“Biddeen baatan malee; biddeenni nama hinbaatu”

Oromoon gaafa ilmaansaa eebbisu “dhalakoo biddeenni sihaabaatu” jedha. Biddeenni sihaabaatu jechuun maal jechuudha? jechuun keessan hin oolu. Oluma seenaa kunooti. Tibbana dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaafi mitimootummaarraa barattoonni kumaatamaan lakkaa’aman eebbifamaa jiru.

Guyyaan eebba barattootaa kun maatiis ta’e barattoota eebbifaman biratti yeroo addaa ta’ee waan ilaalamuuf bifa ho’aa ta’een kabajama. Bifa ho’aan kabajamuu sirna eebba barattootaa kanaaf sababa kan ta’e dhamaateen waggoota dheeraa yeroo itti ija godhachuu jalqabu waan ta’eef gammachuu addaa firri walitti deemee waliif hirmaatuudha.

Lakkoofsi barattoota dhaabbilee barnoota olaanaa gara garaafi kolleejjotarraa eebbifamanii yeroorraa yerootti dabalaa dhufuun walqabatee humna mootummaa qofaan hunda duguuganii mindeessanii hojiitti bobbaasuun waan hindanda’amneef baay’inni namoota hojii barbaadanii daran olaanaadha.

Hudhaa hojidhabdummaa dargaggootaa kana furuuf sochii mootummaan taasisu cinaatti dhaabbileen miti-mootummaas tattaaffii guddaa gochuun eebbifamtoota hedduuf carraa hojii banaa kan jiran yoo ta’u. warreen hafanimmoo carraaqqii mataasaaniin hadhaa jireenyaa dhandhamaa kufanii ka’anii daandii milkaa’inaatti kan bahanis tokko lama miti.

Hojidhabdummaan akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti babal’achuusaatiif sababa jedhamee qorannaan kan adda bahe keessaa inni tokko barsiifanni hojii tuffachuu isa tokko .

Dhaloonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamu irri jireessi dhaabbilee mootummaa keessatti mindeeffamee yoo hojjeteen ala ofii carraaqee hojii uummachuurratti amantaan jiru gadaanaadha. Kanamalees digiriin ykn dippiloomaan eebbifamee osoo hojii uummatee hojjechuu danda’uu kanneen hojii tuffachuun eeggattummaa jalatti kufaniifi matiisaaniitti ba’aa ta’an hedduudha.

Barsiifanni hojii tuffachuu kun yoo cabe malee hojjetanii of jijjiiruunis ta’e gara milkaa’inaatti ce’uun daran rakkisaadha. Isa kanaafimmoo fakkeenya kan nuu ta’u namoota jireenya gadadoo keessaa warraaqsa taasisuun kufanii ka’anii hojiilee gara garaa hojjechuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’anii ofirra darbuun lammiisaaniif abdii jireenyaa ta’an ilaaluun gahaadha.

Har’a eebbifamuu qofti nama hingammachiisu. Erga eebbifamanii booda kallattii danda’ameen carraaqanii mul’ata ofii milkeeffachuun dadhabbii maatiin daa’imummaarraa kaasee hanga eebbaatti waliin dabarse qofa yaaduun barbaachisaadha.

Maatiin gaafa ilmoo godhatu mudannoo keessa jirurraa ka’ee maqaa itti moggaasa, fakkeenyaaf rakkina keessa jiru yoo ta’e boru guddattee ykn guddatee jireenya keenya jijjiira, gadadoo keessaa nu baasa jedhanii yoo yaadan soortuu ykn sooraa, Gaaddisee ykn Gaaddisaa jedhanii maqaa moggaasu.

Maqaan mogga’e kun egeree nama sanaaf mul’ataafi abjuu gaarii qabaachuurraa kan ka’e bakka maqaasaa akka gahuuf maatiin humna qabuun ilmaansaa gargaaruun eebbaaf geessisa.

Namni yoo kutatee hojjeteen ala akka maqaasaa ta’uu, ta’uudhiisuus danda’a. Kanaaf sababa kan ta’ummoo Sooraa ykn Soortuu jedhanii moggaasanii akka maqaa ta’uu dhabuun tokko tokko hirkattummaa jalatti yoo kufan mul’atu.

Kunimmoo dhalootas ta’e maatii kan gaddisiisu waan ta’eef takkaan akka maqaa keenyaa ta’uuf takkaanimmoo of dandeenyee hirkattummaa jalaa bahuuf barsiifata hojii keenyaa jijjiiruun murteessaadha.

Dhimmi kun maaliif ka’e jechuun keessan hinoolu. Magaalaa Finfinnee keessumaa naannawa Daalattiitti (Araat Kiiloo) namni bahe guyyaa guyyaatti eebbifamtoota beeksisa hojii dubbisan dhibbaan lakkaa’aman ilaaluun waan baratameedha. Achuma daandicharraa ganama obboroo dargaggoonni biddeena mataatti baatanii deemanis tokko lama miti.

Dargaggoonni kunniin biddeena mataatti baatanii mana nyaataarra deemanii gurguruun galii olaanaa argataa jiru. Kanneen mana nyaataa kaaffeewwan gara garaa keessa jirutti miindeeffamanii hojjetanis hedduudha.

Dargaggoota tokko lama itti siqee seenaaasaanii gaafadheera. Dhaabbilee barnoota olaanaarraa digirii jalqabaatiin eebbifamanii mindaa xiqqoodhaan mana nyaataa keessa hojjetaa jiru. Bifuma kanaan mindeeffamanii hojii eegaluun qabsoo taasisaniin miindeeffamuu keessaa bahanii ofii mana nyaataa banatanii dinagdeedhaan kan of ijaaranis tokko lama miti.

Qabsoo dargaggoonni kunniin erga digiriidhaan eebbifamanii jireenya mo’achuuf taasisaa jiran ulfaataa ta’us bu’aa bahii hedduu keessa darbuun ofirra darbanii namoota biroof carraa hojii uumuu kandanda’anis hedduudha.

Milkaa’innisaanii kun dhaloota duuba jiruuf fakkeenya gaarii waan ta’eef aadaa hojii keenya jijjiiruun humnaafi beekumsa qabnuun carraaqnee dinagdee keenya fooyyessuuf of kenninee hojjechuun nurraa eegama.

Akkuma, “Biiftuu jirtu suksuku” jedhamu yeroo humna qabnuufi beekumsa qabnu kanatti hojii uummachuun, barsiifata hojii filachuurratti qabnu jijjiiruudhaan ofirra dabarree dadhabbii maatiitiif abdii ta’uuf haa hojjennu.

Biddeena baatan malee hiyyumni nu nyaachuusaati. Maatiitti ba’aa ta’uu waan ta’eef amalli tuffannaafi filannaa hojiis hundeerraa geeddaramuu qaba.

Maatiin ijoolleesaa haala kanaan eebbisee daa’imummaarraa kaasee milkaa’inaaf geessisa. “Eebbifamtoonni baga gammaddan; milkaa’aa, abdii maatiifi biyyaa ta’aa, eeggattummaa seenaa taasisaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to ““Biddeen baatan malee; biddeenni nama hinbaatu””

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: great site

Comments are closed.