“Kumaalaa Abbabaa Biqilaa faaya biyyi ittiin boontudha” -Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Fiigicha fageenya dheeraatiin kennaa uumamaa akka qabu kan dubbatamuf Kumaalaa Abbabbaa Biqilaa atileetoota Itoophiyaa dinqisiisoofi jaalatamoo Itoophiyaan horatte keessaa isa tokko. Abbabaan ALA bara 1960 dorgommii maaraatoonii Olompikii Roomitti adeemsifameen miila duwwaa fiigee tokkoffaa ba’uun riikardii cabsee seenaa galmeesseera. Dorgommicharratti atileetiin gurraacha warqee argate ta’uun maqaansaa sadarkaa idil addunyaatti beekameera.

Waggaa afur boodas fiigicha maaraatoonii Olompikii Tokiyootti tokkoffaa ba’uudhaan dorgommichaan atileetii jalqabaa walitti aansuun maaraatoonii injifate jedhamee riikardiisaa eegsifatee injifateera.

Atileetiin cimaa kun yeroo tokko “ addunyaan akka beeku kanin barbaadu waltajjii olompikiirratti biyyikoo kan injifattu yeroo mara gootummaafi xiiqiidhaani” jechuun ibseera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) tibbana biyya Xaaliiyaanii, magaalaa Roomitti yeroo argaman yaadannoo Kumaalaa Abbabaa Biqilaaf yaadannoo ka’aniiru. Isaanis fuula feesbuukiisaaniirratti “Kumaalaa Abbabaa Biqilaa faaya biyyi ittiin boontudha. Waltajjii idil addunyaarratti maqaa Itoophiyaa barootaaf kan kaasiseefi atileetii qaalii Afrikaanota hedduuf daandii saaqedha. Fakkeenya ciminaafi harka kennuu diduuti. Biyya Xaaliyaanii Magaalaa Roomitti daandii maqaasaatiin moggaafame qaba. Har’a bakka sanatti yaadannoo isaaf keenyeerra” jechuun ibsaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Kumaalaa Abbabaa Biqilaa faaya biyyi ittiin boontudha” -Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: wa dultogel

Comments are closed.