Tibba kana guyyoota shaniif hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa naannoo Oromiyaaf leenjiin mata duree “Dhugaa waloo, ariitiifi kalaqa” jedhuun wiirtuuwwan leenjii Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaafi Naqamteetti kennamaa ture.
Xumura leenjichaarratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa yaada fuula miidiyaa hawaasaasaanirratti kennaniin akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa, barnoonnifi leenjiin, hoggansaaf dandeettiifi gahuumsa kan dabalu ta’uu hubachuun, guyyoota darban hoggansa aanaa, godina, magaalaafi naannootiif leenjii kennaa tureera.
Hoggansi naannichaas beekumsaafi hidhannoo ogummaa haaraa leenjii kanaan horataniin caalmaatti ummataafi biyya isaanii tajaajiluuf kaka’uumsa akka horatan abdii olaanaan akka qabanis ni ibsu.
Leenjichis dandeettiifi ga’umsa siyaasaa kan cimsu, humna raawwachiisummaa kan dabalu, qormaata akka biyyaatti jiruufi addunyaa irraa qunnamu gara carraatti jijjiiruuf kan qopheessu akkasumas, karoora xiiqii bara 2016 qabame ariitiifi kalaqaan dabaalanii akka milkeessan kan isaan dandeessisu ta’u hirmaattoonni xumura leenjichaarratti yaada kennan ni dubbatu.
Kalaqaafi ariitiidhaan hojjachuudhaan imala badhaadhinaa dhugoomsuuf gaheesaanii akka ba’ataniifi imala badhaadhinaa dhugoomsuuf gaheesaanii adda durummaan akka ba’atan himu.
Akkuma beekamu yeroon kun yoomiyyuu caalaa humna guutuun xiiqiin hojjetanii biyya jijjiiruuf yeroo itti hojjetamudha. Kanaaf ammoo hoggansi adda durummaadhaan ga’oomee hojjetee hojjechiisu, kalaqa ummata keessa jiru hojiittii hiikuun ariitiidhaan hiyyummaarratti duulchisu jiraachuun dirqama.
Hoggansa akkanaa horachuuf ammo yeroo yerootti leenjiin akkuma tibba kanaa dandeettiisaanii cimsuufi haala qabatamaa yeroo isaan yaadachiisu qophaa’uun barbaachisaadha. Kana malees muuxannoo walii qooduuf carraawwan jiran adda baasuun dhugaa waloorratti waliin akka tumsaniifis carraa bal’aa uuma.
Hoggansi leenjii kanarratti hirmaate yommuu bakka hojiisaatti deebi’e akkuma jedhame ariitii olaanaadhaan hojjettootaafi kutaalee hawaasaa hunda kakaasuun imala badhaadhinaa eegalame fuulduratti tarkaanfachiisuuf of kennee hojjechuun irraa eegama. Leenjii qofti kuteenyummaa malee galma yaadame bira waan nama geesisuu hindandeenyeef hoggansi hunduu isa yeroo kamiyyuu caalaa of kennee socho’uun dirqama.
Mootummaanis leenjii kennuun cinaatti yeroo yeroon hordoffiifi to’annoo taasisuun bakka sirreefamni barbaachisutti sirreeffama taasisaa caasaasaa qulqulleessaa deemuun irra jiraata.
Dhimmi kun kan milkaa’u hojii mootummaafi hoggansi qofti hojjetaniin waan hintaaneef hojjettoonni sadarkaan jiraniifi kutaalee hawaasaa addaddaas gahee irraa eegamu ba’achuuf of qopheessuu qabu. Yoo kana ta’e dhugaa waloo ariitiidhaan milkeessuun ni danda’ama.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
10 Comments to “Dhugaa waloo, ariitiifi kalaqa”
Comments are closed.