Finfinnee: Sagantaa Ashaaraa Magariisaan namoota kuma 700 carraan hojii uumamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichatti Daarektara Qabeenya Uumamaa kan ta’an Obbo Tafarraa Taaddasaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ashaaraan magariisaa gama dinagdeen faayidaa kallattiifi alkallattii hedduu qaba. Sagantichi karaa qindaa’een eegaluunsaa reefu waggaa shan ta’uusaatiin bu’aaleen eegaman caalaatti fuulduratti kan mul’ataniidha. Ammattis sagantichaan buufataalee biqiltuurratti hojii biqiltuu kunuunsuu, kompoostii qopheessuu, horsiisa kanniisaafi kunneen birootiin carraa hojii uumuun danda’ameera.
Gama wabii midhaan nyaataa mirkaneessuutiin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa shoora olaanaa qabaachuu ibsanii, sagantichaan biqiltoonni kuduraafi muduraa baay’inaan akka dhaabbataniif xiyyeeffannoon addaa itti kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Gabaan gurgurtaa kaarboonis biyyattii keessatti ho’aa jiraachuufi kunis galii biyyattii dabaluu keessatti shoorasaa akka ba’atu gargaaruu ibsaniiru.
Dabalataanis, dhiqama biyyee ittisuun omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf qoodni ashaaraan magariisaa qabu guddaa akka ta’e daarektarichi himaniiru.
Gama dippilomaasiitiinis Itoophiyaan sagantichaan rakkoo idil addunyaa kan ta’e rakkoo jijjiirrama qilleensaa hir’isuuf hojjechaa waan jirtuuf michoomafi fudhatamummaa biyyattii dabaluufis sagantichi faayidaa akka qabus dubbataniiru.
Akka ibsa Obbo Tafarraatti, biyyattiin saganticha karoorfattee hojiitti hiikuun milkooftee jirti, milkaa’ina kanaaf ammoo xiyyeeffannoon qondaaltota olaanoo biyyattiitiin kenname iddoo olaanaa qaba. Kanarraa kan ka’e Itoophiyaan hojii addunyaa dinqisiisu hojjechuu dandeessee jirti. Hawaasa idil addunyaa biratti sagantichi fudhatamummaa guddaa waan argateef deeggarsi dhaabbilee miti mootummaa biyya keessaafi biyya alaas daran kan nama boonsudha.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
5 Comments to “Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin namoota kuma 700f carraan hojii uumameera”
Comments are closed.