Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa gara labsii yeroo atattamaa labsuutti ce’eera

Finfinnee: Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa yeroo ammaa to’annoo idilee ala ta’uusaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf Manni Maree Ministeerota murtoo labsii yeroo atattamaa dabarsuuf dirqameera.

Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa kaleessa taa’een qaamolee hidhannoon deeggaramanii nageenya naannichaa booressaa jiran seera kabachiisa idileen to’achuun waan hindanda’amneef labsiin yeroo atattamaa lakk.6/2015 akka labsamuuf sagalee guutuun dabarseera.

Sochiin qaamolee hidhataniin yeroo ammaa naannichatti taasifamu sochii hawaas dinagdee akkasumas olaantummaa seeraa balaarra buusuun alatti sirna siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa naannichaarratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jiraachuu manni marichaa hubachiiseera.

Mootummaan naannichaas miidhaa qaamoleen finxaaleyyii naannichatti dhaqqabsiisaa jiran yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuusaa ibsee, miidhaafi haleellaa bifa qindaa’een taasifamaa jiru kana to’achuun humnasaatii ol waan ta’eef mootummaan federaalaa bu’uura heera biyyattiitin tarkaanfii nageenya tasgabbeessuu akka fudhatu gaafateera.

Haaluma walfakkaatuun, manni marichaa wixineen dambii ofiin of bulchuu yunivarsiitii Finfinneerratti mari’achuun raggaasiseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa gara labsii yeroo atattamaa labsuutti ce’eera”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: bk8

Comments are closed.