“Galmi finxaaleyyii Itoophiyaa sabdaneettii har’aa yoo danda’an gara duriitti deebisuu yoo milkaa’uu baatemmoo akka diigamtu gochuudha” -Obbo Hayiluu Addunyaa

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa galmi finxaaleeyyii olaantummaa kanaan dura dhaban deeffachuu, eenyummaa sabaafi sablammootaa balleessuu, fedhii isaanii humnaan uummata Itoophiyaa irratti fe’uuf sochaa’aa kan jiran yoo ta’u yoo kuni milkaa’uu baate biyya diiguuf keessaafi alaan qindaa’anii hojjetu jedhan.

Qaamotni ilaalcha biyya nuti hin bulchine biyya taatee itti fufuu hin dandeessu jedhu qabatanii socho’an kun sirna qabsoo sabaafi sablammootaatiin kufe kaasuun bakka duraatti deebisuuf kan abjootaniidha jedhan.

Itoophiyaan biyya saba, sablammootaafi uummattoota hedduuti. Biyya akkanaa keessatti ammoo sirna dimokiraasii dhugaa diriirsuun walqixxummaa sabootaa dhugoomsuun tokkummaa biyyoolessaa cimsuun murteessaadha.

Ijaarsi biyyaa caasaaleefi bu’uuraalee mootummaa tajaajila kennuuf isa dandeessisu diriirsuudha. Ijaarsa sabaanis walqabatee biyya kana keessatti mul’ata waloo ijaaruu, eenyummaa waloo gabbisuun kan walqabatudha.

Ijaarsa biyyaa kana keessatti akkaataa eenyummaan waloo ijaaramuu qabaatu irratti yaadota garaa garaa jechuun yaadni tokko biyya sabaafi sablammootaa, afaan, duudhaan, eenyummaan garaa garaa jiru keessatti biyya jabduu eenyummaa waloo ijaaruun hin danda’amu waan ta’eef heddummina kana dhabamsiisanii gara tokkotti fiduu ilaalcha jedhudha. Inni biraa garaa garummaa jiru akkuma jirutti keessummeessuun ni danda’ama garaa garummaan akka idaatti osoo hin taane akka carraatti fayyadamanii biyya jabduu ijaaruun ni danda’ama kan jedhuudha.

Ilaalchi jalqaba kun baroota hedduu biyya keenya keessatti yaalamee hin milkoofne kan jedhan Obbo Hayiluun Finxaaleyyiin har’a socha’an kun ilaalcha kana humnaan biyyarratti fe’uuf kanneen abjootan ta’uu eeraniiru.

Mootummaan jijjiirama cabinsa siyaasaa kanaaf boqonnaa xummuraarraan gahuuf Komishiinii araaraa biyyaalessaa hundeessee marii furuuf hojjetaa jira. Kunis gaaffilee siyaasaa karaa nagaa deebisuu,badiifi cunqursaa seenaa keessatti mudataa ture boqonnaa xummuraa itti gochuuf hojiin gurguddaan hojjetamaa bakka jiranitti, finxaaleyyiin adeemsa kana qormaata keessa galchuuf socho’aa jiru jedhan Obbo Hayiluun.

Humnoonni finxaaleyyiin kun adeemsa mootummaan karaa araaraafi waliigaltee biyyaalessaa eenyummaa waloo gabbiisuuf deemaa jiru kana sabdaneessummaa fi eenyummaa sabootaa balfuun, ilaalcha jibbinsaa, ilaalcha anaaf malee, anaan malee qabatan, dorgomanii ajandaa gurguratanii gara aangootti dhufuu waan hin dandeenyeef karaa jeequmsaa, burjaajjii uumuun sabaafi sablammoota gidduutti wal shakkii uumuu, fedhii isaanii humnaan uummatarratti fe’uu socho’aa jiru.

Ilaalcha “Itoophiyaa jechaan Amaaraa; Amaaraa jechaan Itoophiyaadha” jedhuufi ijaarsa biyyaa kana keessatti sabaafi sablammootni gahee hin qaban,seenaa hin qaban, jedhuun jeequmsa kaasuun mootummaa sagalee uummataan filatame kana dorgomanii gara aangootti dhufuu waan hin dandeenyeef yeroo garaa garaa ajandaa burjaajessoon miiraa uummataa kakasuun keessattu Naannoo Amaaraa keessatti keessaafi alaan duula maqa balleessi gaggeessanii abjuu olaantummaa isaanii galmaan ga’uuf kan deemaa jiran ta’uu ibsaniiru.

