“Itoophiyaafi Emereetonni Araba Gamtoomanii misooma waaraa ittifufsiisuuf tumsasaanii ittifufu” – Ministira Muummee Abiyyi Ahmad

• Itoophiyaafi Emereetoonni Araba Walta’anii dameelee misoomaa 17 irratti waliigaltee mallatteessan

Finfinnee: Itoophiyaafi Emereetonni Araba Gamtoomanii Misooma waaraa ittifufsiisuuf tumsasaanii akka ittifufuan Ministira Muummee Abiyyi Ahmad ibsan. Waliigalteen misoomaas mallatteeffame.


Ministirri Muummee Abiyyi daaw’annaa hojiif Itoophiyaa kan dhufan pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan simataniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi “Jaalatamaan obboleessaafi hiriyaan koo Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan baga nagaan Itoophiyaa dhuftan” jedhan ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin.

 Hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa dhufe walkabajaafi guddina waloof mul’ata waloorratti kan bu’uureffate ta’uus ibsaniiru. Biyyoonni lamaan misooma waaraa itti fufsiisuuf tumsasaanii akka ittifufan eeraniiru.

Oduudhuma walqabteen Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadiifi Sheek Mahaammad Biin Al Zaayid Al Naahiyaan jilawwansaanii qabachuun marii garlamees taasisaniiru.

Hoggantoonni lamaan hariiroon Itoophiyaafi Emereetota Arabaa Walta’anii jidduu jiru yeroo gara yerootti cimaaa dhufuu isbaniiru. Keessumaa hariiroo ummatoota biyyoota lamaaniifi dhalootasaanii ittaanuuf riqichoota cimaa caalaatti ijaaruuf kutattummaa qaban qoodaniiru.

Marii garlamee hordofee hoggantoonni lamaan sirna mallattoo waliigaltee industirii, qonna, invastimantiifi faayinaansii dabalatee dameelee adda addaa 17n biyyoota lamaan jidduutti taasifamerratti argamaniiru.

Rippoortara gaazexechaatiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to ““Itoophiyaafi Emereetonni Araba Gamtoomanii misooma waaraa ittifufsiisuuf tumsasaanii ittifufu” – Ministira Muummee Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: sex 12 tuổi

Comments are closed.