“Qulqullina barnootaa fooyyessuuf imaammata barnootaa haaraa ba’e sirriitti hojiirra oolchuun murteessaadha” -Doktar Nagarii Leencoo

Keessummaan Bariisaa torban kanaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Teknolojii kan ta’an Doktar Nagarii Leencooti.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, barnootaafi muuxannoo hojii keessan utuu nuuf ibsitanii?

Doktar Nagarii: Naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Daallee Waabaraa, Ganda Baadiyyaa Noolee Gabireel jedhamuttin dhaladhe. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti bakkuma dhalootakoo Mana Barnootaa Waleensuu, kutaa 7ffaafi 8ffaas ammoo Mana Barnootaa Qaaqeettin baradhe. Barnootakoo sadarkaa lammaffaas Mana Barnootaa beekamaa ‘Bethel Evangelical Secondary School’ (BESS) kan Magaalaa Dambi Dollootti argamuttin baradhe.

Barnootakoo digirii jalqabaa Kollejjii Barsiisotaa Kotobee kan yeroo ammaa Yunivarsitii Barnootaa Kotobee jedhamutti baradheen ‘Engilish Language and Literature’n eebbifame. Digiriikoo jalqabaatti ‘Meejariin’koo Ingiliffaa yoo ta’u, ‘Maaynariin’koo ammoo Seenaadha.

Digiriikoo lammaffaa ammoo Yunivarsitii ‘Hyderabad’ kan Hinditti argamutti baradheen ‘Mass Media and Commnication’dhaan eebbifame. Gara Miidiyaatti kanan dhufe digiriikoo lammaffaa booda. Digiriikoo sadaffaas Yunivarsitii ‘Andhra’ Hinditti argamutti baradheen ‘Journalism and Mass Communication’ niin eebbifame.

Waraqaan qo’annoo koo digirii sadaffaa ‘Gahee Miidiyaan misooma biyyaafi Dimokraasii dagaagsuu keessatti qabu maali? kan jedhurratti xiyyeeffata. Qo’annoo kana miidiyaa mootummaa sadarkaa federaalaafi naannootti jiraniifi miidiyaa dhuunfaa biyya keessa jiranirratti hundaa’een hojjedhe. Dhimma kanarratti yeroo garagaraa leenjii kennaas tureera.

Muuxannoo hojiin walqabatee digirii tokkoffaa akkuman xumureen Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti argamutti mindeffameen Ogeessa Qorannoo Afaaniifi Aadaa ta’ee waggaa lamaaf hojjedheera. Gareen wajjin hojjedhu waliin Aadaafi Afaan Oromoorratti qorannoo saayinsaawaa adeemsisaan ture. Afoola Oromoos jaarsoliirraa qorachuun akka maxxanfamuuf ta’utti qindeessee barreessaan turre. Qorannoon guddinaafi dagaagina Afaan Oromoorratti taasisaa ture bifa kitaabaan maxxanfameera. Barruuleen lamas maxxanfamaniiru; afur ammoo erga maxxansaaf ga’anii boodan barumsakoo digirii lammaffaaf Hindii deeme.

Barumsakoo digirii lammaffaa xumuree yeroon deebi’u, Biiroo Beeksisaafi Aadaa Oromiyaatti, gaazexeessaa ta’ee ji’a ja’aaf ergan hojjedhee booda, Yunivarsitii Finfinneetti miindeffamee koorsii gaazexeessummaa ‘Communication and Public Relation’ barsiisaan ture. Yunivarsitichatti, ‘Inistitute of Language Studies (ILS)’tti ittaanaa diinii ta’ees hojjedheera.

Yunivarsitii Finfinneetti ‘School of Journalism and Communication, Ethiopian Mass Media Training Insititute’ dabalatee of danda’ee yeroo inni jabaachaa dhufe garasitti jijjiirameen barsiiseera, ‘Graduate Program Coordinator’ fi diiniis ta’ee hojjedheera. Yeroon Yunivarsitii ‘School of Journalism and Communication’ barsiisaa ture digirii lammaffaan Gaazexeessummaafi Kominikeeshiniidhaan qofa kennamaa ture. Sagantaan digirii lammaffaa gargaarsa warra Noorwaayiin baname kun utuu guddatee hinbabal’atin waggaa kudhaniif ture.

Bara 2008 gara hoggansa mana barumsichaatti akkuman dhufeen warra na faana hojjetan waliin ta’uun digirii lammaffaa Gaazexeessummaafi Kominikeeshinii sagantaa barumsa guyyaatiin qofa kennamaa ture sagantaa barumsa galgalaatiinis akka banamu taasifne. Bara jalqabaa barattoonni digirii lammaffaa sagantaa barumsa galgalaatiin barachuuf kan nuti yaadnee ol waan ta’aniif qormaata seensaatiin calallee barattoota 60 simannee barsiisuu jalqabne. Sagantichi barattoonni hedduun gaazexeessummaadhaan digirii lammaffaa akka barataniif carraa gaarii uumeera. Kun milkaa’ina guddaadha.

