Tumsi Baankiin Addunyaafi Mootummaa Jaappaan cimee itti fufa

Finfinnee: Pirezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaayi Baangaafi Ministirri Haajaa Alaa Jaappaan Hayaashii Yoshiimaasaa daawwannaa tibbana Itoophiyaatti taasisaniin, biyyattii waliin walitti dhufeenyaan hojjechuufi tumsa walirraa hincitne taasisuuf waadaa seenaniiru.

Itoophiyaan torban tokkotti qondaaltota addunyaa murteessoo kunneen keessummeessuunshee duula maqa balleessii kaleessaa hanbisuun alatti guddina dinagdeefi hawwatummaa biyyatii olkaasuu keessatti shoora guddaa qaba.

Qondaaltonni kunneen hojiiwwan misooma garaagaraa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru dinqisiifachuun deeggarsa taasisan cimsanii ittifufuuf waadaa galuun dhimmoota garaagaraarratti Itoophiyaa waliin hojjechuuf murteessaniiru.

Dubartoota deeggarsa baankii addunyaan hojii uummatanii jireenyisaanii fooyya’e kan daawwatan Ajaay Baangaan, waan daawwatanitti gammadduu ibsanii, deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu waadaa seenaniiru. Paarkii Industirii Boolee Lammii lama kan deeggarsa Baankii Adduunyaan hojjetamee yeroo ammaa tajaajila kennaa jirus Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad waliin erga daawwatanii booda mooraa paarkichaa keessa biqiltuu dhaabaniiru. Humna ibsaa Itoophiyaas daawwataniiru.

Haaluma walfakkaatuun Ministirri Haajaa Alaa Jaappaan Hayaashii Yoshiimaasaa marii Dooktar Abiyyi waliin taasisaniin, tattaaffii Itoophiyaan Kaaba biyyattii kan waraanaan hubamee ture deebisanii ijaaruuf taasisaa jirtu Jaappaan kan tumsitu ta’uu ibsaniiru.

Jaappaan lammiilee Itoophiyaa waraanaafi hongeen miidhamaniif karaa dhaabbilee gargaarsa namootaa idil-addunyaa deeggarsa doolaara Ameerikaa miliyoona 24tti hiiqu taasiisuu yaadachiisanii, bara kanas gargaarsa namoomaaf kan oolu doolaara miliyoona sagal gumaachuu dubbataniiru.

Hayaashii Yoshiimaasaa deeggarsa Jaappaaniin ijaaramaa kan jiru Giddugala Falaasama Kaayizanii daawwachuun alatti Itoophiyaa waliin damee daldalaa, invastimantiifi industiriirratti hojjechuuf waliigalaniiru.

Dooktar Abiyyi gamasaaniin, Ajaayi Baangaa waliin marii bu’a qabeessa taasisuu himanii, Baankiin Addunyaa walitti dhufeenya Itoophiyaa waliin qabu bal’isuun, keessattu guddina dinagdee biyyattii beekumsa biyya keessaarratti hundaa’een saffisiisuuf deeggarsa roga maraa taasisuuf waadaa galuusaa ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Tumsi Baankiin Addunyaafi Mootummaa Jaappaan cimee itti fufa”

  1. Pingback: mike tyson vapes
  2. Pingback: Biald Alrafidain

Comments are closed.