Galmi humna finxaaleyyii inni biraa jeequmsa sabaafi amantaa irratti xiyyeeffate walirraa hin cinne kaasanii sabootni akka wal shakkan taasisuu, diinota Itoophiyaa seenaa keessatti beekaman dantaa isaanii akka galmaan gahan taasisudha.

Humni finxaalessaa kun saba diina jedhee akka diinaatti farraje irraatti miidhaa geessisuu haa ta’u malee dhumarratti deebi’ee of nyaata kan jedhan Obbo Hayiluun Finxaalessummaan Oromoo keessaa bahe jalqaba Oromuma miidha, finxaalessummaan saba Amaaraa bu’uura godhates sabumsaa nyaata waan ta’eef ilaalcha kanarratti qabsoo cimaa taasisuu, barbaada.

Ilaalchafi gocha finxaaleyyummaa kana qolachuuf tokkummaa sabdaneessummaa cimsuu, hawaasa mariisisuu, ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuu, Itoophiyaa hunda fakkaattu hunda hammattu ijaarsa jalqabame cimsuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fa’aa akka feesisu ibsaniiru. Keessattuu finxaalessitoonni Amaaraa adda durummaan kan akka diinaatti faraju Uummata Oromoo waan ta’eef aadaasaa dhabamsiisuu, lafasaa saamuuf humnaan socha’aa jiru kana dura dhaabachuun murteessaadha.

Qabsoon Jaawwisaan gaggeessaa ture qabsoo mootummaarratti taasifamu osoo hin taane sabarratti xiyyeeffateeti. Oromoorratti xiyyeeffatee haa ka’u malee galmi isaa saba Oromoo qofa miti saba hundarratti kan jedhan Obbo Hayiluun agarsiistuunis kanaan dura badii inni Matakkalitti taasise, uummata Qiimaantiirratti taasise ka’uun ni danda’ama jedhan.

Dhiyeenya kana diinni kun karaa Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa seenee badii tokko tokko raawwachuu Obbo Hayiluun ibsanii, humni nageenyaa humna kana qolachuuf sochii taasisa ture,finxaaleyyiin Afaan Oromoo dubbatan Shaneen immoo humni nageenya kun diina daangaa ce’uun uummatarratti qaaxxessuu qolachuuf akka uummataaf hin qaqqabneef dhukaasa itti banuun miidhaan akka gahu taasisuu eeraniiru.

Haata’u malee diina daangaa cabsee dhufe kana uummatni taa’ee hin ilaalle milishaafi caasaa nageenyaa qabu wajjiniin diina kana haleele ofirraa deebisuu danda’uus eeraniiru.

Kanaaf finxaaleyyiin Afaan Oromoo dubbatanis Afaan Amaaraa dubbatanis galmi isaanii tokkuma farra sabdaneessummaa, biyya diiguu ta’uu isaati jedhan.

Kanaaf Uummatni Oromoo garaa garummaa tokko malee keessattis alattis ilaalchaafi gocha humna finxaaleyyii dura dhaabbachuu, tokkummaasaa sabaafi sablammii hunda hammachuu seenaa keessatti qabu cimsuun humna finxaalessaa diina isa miidhuuf socho’u kana ofirraa qolachuu qaba, abjuun humna finxaaleyyii kun abjuu ta’ee hafuu akka hafu gochuu qaba.

Finxaaleyyiin ajandaa jibbinsa, olola sobaa miidiyaalee qabanitti fayyadamuun kan tamsaasan waan ta’eef, hawaasni odeeffannoo sobaa finxaaleyyiin akka hin burjaajofne miidiyaaleen biyyatti odeeffannoo qulqulluu hawaasa biraan gahuu akka qabaatanis dhaamaniiru.

Adoolessa 5/2015

Recommended For You

5 Comments to ““Galmi finxaaleyyii Itoophiyaa sabdaneettii har’aa yoo danda’an gara duriitti deebisuu yoo milkaa’uu baatemmoo akka diigamtu gochuudha” -Obbo Hayiluu Addunyaa”

  1. Pingback: fiwfans
  2. Pingback: my post

Comments are closed.