Sagantaa barnootaa damee kanaa babal’isuudhaan kollejjii of danda’e akka ta’uufis hojii guddaa hojjenneerra. Kariikulamii qopheessinee gaazexeessummaan digirii sadaffaatiinis akka jalqabu taasifneerra. Kun hojii milkaa’ina guddaa qabu ani Yunivarsitii Finfinneetti raawwadhe keessaa isa tokkoodha.

Sadaasa bara 2009 ammoo muudamee gara Ministira Kominikeeshinii Mootummaatti dhufee waggaa tokkoofi ji’a saddeeti hojjedheera. Erga mootummaan jijiiiramaa kun dhufe ammoo Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ta’ees hojjedheera. Gabaabumatti barsiisaa, hogganaa kominikeeshinii mootummaa federaalaafi naannoo, walittiqabaafi miseensa boordii miidiyaafi yunivarsitii gara garaa ta’ee hojjedheera.

Walittiqabaafi miseensa boordii ‘EBC’ fi Yunivarsitii Dambi Dolloo ta’ee hojjedheera. Miseensa Boordii ‘Ethiopian News Agency’ fi Dhaabbata Raadiyoofi Televiizhinii Oromiyaa kan yeroo ammaa ‘OBN’ jedhamuus ta’ee hojjedheera. Amma ammoo miseensa boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa ta’een hojjechaa jira.

Waggoota sadan darbanii as Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Haajaa Alaafi Nageenyaa ta’ee hojjedheera. Yeroo ammaa ammoo Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Tekinolojii ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: Koreen dhaabbii kun dhaabbilee federaalaa kamfaa to’ata ykn hordofa?

Doktar Nagarii: Korichi Ministeera Barnootaa, Ministeera Hojiifi Ogummaa, Ministeera Innoveeshiniifi Teknolojii, Komiishinii Siivil Sarvisiifi Akkaadaamii Hoggansa Hayyoota Afrikaa hordofa ykn to’ata. Sektaroonni kunneen misoomaafi guddina biyya tokkoof bu’uura waan ta’aniif qindoominaan waliin hojjechaa jiru. Teknolojiin hojiilee damee faayinaansii, barnootaafi hariiroo biyya alaarratti daran murteessaadha. Innoveeshiniifi Teknolojiin lafee dugdaa biyya tokkooti.

Barnoota sadarkaa gadiirraa kaasee hanga sadarkaa olaanaatti kan hogganu Ministeera Barnootaati. Yunivarsitiiwwan mootummaa 47, kan dhuunfaa shan, Yunivarsitii Kollejii dhuunfaa 10, kollejoota dhuunfaa 300 ol ta’an Ministeera Barnootaa jala jiru. Abbaan Taayitaa Barnootaafi Leenjii Itoophiyaa, Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatawwaniis Ministeera Barnootaa jala jiru.

Ministeerri Hojiifi Ogummaas rakkoo hojidhabdummaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Biyyi keenya nama baratee hojii hinqabneefi baratee hojjechuu hinndandeenye hedduu qabdi. Ministeerichi rakkoo hojdhabdummaa, baratanii ba’anii dandeettiifi hojii dhabuu akkasumas beekumsa horatan hojiitti jijjiiruu dhabuu furuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Ministeerichi namni barate tokko dandeettii hojjechuufi hojii uummachuufi beekumsa isaa hojiitti jijjiiruu akka danda’u taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Sektaroonni dhuunfaa Itoophiyaatti sadarkaa barbaachisuun waan hinbabal’aneef barattoonni yunivarsitiiwwan gara garaa irraa eebbifamanii barbaadan irra jireessi hojii mootummaa barbaadu. Sirni barnootaa biyyattii dandeettii cimsuurratti xiyyeeffate kennamaa waan hinturreef hojjettoonni sektaroota mootummaa gara garaa keessatti miindeffaman hedduun ga’umsaan tajaajila barbaachisu kennaa turan jechuu hindandeenyu.

Sektara mootummaa ammoo kan hogganu Komiishiniin Siivil Sarvisiiti. Komiishinichi mootummaa jijjiiramaa kana keessatti riifoormii geggeessuudhaan ergama guddaa itti kenname milkeessuuf hojjechaa jira. Sektaroota mootummaa keessatti bulchiinsi gaariin mirkanaa’ee ummanni tajaajila si’ataafi qulqullina qabu akka argatu taasisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gama kanaan ammayyuu rakkooleen gurguddoon waan mul’ataniif gara fuulduraattis xiyyeeffannaa cimaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Korichi raawwii karoora hojii sektaroota armaan oliitti eeramanii kurmaana kurmaanaan ni hordofa. Dhugaa dubbachuuf taanaan raawwiin hojiisaanii sadarkaa fooyya’aarra jira.

