Oromiyaan qonnaan bultootaafi horsiise bultoota kuma 25 gara invastimantiitti ceesisuufi

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara bajataa 2016tti qonnaan bultootafi horsiise bultoota kuma 25 gara invastimantiitti ceesisuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa  beeksise.

Hogganaan biiricha Obbo Hayiluu Addunyaa karoora bara 2016 ilaalchisee ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa bara 2016tti guddina dinagdee naannichaa gara saddeetti guddisuuf karoorfateera. Karoora kana milkeessuufis ammoo tajaajila mootummaa dijitaalessuufi paarkiiwwan industrii humna guutuun hojjiitti galchuuf xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama.

Karoorichi kan xiiqii ta’uu himanii, misooma baadiyyaatiin hojiileen akka wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, omisha alaa galu hambisuufi carraa hojii uumuu hojiilee ijoo tarsimoo misooma baadiyyaan galmaan ga’uuf   karoorfaman ta’uu ibsu.

Bara omisha 2015/16tti  lafa hektaara miliyoona 8.2 midhaan akaakuu garaagaraan uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 265 argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, keessattuu inisheetivii misooma qamadii milkeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuufi omisha jal’isii qamadiitiin lafa hektaara miliyoona 2.5 misoomsuun qamadii kuntaala miliyoona 100 ol argachuuf  karoorfamuusaa dubbataniiru. Misooma ruuziifis lafa hektaara miliyoona tokko irraa omisha ruuzii kuntaala miliyoona 44 argachuuf kan karoorfame ta’uu hogganaan kun ibsaniiru.

Karoora misooma qonnaa milkeessuuf hojiileen makanaayizeeshinii qonnaa barbaachisoo waan ta’aniif baay’inni tiraaktarootaa kuma ja’aafi 178 irraa gara kuma torbaafi 350tti guddisuun dabalata namoota miliyoona 3.1 carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Gama fayyaatiin baay’ina farmaasii hawaasaa 220 irraa gara 320tti guddisuun lakkoofsa fayyadamtoota tajaajila inshuraansii fayyaa  miliyoona 26 irraa gara miliyoona 29tti guddisuuf  kan hojjetamu ta’uus himaniiru.

Galii naannichi waliigalaan  qarshii biliyoona  141  sassaabuuf karoorfachuus ibsaniiru. 

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Oromiyaan qonnaan bultootaafi horsiise bultoota kuma 25 gara invastimantiitti ceesisuufi”

  1. Pingback: compound bow
  2. Pingback: betflix888th
  3. Pingback: cardetaling

Comments are closed.