Finfinnee: Hawaasni Diyaaspooraa akka kana duraa faallaa walii dhaabbachuu dhiisee dhimma biyyaarratti ejjennoo waloo akka qabaatu taasisuurratti hojjetamaa jiraachuufi gaaffii mana jireenya hawaasichaa furuuf mandarri dayaasporaa kan ijaaramu ta’uu Pirezidaantii Ittaanaan Waldaa Diyaaspooraa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Nagaasaa himan.
Obbo Dammaqaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hoggansi haaraan hawaasa diyaaspooraan filatame kun kan hunda bakka bu’eefi hawaasa kana loogii malee tajaajiludha. Hawaasni dayaasporaas dhimma biyyaarratti akka kana duraa faallaa walii dhaabbachuu dhiisee akka waltumsuuf sochiin eegalame milkaa’aa jira.
Marii hanga ammaatti taasifameen gurmuun dayaasporaa Waashingiteen Diisii ‘DC Gibrehayili’ kan jedhamu keessaa namootni gara walii galteetti dhufuu kan ibsan Obbo Dammaqaan, ijaarsa hawaasa diyaaspooraa bifa haaraan eegalame hogganaa gurmuu kanaa kan turan bakka bu’aa waldaa dayaasporaa Itoophiyaa damee ‘DC’ taasisuu dubbataniiru. Gurmuun kunis mormuurraa gara deeggaruutti ce’uun hospitaala poolisii federaalaaf kompitaroota hedduu arjoomuusaas himaniiru.
Akka Obbo Dammaqaan jedhanitti, Waldaan Diyaaspooraa Itoophiyaa aantummaa biyyaarraa kan hafe aantummaa siyaasaa, amantaafi sabummaa kamirraayyuu bilisa. Namni kamuu garaagarummaa ilaalchaa qabu qabatee dhimma waloorratti biyyaaf hojjechuuf daangaafi danqaan hinjiru. Mufii jiru moggaatti dhiisuun dhimma biyyaarratti tumsa walfakkaatu taasisuuf bakka bu’ootni waldichaa Embaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota garagaraafi hawaasa diyaaspooraa waliin marii taasisaa jira.
Hojimaata badaa hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasa diyaaspooraa gara boodaatti harkisaa ture sirreessuuf hojiiwwan bal’aan waggaa tokkoo oliif hojjetamaa jiraachuu himanii, waggaa tokko dura keessattuu ijaarsa hidhaa Laga Abbayyaan wal qabatee hirmaannaa ho’aa taasifameen sharafni alaa qarshii biliyoona torbaa olitti tilmaamamu gara biyyaatti ergamuusaafi bara darbe garuu hirmaannaan kun gad bu’uusaa yaadachiisaniiru.
Rakkoo hojimaataa hoggansa Waldaa Diyaaspooraa Itoophiyaan walqabatee rakkoo gad bu’uu hirmaannaan hawaasa diyaaspooraa mudate furuuf filannoo diimokiraatawaan hoggansi haaraan gara gaggeessummaatti dhufuu kaasanii; hojimaata waajjiraalee mootummaa hirmaannaafi fayyadamummaa gufachiisan hundeerraa furuuf qaama dhimmi ilaalu waliin marii bal’aan taasifamaa jiras jedhaniiru.
Hawaasni Diyaaspooraa Oromoos hirmaannaasaa cimsuun mirga fayyadamummaasaa akka mirkaneeffatuuf addatti waamicha dhiyeessaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
5 Comments to “ “Hawaasni Diyaaspooraa dhimma biyyaarratti ejjennoo waloo akka qabaataniif irratti hojjetamaa jira” -Obbo Dammaqaa Nagaasaa”
Comments are closed.