Bariisaa: Sochii Ministeerri Barnootaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf taasisaa jiru akkamitti ibsama?

Doktar Nagarii: Ministeerri Barnootaa rakkoo qulqullina barnootaafi naamuusaa hamaan jiraachuu qorannoon adda baasee waggaa darberraa eegalee xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jira. Rakkoo qulqullina barnootaa sadarkaa gadiirra kaasee hanga oliitti mul’atu furuudhaaf karoora tarsiimowaa baafatee karoora yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraatiin furuuf hojjechaa jira. Bara darberraa eegalee qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa yunivarsitiiwwan keessatti akka kennamu ta’eera.

Qormaatichi yunivarsitii keessatti akka kennamu ta’uun hanna qormaataa hambisuun qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haalli mijataan jiraatus jiraachuu baatus barataan qayyabatee qormaataaf akka of qopheessu taasiseera; barataan tokko barataa biraarratti hirkatee darbuus hambiseera.

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara darbe fudhatan keessaa kan qabxii seensa yunivarsitii argatan muraasa ta’uun barattootaafi barsiisotaaf ergaa guddaa dabarseera. Barattoonni qayyabatanii qormaataaf akka qophaa’an taasiseera. Ittifufanii jiraachuun barsiisotaa milkaa’ina barattootaarratti waan hundaa’uuf barattootasaanii qormaataaf qopheessuurratti akka xiyyeeffatan taasiseera. Hoggansi barnootaas akka of ilaaluufi galteewwan barnootaaf barbaachisan guutuurratti akka xiyyeeffatu taasiseera.

Gara fuulduraatti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa meeshaaleefi teknolojii barbaachisu guutuun manneen barnootaa keessatti akka kennamuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba. Manneen barnootaa baadiyyaa keessa jiranis hundi tajaajila humna ibsaafi intarneetii akka argatan taasisuunis dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

Bariisaa: Qulqullinni barnootaa sadarkaa gadiirra kaasee akka eegamuuf Ministeerri Barnootaa maal hojjechaa jira?

Doktar Nagarii: Qulqullinni barnootaa sadarkaa gadiirraa eegalee akka fooyya’uuf Ministeerri Banootaa imaammata barnootaa haaraa baasee hojiirra oolaa jira. Imaammatichi ministiriin kutaa 6ffaafi 8ffaatti akka kennamu, qormaanni biyyaalessaa kutaa 10ffaa hafee kutaa 12ffaa qofatti akka kennamu taasiseera. Barnoonni digirii tokkoffaa waggaa sadii ture waggaa afur akka ta’u taasiseera. Leenjii barsiisotaatiifis qophiin gara garaa taasifamaa jira. Kariikulamiin leenjii barsisotaas ta’e sirni barnootaa haaraan ba’e hojiirra oolmaarratti hanqina qabaatus sochiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf eegalame jijjiirama gaarii agarsiisaa jira.

Hojiin hoggansa barnootaafi barsiisota leenjiidhaan jijjiiruuf raawwatamaa jirus jalqabbii gaariidha. Kollejjoonniifi yunivarsitoonni leenjii barsiisotaas ittigaafatamummaa guddaa itti kenname ga’umsaan akka ba’ataniif bajanni ga’aafi humni namaa ga’umsa qabu ramadamuufii qaba; galteewwan barbaachisanis guutamuufii qabu. Imaammata barnootaa haaraa bahe hojiirra oolchuurratti hanqinni waan jiruuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Qulqullinni barnootaa sadarkaa guddina dinagdeefi tasgabbii siyaasa biyyaa waliin deema. Dinagdeen biyya tokkoo gad bu’aa yoo ta’e, qulqullinni barnootaas duukaa gad bu’a. Barumsa qulqullina qabu kennuudhaaf leenjii qulqullina qabu kennamuu qaba. Leenjii qulqullina qabu kennuun ammoo bajata gahaa barbaada. Manneen barnootaas ulaagaa barbaachisu guutuu qabu.

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi giddugaleessaa biyyattii keessa jiran keessaa % 85.9 sadarkaadhaa gad yoo ta’an, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessaa ammoo % 70.9 sadarkaadhaan gadi. Barsiisonni akaakuu barnootaa barsiisan qoramanii darbuu dadhabanis danuudha. Kanaafuu hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuun oolmaa daa’immaniirraa eegalee irratti hojjetamuu qaba.

Manneen barnootaa sadakaa tokkoffaafi lammaffaa biyyattii harki caalaan sadarkaa gad ta’uun qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa waan uumuuf sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuufi galteewwan barbaachisan guutuun hojii xiyyeeffannaan olaanaa barbaaduudha. Waggoota muraasa keessatti hoggansa mootummaatiin manneen barnootaa sadarkaasaanii eeganiifi galteewwan barbaachisaniin guutaman ijaaruun dirqama ta’a.

