Akkaadaamichi bara dhufu ispoorteessitoota 300 ol simachuuf qophiidha

Finfinnee: Akkaadaamiin Ispoortii Itoophiyaa bara dhufu akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin ispoorteessitoota 300 simachuuf qophii ta’uu beeksise.

Ispoorteessitootni umuriinsaanii waggaa 16 gadi ta’’e kunniin waggoota afuriif akka turan Daarektarri Olaanaan akkaadaamichaa Obbo Anbassaa Inniyawu beeksisaniiru.

Akka ibsasaaniitti leenjiiwwan saayinsiidhaan deeggarame kan kennamuuf yemmuu ta’u, hojiin ispoorteessitoota kanneen filachuu guutummaa biyyaatti adeemsifamaa jira.

Hojiin ispoorteessitoota filachuu kun immoo marsaawwan lamaan kan adeemsifaman yemmuu ta’an, marsaan duraa Hagayyaa 5 hanga 20 bara 2015 yoo ta’u, marsaan lammaffaa Hagayyaa 20 hanga 30 bara 2015 kan kan geggeeffamu ta’a.

Akaakuuwwan ispoortii akkaadaamichi filannoo ittiin gaggeesssu atileetiksii, kubbaa milaa, tekuwaandoo addunyaa, kubbaa saaphanaa, biskileetii, buunyaa, teenisii minjaalaafi kubbaa kachoofaa ta’uus eeraniiru.

Garee guddattootaa biyyalessaa biyyaattii akaakuuwwan ispoortii garagaraan bakka bu’uun hirmaatan baay’eensaanii firii akkaadaamichaa ta’uus Obbo Anbassaan ibsaniiru.

Dabalataanis dorgommii olompiikii Tokiiyoo, tekuwaandoo addunyaan Itoophiyaa bakka bu’uun atileet Solomoon Tufaafi dorgommii gufaachiisaa meetira kuma sadiin rikardii addunyaa kan cabse atileet Lammeechaa Girmaa ispoorteesitoota akkaadaamichaa keessaa argaman ta’uu beeksisaniiru.

Shampiiyoona Atileetiksii Addunyaa guyyoota saddeet booda Haangarriitti gaggeeffamurraatti Itoopiyaanonni dorgommii gufachiisaa meetira kuma sadii kan bakka bu’an fageenya fiigichaatiin rikardii addunyaa kan qabu Atileet Lammeechaa dabalatee Geetinnat Waaleefi Abrahaam Simee ni argamu jedhaniiru.

Ispoorteessitoonni guddattootaa leenjiicharratti hirmaatan gahumsisaanii mirkaana’uun gara leenjichaa akka galan kaasuun, kanneen dandeettii qaban carrichatti akka fayyadamaan ergaasaanii dabarsaaniiru.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Akkaadaamichi bara dhufu ispoorteessitoota 300 ol simachuuf qophiidha”

  1. Pingback: VZ99 link
  2. Pingback: fortnite hacks
  3. Pingback: John Lobb

Comments are closed.