Sirna Gadaa: Sirna sagalee caalmaan osoo hintaane haqaan murtoo kennu

Finfinnee: Oromoon saba qaroomaa waggoota hedduu dura sirna bulchiinsa mataasaa tumatee ittiin bulaa as ga’edha. Umriinis ta’e duudhaalee of keessatti hammatuun Sirni Gadaa sirna dimokraasii addunyaan faarsuun yoo walbira qabamu fardaa lafa. Mootummaan naannoo Oromiyaas gara duudhaa ganamaatti deebi’uun fala ta’uu amanee sochii eegaluunsaa sababa quubsaa kanaan walqabata.

Pirezidaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas, Hayyuun Seenaa Obbo Dirribii Damusee yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf torban kana kennaniin, Sirni Gadaa falaasama gad fagoofi dhugaa waloo qabuun sirna dimokraasiin waldorgomsiisuun nama rakkisa jedhanii, sirna dimokiraasii keessatti dhugaan namoota muraasaa sagalee namoota wayyabaan wayita aguugamu Sirna Gadaa keessatti garuu haqa malee sagalee caalmaan murteessaa akka hintaane dubbatu.

“Sirna Gadaatiin Oromoon hunda caalaa dhala namaaf kabaja guddaa waan kennuuf nama dhugaa qabuun, biyyatu murteessa, dhugaa kee dhiisii sagalee caalmaaf bitami hinjedhu. Dirqiin nama amansiisuunis akka yakkaatti ilaalama. Namni dhugaa lafa jirus amanee yoo fudhachuu dide yeroon kennameef miiltoosaa waliin ibsi kennameef akka amanu taasifama malee akka sirna dimokraasii dirqiin amansiisuun hinjiru” jedhu.

Buusaa gonofaa, tajaajila lammummaa, mana murtii aadaafi gaachanni sirnaa, duudhaalee Oromoo murteessoo ta’uu eeranii, falaasamni duudhaalee kunneen duuba jiranis haalaan gad fagoo waan ta’aniif yoo karaa guutuun hojiitti hiikan godina roga maraaf shoorri qaban daran olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, Sirna Gadaa keessatti walgargaarsa akaakuu garaagaraatu jira. Nama balaa uumamaafi namtolcheen qabeenyi jalaa manca’eef deeggarsi taasifamu hirpha jedhama. Nama osoo carraaquu sababa garaagaraan hiyyummaaf saaxilamee gadooma keessaa baasuuf deeggarsi taasifamu buusaa gonofaa jedhama. Deeggarsa buusaa gonofaa kana keessatti fardaafi gaangee akkasumas lukkurraa kan hafe beeyiladoota fedhe kennuun ni danda’ama. Filmaata Gadaa gaggeessuuf buusiin taasifamu kaattoo wayita jedhamu deeggarsi Qaalluufi Qaallittiif taasifamu Qodhaa jedhama.

Oromoon nama sababa garaagaraan rakkoof saaxilame qabeenyaan tumsuun garasitti nama uumamaan dhala hinqabne “Osoo gosa qabduu dhala hindhabdu” jechuun saba dhalasaa waliif gumaachu ta’uu eeranii, dhala durbaa balaa garagaraan maatii dhabde cidha guddaa qopheessee “Sirna daara baasuu” jedhamuun ofitti fuudhee akka ilmoosaatti akka guddisus ibsaniiru. Sirna akkasii Oromoorraa kan hafe sabni kamuu akka hinqabnes himaniiru.

Mana murtii aadaa ilaalchisee jaarsi murtii laatu yoo xiqqaate waggoota 16 oliif gulantaa garagaraa keessatti qarama kan jedhan hayyuun seenaa kun, duudhaalee ganamaa kana karaa guutuun bakkatti deebisuuf itti gaafatamni guddaan mootummaarraa waan eegamuuf jalqabbii jiru gabbisuun barbaachisaa akka ta’es yaadachiisaniiru.

Ilmaan Oromoo, keessattuu dhalootni qubee sirna ganamaa dhiigaan deebifate kana caalaa qaroomina gad fagoo sirni qabu waan hinjirreef waan Oromoofi Oromummaa kana ofii jiraatee addunyaatti akka mul’isus dhaamsa dabarsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Sirna Gadaa: Sirna sagalee caalmaan osoo hintaane haqaan murtoo kennu”

Comments are closed.