Barana labsiin dhaabbilee barnoota olaanaa hogganuuf gargaaru lama ragga’eera. Isaanis labsii ofiin of bulchuu yunivarsitootaafi labsii qindoomina BLTO, Dhaabbilee Qorannoofi Industiriiti. Labsiiwwan kunneen barattoonni utuma yunivarsitiitti baratanii dandeettii hojii uumuus horatanii akka bahaniif kan gargaaruudha.

Bariisaa: Yunivarsitoonni ofiin akka of bulchan ta’uun faayidaa akkamii qaba?

Doktar Nagarii: Yunivarsitoonni ofiin akka of bulchan taasisuun qulqulina barnootaa fooyyessuufi rakkoo barsiisonni yunivarsitii faayidaan walqabsiisanii kaasan furuu keessatti gahee olaanaa qaba. Akkasumas, rakkoo walabummaa ogummaan walqabatee ka’u furuu, hoggansi yunivarsitii walaba ta’ee galteewwan barbaachisan akka guuttatu taasisuu, beekumsasaa gurguree galiisaa akka guddifatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kunis hojiilee barana raawwataman keessaa milkaa’ina guddaadha jennee fudhanna.

Bariisaa: Qormaanni bahiinsaa digirii tokkoffaa barana yunivarsitiiwwan mootummaafi dhuunfaa keessatti jalqabe qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti faayidaa akkamii qaba?

Doktar Nagarii: Qormaanni bah’iinsaa yunivarsitii duraan barnoota fayyaafi seeraa qofaan kennamaa ture barana barattoonni yunivarsitii mootummaafi dhuunfaa utuu hinjedhiin akka fudhatan ta’eera. Kunis qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaatti aansee qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti jijjiirama guddaa fida jennee amanna.

Barattoonni yunivarsitii mootummaa keessatti milkaa’uu hindandeenyeefi carraa yunivarsitii seenuu hinarganne yunivarsitii dhuunfaatti baratanii digirii argatu. Yunivarsitiiwwan mootummaa keessatti qabxii guddaan akka salphaatti hinargamu. Yunivarsitiiwwan dhuunfaa baay’ee keessatti ammoo qabxii guddaa kennuun ni mul’ata. Kun qulqullina barnootaarrattis ta’e hojii argachuurrattis dhiibbaa olaanaa uumaa jira.

Barattoonni yunivarsitii mootummaatti baratan dandeettii qabaatanis qabxiin isaanii gad bu’aa waan ta’uuf ba’anii hojii dorgomuuf ni rakkatu. Qormaanni ba’iinsa yunivarsitii rakkoo kana hambisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ammaan booda dhaabbileen gita hojii duwwaarratti dorgomsiisan qabxii digirii qofa osoo hintaane qabxii qormaata ba’iinsaas ilaaluun dorgomsiisu.

Haala kanaan dura baratameen dhaabbileen tokko tokko ammoo barattoota yunivarsitii mootummaarra ba’an qofarratti xiyyeeffachaa turan. Kun ammoo barattoota yunivarsitii dhuunfaarraa ba’anirratti dhiibbaa uuma. Qormaatni ba’iinsa yunivarsitii barattoota yunivarsitii mootummaafi dhuunfaarraa ba’an qixa waan madaaluuf qulqullina barnootaa mirkaneessuufis ta’e carraa hojii ba’e qixa akka dorgoman kan taasisuudha. Barattoonni qormaata ba’iinsaa darban sadarkaa biyyattis ta’e Afrikaatti dorgomuu ni danda’u.

Ammaan booda yunivarsitii mootummaattis ta’e dhuunfaatti digirii lammaffaafi sadaffaa barachuuf qormaata seensaa sadarkaa biyyaatti ba’u darbuun dirqama ta’a. Yunivarsitoonni baay’een barattoota digirii lammaffaafi sadaffaa baratan qormaata seensaa kennaniifii simatanii yoo barsiisan, kaan ammoo qormaata seensaa malee simatanii barsiisaa jiru. Fakkeenyaaf Yunivarsitiin Finfinnee barattoota digirii lammaffaa sagantaa barumsa guyyaafi galgalaatiin baratan hundaaf qormaata seensaa kenneefii simatee barsiisa. Yunivarsitoonni mootummaa tokko tokko garuu dippaartimantiin sun akka hincufamneef jecha qormaata malee barattoota simatanii barsiisaa jiru.

