Finfinnee: Hojii Ministeerri Barnootaa bara darberraa eegalee qulqullina barnootaa fooyyessuuf taasisaa jiruun jijjiiramni gaariin mul’achaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Teknolojii beeksise.
Walittiqabaan korichaa Doktar Nagarii Leencoo gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Ministeerri Barnootaa rakkoon qulqullina barnootaafi naamuusaa hamaan manneen barnootaa sadarkaa gadiitii hanga olaanaatti mulatu qorannoon adda baasee irratti hojjechaa jira. Hojii ministeerri qulqullina barnootaa fooyyessuuf bara darberraa kaasee raawwataa jiruun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jira. Ministeerichi rakkoo qulqullina barnootaa sadarkaa kadiirraa kaasee hanga olaanaatti mul’ati furuudhaaf karoora tarsiimowaa baasee irratti hojjechaa jira.
Ministeerichi rakkoo qulqullina barnootaa furuuf bara darberraa kaasee qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa yunivarsitiiwwan keessatti akka kennamu taasiseera. Qormaatichi yunivarsitii keessatti akka kennamu ta’uun hanna qormaataa hambisuun qulqullina barnootaa fooyyessuu, haalli mijataan jiraatus jiraachuu baatus barataan qayyabatee qormaataaf akka of qopheessu taasiseera jedhu.
Akka walittiqabaan korichaa jedhanitti, barattoota bara darbe qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa kan qabxii seensa yunivarsitii fidan muraasa ta’uun barattootaafi barsiisotaaf ergaa guddaa dabarseera. Barattoonni qayyabatanii qormaataaf akka of qopheessan, barsiisonnis barattootasaanii qormaataaf akka qopheessan taasisaa jira. Hoggansi manneen barnootaas akka of ilaalaniifi galteewwan barnootaa guutuurratti akka xiyyeeffatu taasiseera.
Gara fuulduraatti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa meeshaaleefi teknolojii barbaachisu guutuun manneen barnootaa keessatti akka kennamuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba. Manneen barnootaa baadiyyaa keessa jiranis tajaajila humna ibsaafi intarneetii akka argatan taasisuunis dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaadu ta’uu eeraniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi giddugaleessaa biyyattii keessa % 85.9 sadarkaadhaa gadi yoo ta’an, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessaa ammoo %70.9 sadarkaadhaa gadi. Barsiisonni akaakuu barnootaa barsiisan qoramanii darbuu dadhabanis danuudha. Kun qulqullina barnootaa fooyyessuurratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf hojiin qulqillina barnootaafi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu oolmaa daa’immaniirraa eegalee xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu kan qabu ta’uu himaniiru.
Ministeerichi barana qormaanni bah’iinsaa digirii tokkoffaa yunivarsitii mootummaafi dhuunfaa keessatti akka kennamu taasisuu eeranii, kun qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaatti aansee qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti jijjiirama guddaa fida jennee amanna.
Qulqullina barnootaa fooyyessuuf manneen barnootaa dhuunfaa tokko tokko imaammata barnootaa mootummaan baase baqachuuf jecha ulaagaa barbaachisu utuu hinguutin maqaa ‘International’ jedhu maxxanfatanii hojjetanirratti qorannoo taasisuudhaan tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamaa jira. Qulqullina barnootaa fooyyessuuf imaammata barnootaa haaraa ba’e sirriitti hojiirra oolchuun dhimma murteessaadha ta’uus dubbataniiru.
Barsiisaa dandeettii qabuufi qulqullina barnootaa eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjetu baay’inaan horachuuni qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eeranii, barsiisonni kanneenis faayidaa isaaniif malu argachuu, bakka isaaniif malu jiraachuu, mindaa isaaniifi maatiisaanii jiraachisuu danda’u argachuufi mana keessa jiraatan argachuu qabu. Barsiisaarratti hojjechuu baannaan waa’ee qulqullina barnootaa yaaduun hindanda’amu. Isa kana jala murree beekuu qabna jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 29 Bara 2015
2 Comments to ““Hojii Ministeerri Barnootaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf raawwataa jiruun bu’aa gaariin galmaa’aa jira” -Doktar Nagarii Leencoo”
Comments are closed.