“Dubbiin lafaa dubbii lafeefi dubbii eenyummaati” – Obbo Guutaa Laachooree

Finfinnee: Dubbiin lafaa dubbii lafeefi eenyummaa waan ta’eef weerarri lafaa weerara eenyummaa ta’uu hubatamuu akka qabu Biiroon Lafa Oromiyaa ibse.

Hogganaan biirichaa Obbo Guutaa Laachoree sirna bulchiinsa lafaafi rakkoolee sanaan walqabatan ilaalchisee turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, lafti Oromoo magaalatti ijaarsa seeraan alaatiin, baadiyyaatti ammoo qubsuma seeraan alaatiin weeraramaa ture. Weerarri lafaa kun weerara eenyummaan illee akka walqabatu mirkanaa’eera. Jijjiiramni aadaa, eenyummaafi moggaasa lafaa shira weerara lafaatiin kan walqabatuudha.

Sababiin ummatichi wareegama qaalii kaffalaa tureefi jiru dachee uumaan kenneefirra nagaan ta’uu himanii, mootummaan naannichaas weerara lafaa magaalaa ijaarsa seeraan alaan walqabaturratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, naannawa Oromiyaan ollaan waldaangessitu garagaraatti qaamoleen daangaa bulchiinsaa darbanii lafa humnaan weeraran jiru. Haa ta’u malee, seerri alseerummaa keessummeessu akka Oromiyaattis ta’e akkuma biyyaattuu waan hinjirreef lafa qabatan kana akka gad lakkisaniif yeroo garagaraa itti himameera. Ammas mootummaan naannichaa rakkinicha bu’uurarraa furuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Namni lafa gurguruufi ogeessaafi hoggansi haala mijeessi lafa qofa osoo hintaane eenyummaa dhabamsiisaa jiru kan jedhan Obbo Guutaan, mootummaan naannichaa qaawwa seeraan walqabatu duuchuuf labsii haaraa sirna ittifayyadamiinsa lafaa diriirsuun magaalaattis ta’e baadiyyaatti lafa seeraan ala qabame deebisuuf hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Weerara lafaa babal’isuun walqabatee hoggansaafi hojjettoota hedduurratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu eeranii, tarkaanficha ittifufsiisuu cinattis saamicha lafaa hundeerraa furuuf hojii kaadaastaraa hanga ammaatti taasifameen aanaalee Oromiyaa 134 akkasumas lafa magaalaafi baadiyyaa kuma 180 kaadaastarrisaanii xumuramuu himaniiru.

Inisheetiivii lafaa hojiirra ooleen lafti Oromiyaan qabdu hektaarri miliyoona 37 tajaajila maaliif akka oolu adda ba’ee mootummaan naannichaa kallattii kaa’uu eeranii, namni kamuu lafasaa tajaajila jedhameef akka oolchu ummatni duudhaa ganamaa Oromootiin walhordofaa jiraachuus dubbataniiru.

Ragaa abbaa qabiyyee lafaatiin walqabatee qonnaan bultoota hedduuf ragaa abbaa qabiyyee lafaa kennuu ibsanii, ragaa abbaa qabeenyummaa kennameen qonnaan bultoonni ragaasaanii qabsiisuun tiraaktara 140 akkasumas qarshii biliyoona tokkoo ol liqiin fayyadamuu himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Dubbiin lafaa dubbii lafeefi dubbii eenyummaati” – Obbo Guutaa Laachooree”

  1. Pingback: phim vo thuat
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: porn sex

Comments are closed.