Yunivarsitoonni dhuunfaas barattoota digirii lammaffaa qormaata seensaa malee simatanii barsiisaa jiru. Kun qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf qormaanni seensaa sadarkaa biyyaatti ba’u yunivarsitoota mootummaafi dhuunfaatti kennamuu qaba.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf dhaabbilee barnoota dhuunfaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa utuu qulqullina barnootaa hineegiin maallaqa walitti qabanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jira. Manneen barnootaa dhuunfaa tokko tokko imaammata barnootaa mootummaan baase baqachuuf jecha utuu ulaagaa barbaachisu hinguutiin maqaa ‘International’ jedhu maxxanfatanii hojjetanirratti qorannoo taasisuudhaan tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamaa jira.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf imaammata barnootaa haaraa ba’e sirriitti hojiirra oolchuun dhimma murteessaadha. Imaammaticharratti hundaa’uun kariikulamii barnootaa jijjiiruu, leenjii barsiisotaarratti xiyyeeffachuu, barsiisota dandeettii gahaa qaban horachuu, galteewwan barnootaa guutuun, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, sirna madaallii cimsuufi hordoffiifi to’annoo qulqullina barnootaa cimsuun dhimmoota gurguddoo xiyyeeffannoo olaanaan irratti hojjetamuu qabaniidha.

Ministeerri Barnootaafi Abbaan Taayitaa Barnootaafi Leenjii Federaalaas qajeelfama dhaabbileen barnoota olaanaa hojiirra oolchuu qaban baasuun qulqullina barnootaa fooyyessuurratti hojiilee gurguddoo raawwachaa jiru.

Bariisaa: Ga’ee barsiisonni qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti qaban akkamitti ibsama? Haalonni barsiisotaaf mijachuu qabanis maalfaadha?

Doktar Nagarii: Barsiisaa dandeettii qabuufi qulqullina barnootaa eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjetu baay’inaan horachuun qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Barsiisonni hojii qulqullina barnootaa fooyyessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuuf faayidaa isaaniif malu argachuu, bakka isaaniif malu jiraachuu, mindaa isaan jiraachisu argachuu, mana keessa jiraatan argachuu qabu. Barsiisonni keenyaa faayidaa isaaniif malu argachaa waan hinjirreef haamileen isaanii gad bu’aadha.

Biyya keenyatti barsiisaan yunivarsitii barattoota barsiisu wajjin waliin waldhiibee baasiifi taaksiidhaan socho’a. Kun haamilee barattootaatiifis gaarii miti; akkas erga ta’ee maaliif baranna yaada jedhu isaan keessatti uuma waan ta’eef kun fooyya’uu qaba.

Barsiisaan yunivarsitii hojii baruu barsiisuu, qorannoofi qo’annoorratti xiyyeeffatee akka hojjetu taasisuuf yoo xiqqaate mana jireenyaafi geejjiba ittiin socho’u qabaachuu akka danda’uu gochuufi mindaa isaafi maatiisaa jirachisuu danda’u akka argatu gochuun barbaachisaadha. Barsiisaarratti hojjechuu baannaan waa’ee qulqullina barnootaa yaaduun hindanda’amu. Isa kana jala murree beekuu qabna.

Bariisaa: Hojiin baruu barsiisuu rakkoo nageenyaatiin akka hingufanneef maaltu hojjetamuu qaba?

Doktar Nagarii: Nageenyi bu’uura guddina biyya tokkooti. Biyyi utuu waraana keessa jirtuu guddatte hinjirtu. Biyyi waraanarra jirtu qabeenya guddaa misoomaaf oolu gara waraanaatti naannessiti. Biyyi tokko guddachuuf qabeenya uumamaa, qabeenya namaa, kaappitaala, teknolojiifi bulchiinsa gaarii qabaachuu qabdi. Isaan kunneen walqabatanii dinagdee biyyattii guddisuu kan danda’an yoo nageenyi jiraateedha.

Biyyi keenya rakkoo nageenyaatiin baay’ee miidhamteeti. Itoophiyaan bara Dargii waggoota 17f waraana keessa turte. Sababa kanaan maallaqni biyyattii harki caalu waraanaaf oolaa ture. Mootummaan ADWUIs qarshii hedduu liqeeffachuun biyyattii keessatti tasgabbii uumuuf yaalus yeroo dheeraaf waraana waliiniifi Ertiraa waliiniirra ture. Dinagdeen Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf waraanaaf oolaa ture.

Utuu qabeenyi waraanaaf oolaa ture misooma damee barnootaafi fayyaatiif ooleera ta’ee jijjiirama guddaa fida ture. Waraanni waliinii kun lubbuu namaafi qabeenya guddaa barbadeessaa waan jiruuf mariidhaan furmaata argachuu qaba. Waggoota lamaan darban sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa tureen Tigraay keessatti barattoonni guutummaatti barnoota dhaabanii jiru. Kun hundi rakkoo nageenyaafi waraanaatiin nutti dhufe waan ta’eef raawwannee waraana keessaa ba’uu qabna.

Rakkoo nageenyaa furuuf ammoo sirna dimokiraasii cimaa ta’e ijaaruun barbaachisaadha. Haqa kiyyatu jallate kan jedhu hundi meeshaa waraanaatiin utuu hintaane karaa nagaafi mariitiin rakkoosaa furachuu danda’uu qaba. Kanaafuu sirni dimokiraasii hundumtuu gaaddisa tokko jala taa’ee itti mari’atu jiraachuu qaba.

