Finfinnee: Magaalotni naannoo Amaaraa Finxaaleyyii Jaawusaan to’atamanii turan qindoomina Raayyaa Ittisa Biyyaafi ummata naannichaan bilisa ba’uu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibse. Balaliin xayyaaraas gara naannichaatti eegalamuus hubachiiseera.
Ministirri Tajaajilichaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, qaamni hidhatee naannichatti jeequmsa kaasee naannichatti qormaatni kutaa 12ffaa qixa sirriin akka hinkennamne, saamichaa garaagaraa raawwachuun, ummatni karaa tasgabbii qabuun akka hinsoomne taasisuufi xaa’oo saamuun qonna naannichaa danquun diinummaa ummataa naannichaaf qabu ifatti mirkaneesseera. Miidhaan naannichatti qaqqabe ragaan deggeramee fuuldutratti ummataaf ifa ta’as jedhaniiru.
Qaamni dheebuu aangoon guutume kun “Amaaraa jabduun ijaara” abjuu jedhuun, sirna sabaafi sablammoota biyyattii moggaatti dhiibuun wixxirfachaa jira jedhanii, yaadni akkasii maraatummaarraa kan darbe abjuu yoomuu galma hingeenye ta’uu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa qindoomina ummataafi Raayyaa Ittisa Biyyaan tarkaanfii fudhatamaa jiruun kan bittinnaa’ee qaamni badii kun Raayyaa Ittisa Biyyaarra maqaa balleessuurraa darbee diinota Itoophiyaan wal ta’uun dantaa biyyattii balaarra buusuuf dhagaan hingalagalchine akka hin jirre dubbataniiru.
Namootni yakka hamaa dalagaa jiraniifi miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun kallattiin qajeelcha kennan, deggersa taasisaniifi burjaajjii uumaa jiran 23 to’annoo seeraa jala oolanii dhimmisaanii ilaalamaa jiraachuun himamee, ta’us badiin ala koomandipoostii dhaabbateen hanga ammaatti namni to’annaa seeraa jala oole akka hinjirre himameera.
Osoo hinhubatiin namootni qaama badii kana waliin hiriiran hedduun gara nagaatti deebi’uun ibsamee, ammas taanaan namootni osoo hinhubatiin qaama biyya diiguuf wixxirfatu kana waliin hiriiran yoo kan deebi’an ta’e karri banaa ta’uufi namoota qaamolee badii keessatti hirmaatan kana deebisuuf carraaqanis akka jajjabeessuu hubachiisaniiru.
Qaamni badii kun yeroo dheeraaf qophii taasisaa turuufi humna naannichaan ol ta’uusaan gaaffii mootummaa federaalaaf taasifameen yeroo gabaabaa keessatti to’annoo jala ooluu himanii, ummatni naannichaa sodaa tokko malee gara hojii idileesaatti akka deebi’uufi qaama bittinnaa’ee nagaasaa booressuu yaalu qolachuuf akka of qopheessuu Doktar Laggassaa Tulluu waamicha dhiyeessaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
5 Comments to ““Naannoo Amaaraatti magaalotni to’annaa Jaawusaa jala turan bilisa ba’aniiru” -Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa”
Comments are closed.