Imaammanni maallaqaa fooyyeffame qaala’ina gatii to’achuuf gargaara

Finfinnee: Fooyya’iinsi imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa tibbana ifoomse qala’iinsa gatii to’achuuf shoora olaanaa qabaachuusaa Yunivarsitii Haramayaatti Hayyuun Dinagdee Fireezar Xilaahun (PhD) ibsan.

Hayyichi ibsa kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, fooyya’iinsi imaammata maallaqaa qophaa’ee yaa’iinsa maallaqaa kan qaala’iinsa gatii haalaan hammeessaa jiru to’achuuf daran murteessaadha.

Waantonni qaala’insa gatiif sababa ta’an hedduun jiraatanis hanga barbaadamuu ol maallaqni dinagdee biyyaa keessa kan naanna’u yoo ta’e, qaala’iinsa jireenyaa haalaan hammeessa jedhanii, qarshii gabaatti gadi lakkifamu hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa mul’achaa jiru xiqqeessuuf tarkaanfiin baankichi fudhate sirriifi murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Imaammatichi baankotni hanga liqii dhibbantaa 14 akka hincaalchifne kan dirqisiisu ta’uu kaasanii, kun immoo of eeggannoon yoo raawwachiisan malee gama tokkoon hanga omishaa hir’isuun qaala’iinsa jireenyaaf sababa ta’uu malas jedhaniiru. Haalota dirqamsiisoo ta’aniin alatti mootummaanis hojiilee hundaaf akka barbaadetti liqii akka hinarganne kan taasisu ta’uus dubbataniiru.

Kaayyoo gooroon imaammaticha bu’aaqabeessa taasisuum hamma liqii hir’isuu qofa osoo hintaane damee kamirratti liqii dabaluufi kamirratti hir’isuun akka barbaachisu adda baasuu gaafatas jedhaniiru.

Itoophiyaa keessatti imaammatni maallaqaa kan kanaan dura ture qaawwa bal’aa waan qabuuf qaala’iinsa gatiif sababa tokko ta’uu kan eeran Doktar Fireezar, haa ta’u malee, biyyattii keessatti walitti bu’iinsi iddoo garaagaraatti uumamu, hanqinni galteewwan qonnaafi seektara industriiwwanii mudachaa jiru, alseerummaan adeemsa daldalaa keessatti mul’atuufi malaammaltummaan qaala’iinsa gatiif sababoota ijoo ta’uu dubbataniiru.

Garaagarummaan galii namoota dhuunfaa gidduu jirus wantoota biyyattiitti qaala’iinsi gatii akka dabalu taasisan keessaa tokko ta’uu hayyuun dinagdee kun eeraniiru. Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hundeerraa furuuf omishaafi omishtummaa dabaluun, daldaltoota seeraan ala omisharratti gatii dabalan irratti tarkaanfii fudhachuun, hojiilee maanufaakcharingii cimsuuf bajata olaanaa ramaduun mootummaan hojjechuu akka qabu Doktar Fireezar dhaamaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Imaammanni maallaqaa fooyyeffame qaala’ina gatii to’achuuf gargaara”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: Undressing AI
  3. Pingback: ufa191

Comments are closed.