Qaamni yeroo ammaa kutaalee biyyattii gara garaa keessatti meeshaa kaasee jiru hundi karaa nagaafi mariitiin rakkoosaa akka hiikkatu taasisuuf ammoo sirna dimokiraasii dagaagsuurratti hojii guddaan waan nu hafuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabna. Biyyattiitti nageenya mirkaneessuuf dhaloonni guddachaa jiru beekumsaan waldhaggeeffatanii rakkoo furuutti amanuu qaba. Aadaa mariidhaan rakkoo furuu keenyaa guddifachuutu nurra jira.

Hanga sirni dimokiraasii hundumtuu gaaddisa tokko jala taa’ee mari’atu uumamutti haalli itti dhaabbileen siyaasaafi dhaabbileen hidhatanii jiran waliin mari’atanii rakkoo waliisaanii gidduu jiru itti furan uumamuu qaba. Waraana keessa turreerra; ammas itti fufnee waraanuu qabna kan jedhu nu hinbaasu. Nageenyi sammuu keenya keessa jira. Nageenya sammuu keenya keessa jiru ammoo guddifachuu qabna.

Barsiisaan, barataan, qonnaan bulaan, daldalaan, hojjetaan mootummaafi hoggantoonni siyaasaa sammuusaanii keessatti nagaa guddisuu qabu. Yoo kana ta’e malee biyyattii keessatti rakkoo nageenyaa furuun, tasgabbii siyaasaa fiduun, guddina dimokiraasiifi dinagdee biyyaa mirkaneessuun hindanda’amu.

Bariisaa: Rakkoo bu’uraalee misoomaa keessumaa yunivarsitoota gara garaa keessatti mul’atu furuuf to’annoofi hordoffii korichi taasisaa jiru maal fakkaata?

Doktar Nagarii: Rakkoon bu’uraalee misoomaa hangisaa wal haacaalu malee yunivarsitiiwwan biyyattii hunda keessatti ni mul’ata. Hanqinni doormii barattootaa, laaboraatoorii, mana kitaabaa, intarneetii, bishaanii, konkolaataawwanii yunivarsittiiwwan hunda keessatti ni mul’ata. Yunivarsitiiwwan biyyattii dhaloota tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaafi afuraffaa jedhamanii bakka afuritti qoodamu. Rakkoon bu’uraalee misoomaa irra jireessaan yunivarsitiiwwan dhaloota lammaffaa, sadaffaafi afuraffaa keessatti mul’ata.

Yunivarsitoonni dhaloota afuraffaa ta’anii akka yunivasitiiwwan sadarkaa tokkoffaatti sadarkaasaanii eeggatan kan akka Yunivarsitii Odaa Bultumiifi Yunivarsitii Qabiridahaar fudhachuun ni danda’ama. Akka waliigalaatti garuu yunivarsitoonni biyyattii hundi rakkoo bu’uraalee misoomaa ni qabu.

Yunivarsitiiwwan keenya hedduun ijaarsa pirojektootaa gurguddoo jalqabanii jiru. Mana barsiisotaa sadarkaasaa eeggate ijaaraa kan jiranis jiru. Kun barsiisonni waggoota muraasaaf tasgabbaa’anii iddoo tokko taa’anii hojii baruufi barsiisuufi qo’annoofi qorannoo akka hojjetan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bulchiinsonni naannolee, godinaalee, aanaaleefi magaalotaa tokko tokko ammoo barsiisonni lafa mana jireenyaa akka argatan taasisaa jiru.

Rakkoo bu’uuraalee misoomaafi lojistikii yunivarsitoota gara garaa keessatti mul’atan karoora yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraatiin furuuf kallattiin taa’ee hojjetamaa jira. Itiyoo-telekoomis hanqina intarneetii furuurratti yunivarsitoota waliin hojjechuu qaba. Hanqina kitaabaa furuuf barattoonni kitaabolee adda adda karaa ‘online’ akka argataniif yunivarsitoonni irratti hojjechuu qabu.

Bajanni nyaata barattootaafi barsiisotaaf ramadamu baay’ee xiqqoo waan ta’eef nyaata dhiyeessuurratti rakkoo guddaa uumaa jira. Guyyaatti barataa tokkoof kan ramadame qarshii 22 qofa. Qaala’ina gatii biyyattii mudatee jirurraa ka’uun qarshii kanaan guyyaatti barattootaaf nyaata alsadii dhiyeessuun ulfaataa waan ta’eef yunivarsitoonni bajata iddoo biraarraa naannessanii barattootaaf nyaata dhiyeessaa jiru.

Kanarraa kan ka’e odiitaroonni argannoo bajataa guddaa yunivarsitootarratti qabu. Korichi rakkoo bajata nyaata barattootaaf ramadamu gahaa ta’uu dhabuu Ministeera Barnootaafi Ministeera Maallaqaatiif kaaseera. Rakkoon kun hanga furamutti argannoon bajataa sun hafuu hindanda’u. Bajanni barnootaaf ramadamu hinfooyya’u taanaan argannoon odiitiis itti fufa; qulqullina barnootaarrattis ta’e nageenyarrattis dhiibbaa ni uuma.

