Federeeshinichi shampiyoonaa Atileetiksii 19ffaa addunyaatiif qophaa’aa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan Atileetiksii 19ffaa Addunyaa Hagayya 13-21 bara 2015 Magaalaa guddoo Haangaarii, Budaapestitti adeemsifamuuf qophii taasisaa jiru cimsee ittifufuu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.

Federeeshinichi garee atileetiksii Itoophiyaa dorgommicharratti biyya bakka bu’uun hirmaatu filachuun torbanoota darbanirraa jalqabee gaara Inxooxxoorratti qophaa’aa jiraachuu ibseera. Kunis atileetonni seenaa darbe irra deebi’uun akka galmeessaniif kan isaan gargaaru ta’uu eereera.

Itoophiyaan waldorgommii shaampiyoonaa darbeen fiigichaa dheeraafi giddugaleessaatiin meedaliyaa 101 kan fidde yoo ta’u, isaan keessaas: atileetonni 19 meedaaliyaa warqii 33, atileetonni 28 ammoo meetii 34fi atileetonni 25 nahaasaa 28 argamsiisaniiru.

Atileetonni Itoophiyaa fiigichaa dheeraafi giddugaleessaa akka Afrikaatti maqaa gaarii kan qaban yemmuu ta’u, kunis Atileet Abbabbaa Biqilaarraa hanga Hayilee Gabrasillaaseetti; Darartuu Tulluu hanga Xurunash Dibaabaa; Mirutsi Yifxarii hanga Qananiisaa Baqqalaa; Masaraat Daffaariii hanga Lattasanbat Gideeyitti fiigichaa dheeraafi giddugaleessaan atileetonni Itoophiyaa waggoota darbaniif addunyaarratti maqaa guddaa horataniiru.

Atileet Abbabaa Biqilaa urjii maratoonii bara 1960moota keessaati. Kunis meedaaliyaa warqii injifachuun baroota 1960fi 1964 fiigichaa olompiikiin rikardii addunyaa (2:12:11) galmeessisuun Afrikaarraa gurraacha yeroo jalqaabaatiif waldorgommii mo’ate ta’uun beekamtii argate.

Atileet Daraartuu Tulluu bara 1995tti waldorgommii Olompikii Baarseloonaa meetira kuma 10 irratti qabxii galmeessisteen akka Itoophiyaafi Afrikaatti dubartii jalqaabaa meedaaliyaa warqii argamsiiste ta’uunshee atileetota har’aatiif miira injifannoo ta’ee tajaajilaa jira.

Wasanee Amaaree

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Federeeshinichi shampiyoonaa Atileetiksii 19ffaa addunyaatiif qophaa’aa jira”

  1. Pingback: steenslagfolie

Comments are closed.