Atileetoonni Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaaf shaakalli taasisaa jiru

Finfinnee: Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa ALA August 19-27 bara 2023 (Hagayya 13- 21 bara 2015) Hangaarii Budaapeestitti taasifamuuf atileetoonni Itoophiyaa fageenya addaddaan dorgoman shaakalasaanii taasisaa jiru.

Atileetoonni korniyaa lameenin fegeenya meetira 800, kumaafi 500, gufachiisa kuma sadii, kuma shan, kuma kudhaniifi maaraatooniin ulaagaa guutan filatamanii hoteela galuun shaakallisaanii Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti taasisaa kan jiran yoo ta’u, wayita ammaa atileetoonni shaakalliira jiran fayyaa guutuufi dhaabbii gaariirra jiraachuu Ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Leenjisaa fiigicha fageenya dheeraa Budaapeestii garichaa Komishinarri Gargaaraa Huseen Shaboo akka ibsanitti, yeroo ammaa atileetoonni minimaa guutuun filataman qophii ga’aa taasisaa jiraachuufi qophiin taasifamus karaa itti fufiinsaafi fulla’insa qabuun ta’uu dubbatu. Atileetoonni qaamaanis xiinsammuutiinis ga’oo akka ta’aanif shaakkalliisaanii ganamaafi waaree booda taasisaa jiraachuus kaasu.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas atileetoonni, leenjistoonniifi jilli shaampiyoonicharratti hirmaatan hoteela erga seenanii kaasee wantoota barbaachisan hunda guutuun hordoffiifi deggarsa taasisaa jiraachuu himanii, gaggeessitoonni olaanoos bakka shaakallitti argamuun isaan jajjabeessaa jiraachuu himu.

Shaampiyoonicharratti akkuma barame atileetoonni Itoophiyaa miira waldeggaruufi, tokkummaatiin maqaa biyyattii waamsisuun, alaabaa biyyattii waltajjii idil addunyaarratti ni tallisiisu abdiin jedhu jiraachuu leenjisaan kun himanii, seenaan Haayilee, Qananisaa, Mirutsi, Xirunash, Masaratiifi atileetoota biroo irra deebi’ama jedhamee akka eegamus ni dubbatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Atileetoonni Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaaf shaakalli taasisaa jiru”

  1. Pingback: hostel bangkok

Comments are closed.