Rakkoon bajataa kun adeemsa keessa guutummaatti furamuu kan danda’u yeroo yunivarsitoonni ofiin of bulchuu jalqabaniidha. Yunivarsitoonni yeroo ofiin of bulchuu jalqaban galii, deggersa alaafi fandii gara garaa argataniin rakkoo bajataa kana keessaa ba’uufi faayidaa barsiisotaa eeguu ni danda’u.

Korichi yunivarsitoota mootummaa qofa utuu hintaane kan dhuunfaas to’achaafi hordofaa jira. Yunivarsitoonni dhuunfaa bu’uuraalee misoomaafi teknolojiiwwan barbaachisan guuttataniifi qulqullina barnootaarrattis xiyyeeffatanii hojjetan ni jiru. Qormaanni ba’iinsaa kun yunivarsitiiwwan dhuunfaa qulqullina barnootaatiif xiyyeeffannaa kennanii hojjechaa jiran adda baasaa jira.

Yunivarsitoonni dhuunfaa qulqullina barnootaa eegisisuuf hojjetan akkuma jiran kanneen hanqina naamusaa qaban, barsiisaa guutuu hinqabne, barumsa qulqullina qabu hinkennineefi galii walitti qabachuu qofaaf hojjetan waan jiraniif hordofuufi to’achuun tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira.

Bariisaa: Bulchiinsaan walqabatee rakkoon yunivarsitoota keessatti mul’atu yoo jiraate?

Doktar Nagarii: Rakkoon bulchiinsaa yunivarsitoota baay’ee keessatti ni mul’ata. Yunivarsitiin dhaabbilee mootummaa federaalaa ta’anis kan godinaafi kan aanaati jedhanii warri yaadan jiru. Yunivarsitiin kan waliigalaati. Hogganaan yunivarsitii tokko ilaacha gandummaafi naannummaa keessaa ba’ee nama akka biyyaatti qofa utuu hintaane akka addunyaatti yaadu ta’uu qaba. Pirezidaantonni yunivarsitoota biyyattii hedduun dhalataa naannawaa sanaati. Namoonni isa jala jiran hedduunis qabata pirezidaantichaatiin kan dhufaniidha.

Yunivarsitoonni keenya hedduun rakkoo bulchiinsa gaariifi hojmaataa waan qabaniif kana keessaa ba’uu qabu. Rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Ministeera Barnootaa waliin ta’uun dhalataan naannoo tokkoo walittiqabaafi miseensa boordii yunivarsitoota naannicha keessatti argamuu akka hintaane taasisaa jiru. Kun rakkoo gandummaafi naannummaa bulchiinsa yunivarsitii keessatti mul’atu furuuf ni gargaara.

Yunivarsitiin nama dandeettii qabuufi akka biyyaafi addunyaatti yaaduun geggeeffamuu qaba. Rakkoon bulchiinsaafi hojmaataa yunivarsitoota hedduu keessatti mul’atu furamuu qaba. Hoggantoonniifi barsiisonni barattoota yunivarsitii hunda ija tokkoon ilaaluu qabu. Kun ta’uu baannaan yunivarsitoonni keenya kufaafi diigamaa deemu.

Bariisaa: Hojiilee Ministeera Hojiifi Ogummaa bara darbe raawwachaa ture akkamitti ibsama?

Doktar Nagarii: Ministeerri kun rakkoo hojidhabdummaa bal’aa biyyattii keessa jiru furuuf hojjechaa jira. Maddi rakkoo hojdhabdummaa biyya keenyaa inni tokko dandeettii dhabuudha. Namni tokko yoo carraa qacaramee hojjechuu dhabe ofiisaatii hojii uumee hojjechuu danda’uu qaba. Ministeerichi riifoormii geggeessuun rakkoo hojidhabdummaa furuuf biyya keessaafi biyya alaatti carraa hojii bal’aa uumuuf hojii bu’a qabeessa raawwataa jira.

Namoonni hojii barbaachaaf gara biyya alaa deeman leenjii hojii akka argataniifi bakka deemanitti mirgisaanii akka eegamu, mindaansaaniifi boqonnaan isaanii hangam akka ta’e hordofaa jira. Ejensii karaa seeraan alaa namoota gara biyya alaatti erganirrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu taasisaa jira. Barnoonni akka kabaja qabaatu kan taasisu kan barate yoo hojii argateedha. Barataanis hamilee gaariin barachuu kan danda’u yoo abdii hojii argachuu qabaateedha.

