akka qabu ibsaniiru.

Gama mootummaatiinis mariif dursa kennuun bakka hundatti mariin nageenyaa taasifamaa jiraachuu eeranii, xumurarratti konfiransiin nageenyaa waliigalaa magaalaa Gaambeellaatti akka qophaa’uufi waliigalteen waloo akka uumamus Obbo Chool himaniiru.

Rakkoon nageenyaa naannoo Gaambeellaa akkuma tumsa naannoleetiin tasgabbaa’e kan naannoo Amaaraas tasgabbeessuuf hirmaannaan naannolee murteessaa ta’uufi naannichis tasgabbii nageenya waaraa naannoo Amaaraaf qoodasaa akka ba’atu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Rakkoo naannoo Gaambeellaatti mudatee tureen namootni 82 to’annoo seeraa jala oolfaman”

  1. Pingback: blu vape
  2. Pingback: Saba sport

Comments are closed.