Ummanni Itoophiyaa aadaafi duudhaa waliin jireenyaa baroota lakkoofsisan qaba. Ummanni kun qomoo, amantii, ilaalcha siyaasaafi wantoota addaddummaasaa mul’isan qabaatus barootaaf waldanda’eefi walkabajee wajjumaan jiraateera; jiraataas jira.
Keessumaa yommuu biyyi haalota garagaraan rakkoo hammaataa keessa seentu tokkummaadhaan dhaabatee biyyasaa weerara diinaarraa qolateera. Rakkooleen uumamaafi namtolchee addaddaa yommuu uumamanis wajjumaan duulee injifateera.
Keessumaa ummanni Oromoo aadaafi duudhaa hammachuu qabuun sabootaafi sablammoota biyyattii ofitti qabuun barootaaf jiraateera, jiraataas jira. Ummanni kun bara addunyaan dimokraasii hojiirra oolchuu mitii yaaduuyyuu hinjalqabiinitti Sirna Gadaa kalaqatee ittiin bulaa tureen wantoota tokkummaa cimsanirratti hojjetaafi biyya kanaaf gumaachaa tureera, gumaachaas jira.
Gootonni Oromoo karaa qindaa’eefi bittinnaa’een saboota kaan wajjin ta’uun biyya badiirraa baraaruuf qabsoo hadhooftuu taasisaa kan dadhabanitti dhaloota guddisaa turan. Qaanqeen qabsoo gootota qaroo ilmaan sabaatiin qabsiifamte wareegama kaffaluun dhalootaa dhalootatti darbaa qeerroofi qarreen baallii fudhachuun qabsoo finiinsan.
Qabsoo sababa tokkummaa jabaa, jaarmiyaa siyaasaa cimaafi hoggansa bilchaataa dhabuutiin jaarraa lakkoofsise dhaloonni har’aa rakkoo milkaa’uu dhabuu mooraa qabsoo Oromoo hubachuun alaafi keessaa tokkummaasaa akka sibiilaa jabeessee hoggansa jabaadhaan masakamuun cunqurfamtoota ilmaan sabaafi sablammootaa bilisa baasee injifannoo dachaa galmeessise.
Ta’us har’a gareen finxaaleyyii kanneen walqixxummaa sabaafi sablammootaa, afaanii amantiitti hinamanne, farreen federaaliziimii sabdaneessaa akeeka ka’umsaafi ga’umsa hinqabneef meeshaa waraanaatiin deeggaramanii saamichaafi hookkararratti bobba’aniiru. Kanaanis ummataafi biyya gidiraawwan adda addaatiif saaxilaniiru.
Keessummaa mirgoonniifi faayidaaleen ummata Naannoo Amaaraa kan lammiilee kaan wajjin walitti hidhame ta’uun kan beekamu yoo ta’u, murni finxaalessaa garuu akka ololasaatiif itti toluuf waan ummanni Amaaraa cunqurfame fakkeessuuf wixxirfataa tureera.
Ololliifi hokkarri murnichi ummata naannichaa waraana keessa ture caalaatti gidirsuufi dhumaatii hamaatti oofuu kan kaayyeffate ta’uun dhugaadha.
Egaa naannoo kamittuu haa ta’uu eessattuu murna seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatee mootummaa sagalee ummataatiin filatameefi nageenya booressuurratti bobba’e yeroo dhumaatiif dhabamsiisuun biyyas ta’e saba boqochiisuun barbaachisaadha. Kanaafis ummatoonni biyyattii haaluma barameen ammas yeroo kamuurra tokkummaasaanii cimsatanii aannaniifi garaa ta’uun mootummaa sagaleesaaniitiin filatan maddii hiriiranii farreen nageenyaa dhabamsiisuu qabu.
Haalaafi sirna siyaasaa amma keessa jirruun gaaffiin kamuu deebi’uu kan danda’u mariifi marii qofaan ta’uu sirriitti hubatee tarkaanfii mootummaan nageenya mirkaneessuuf fudhatu kamuu onnee guutuufi tokkummaadhaan utubuun nageenyasaa tikfachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
6 Comments to “ Tokkummaa cimsachuun nageenya tikfachuu”
Comments are closed.