Ministeerri kun injinarota leenjisee gara biyya alaatti ergaa jira. Ministeerichi biyyoota alaa bakka gabaan humna namaa jiru hundumaatti hojjettoota leenjisee erguun ittigaafatamummaa itti kenname bahachaa jira. Mirga hojjetaa dhiibaa kan jiran ejentoota namoota qacarsiisaniini. Ejentoonni kunneen yeroo qacarsiisan %20 kan haala mijeessuuf % 80 ammoo hojjetaaf jedhu. Iddoo tokko tokkotti garuu hojjetaan % 40 qofa argata. Hojettoonni karaa ejentootaa qacaraman hedduun beekumsa gahaa waan hinqabneef mindaa xiqqaadhaan sa’aatii dheeraa boqonnaa malee hojjechaa jiru.

Ministeerichi ejentoota kunneen seeratti galchuudhaaf sochii cimaa taasisaa jiruun tokko tokkorratti tarkaanfiin seeraa fudhatee dhaabsisaa jira. Warshaaleen tokko tokkos hojii walfakkaaturratti dhiirotaafi dubartoota mindaa gara garaatiin qacaraa jiru. Biyya keenyatti hangi kaffaltii gadaanaan meeqa akka ta’e waanti beekamu waan hinjirreef warshaaleen adda addaa qarshii hanga barbaadaniin hojjettoota qacaraa jiru. Labsiin Hojjetaafi Hojjechiisaa kanaan dura ba’e keessatti hangi mindaa gadaanaa biyyattii ni murtaa’a waanti jedhu waan jiruuf gara fuulduraatti mindaa gadaanaadhaan nama qacaruun ni hafa.

Bariisaa: Riifoormii Komiishiniin Siivil Sarvisii geggeessaa jiruun bu’aan argamaa jiru akkamitti ilaalama?

Doktar Nagarii: Komiishiniin Siivil Sarviisii riifoormii cimaa geggeessaa jira. Waggaa tokko booda hojjettoonni mootummaa akka amma jiranitti ittifufuu dhiisuu danda’u. Faayidaan hojjetaan mootummaa argatus dandeettiirratti hundaa’ee fooyya’uu danda’a. Sirna dandeettii namaa madaaluu danda’u diriirsuudhaan hojjetaan mootummaa faayidaa maluuf argachuu akka danda’u taasisuurratti xiyyeeffatamee ni hojjetama.

Hojjetoota dandeettii qaban akka fayyadaman taasisuun karaa biraa ummata tajaajila isaanirra argatan fayyaduudha. Komiishinichi tajaajila dhaabbilee mootummaa rakkoo keessa galee jiru furuuf riifoormii geggeessaa jira; jalqabbiin riifoormichaas gaariidha.

Bariisaa: Hojiilee Ministeerri Innoveeshiniifi Teknolojii hojjechaa jiruhoo akkamitti ibsama?

Doktar Nagarii: Ministeerichi dargaggoota hojii kalaqaafi teknolojii adda addaarratti hirmaatan jajjabeessuuf Giddugalli Gabbisa Kalaqaa Magaalaa Buraayyuutti akka ijaaramu taasiseera. Giddugalli kun bakka dargaggoonni hojii kalaqaafi teknolojiisaanii itti gabbifataniidha. Ministeerichi dargaggoota yunivarsitiiwwaniifi manneen barnootaarraa hojii kalaqaafi teknolojiitiin fakkeenyummaa qabu hojjetaniif yeroo gara garaa deggarsa maallaqaa taasisaafii jira. Tekinolojiiwwan faayinaansiin biyyattii ittiin hogganamu ammayyeessuufi hojiirra oolchuun guddina dinagdee biyya keenyaa deggaruu keessatti hojii milkaa’ina qabu raawwateera.

Bariisaa: Korichi hojii Akkaadaamiin Hoggansa Hayyoota Afrikaa bara darbe raawwate akkamitti ibsa?

Doktar Nagarii: Akkaadaamiin Hoggansa Hayyoota Afrikaa Magaalaa Sulultaatti argamu iddoo leenjiin hoggansa olaanaa itti kennamuudha. Ergamni Akkaadaamichaa hojjettoota mootummaa qofa utuu hintaane geggeessitoota sadarkaa Federaalaafi naannootti jiraniif leenjii ga’oomsu kennuudha. Rakkoo biyya keenyaa furuuf hoggansa hojii itti kenname ga’ummaan horachuun barbaachisaadha. Mootummaan namoota naamusaafi dandeettii qaban horachuudhaan rakkoo biyyattii furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Mootummaan naamuusaafi dandeettii hojjetootasaa fooyyessuuf yeroo yeroon leenjii kennuu qaba. Baranas leenjii baay’ee kennaa kan ture yoo ta’u, sadarkaa Afrikaatti waan tajaajiluuf akkaataa itti cimuufi galii argachuu danda’urratti hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa.

Doktar Nagarii: Isinis galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ “Qulqullina barnootaa fooyyessuuf imaammata barnootaa haaraa ba’e sirriitti hojiirra oolchuun murteessaadha” -Doktar Nagarii Leencoo”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: 19
  3. Pingback: Gifts

Comments are closed.