BBOn kitaabota miliyoona saddeet barattoota biraan gaheera

Finfinnee: Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO)n kitaabota sirna barnoota haaraa miliyoona saddeet maxxansiisuun barattoota kutaa tokkoffaa hanga saddeettaffaa baratan biraan ga’uufi kitaabonni miliyoona lama ammoo qophaa’anii jiraachuu beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Doktar Bultoosaa Hirkoo ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, biirichi kitaaba barataa imaammata barnootaa haaraarratti hundaa’ee maxxansiise barattoota biraan ga’uuf xiyyeffannoo addaatiin hojjechaa jira. Naannichatti kitaaba gosa barnootaa tokko barataa hunda biraan ga’uuf kitaabota miliyoona 70 maxxansuutu barbaachisa.

Marsaa duraatiin kitaaba hanganaa maxxansuun waan hindanda’amneef bara 2015tti giddu galeessaan kitaaba tokko barataa lamaaf kennuuf yaadamee kitaabonni miliyoona 35 maxxansuuf karoorfame keessaa kitaaba miliyoona saddeet maxxansiisuun barattoota biraan ga’uufi kitaabonni miliyoona lama immoo maxxanfamanii qophaa’anii jiraachuus dubbataniiru.

Maxxansa kitaaba barataan walqabatee raawwiin hojii biirichaa gadaanaa ta’uu himanii, humna dhabuun manneen maxxansa biyyattii raawwii gadaanaa galmaa’e kanaaf sababa ta’u. Manneen maxxansaa biyya keessaa sababa rakkoo sharafa alaatiin humni maxxansuusaanii baay’ee gadi bu’aa waan ta’eef biirichi manneen maxxansaa dhuunfaa waliin hojjechuuf sochii garagaraa taasisaa jira. Dabalataanis manneen barnoota hunda keessatti barattootni kitaabota ‘softi koppii’n akka argatan taasisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kitaabni barnoota Gadaa tasuma kan hinmaxxanfamne kan jedhu olola sobaa ta’uu himanii, inumaayyuu kitaabni Gadaa kitaabota biroo caalaatti baay’inaan maxxanfamee barataa bira ga’uu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ BBOn kitaabota miliyoona saddeet barattoota biraan gaheera”

  1. Pingback: Margot Robbie

Comments are closed.