Yeroo baay’ee ganama gaafan hojiif deemu konkolaataa sarviisii waajjira koo otoo hintaane kan dhaabbata biraattin fayyadama. Konkolaataa kana kanin fayyadamuuf namoota dhaabbiticha keessa hojjetan waliin ogumma walfakkaataarratti bobbaanee waan jirruuf hojiirratti walbeekna. Haala kanaan ergan yeroo muraasaaf isaan waliin deemuu eegalee as nama waa’eensaa baay’ee na dinqu tokkon arge.
Namni kun harka lama hinqabu. Ergan guyyoota muraasaaf argee booda namoota konkolaaticha keessaa itti dhihaadhu maal akka ta’e gaafadhe. Isaanis hojjetaa dhaabbata ani sarvisiisaa fayyadamuu kana ta’uufi injinara sooftiweerii ta’uu natti himan. Hanga sammuunkoo amanuu dadhabuttin yaade. Akkamitti harka lama malee hojii akkanaa hojjeta? Inni jedhu gaaffii deebii hinarganne natti ta’e. Namoota harka lama qabaatanii hojii hiikan ykn karaarra taa’anii kadhatan yaadeen cimina mucichaa keessakootti dinqisiifadhe.
Mee yaadaa, harka lama malee ganama ka’anii uffata uffachuu, fuula dhiqachuu, nyaachuu, dhuguu, balbala bananii cufuu, mana fincaanii deemuu, bilbila fayyadamuu, geejibaan deemuu, kompiwutara tuttuquufi kanneen biroo raawwachuun hammam akka ulfaatu.
Gaaffiileen akkamitti danda’e, isa hinrakkisuu laata jedhaniifi kanneen biroo sammuukoo keessa deeddebi’anii na rakkisnaan mucaa kanatti dhihaadhee dubbisuuf murteesse. Ittis dhihaadhee waa’ee jireenyasaarratti akkan gaafdeebii taasisuufi barbaaduun ibseef; innis tole jedhee bilbilasaa naa kenne.
Guyyoota muraasa booda bilbileen beellameen. Utuun isa hinargiin dura garuu namoota waa’eesaa dhugaa naa ba’uu danda’an keessaa bilbila maatii keessaa kan nama tokkoo akka naa kennu gaafannaan “Isallee argachuu hindandeessu” naan jedhe. Maal jechuusaati, baadiyyaa jiru jechuudha jedheen tole jedhee bilbila koo cufe.
Guyyaa beellama keenyaa, bakka beellama keenyaa dursee kan ga’e isa. Yommuun achi ga’u waanin argu amanuun dadhabe. Dargaggoon kun miilasaatiin buna qabatee dhugaa na eege. Anis nagaa gaafadhee fuuldurasaa taa’ee buna ajajadhee ija dinqisifannaatiin ilaalaa waliin haasaa eegale.
Abbaan seenaa kanaa Girmaa Mokonnon jedhama. Dhalatee kan guddate Magaalaa Gondaritti. Harkasaa lamaan kan dhabe dhalootumaan ta’uufi waggaa sadaffaasaarraa kaasee dhaabbata guddisa daa’immanii keessatti guddachuu natti himeHaadha, abbaa, obboleessa, obbooleettiifi firootasaa kan hinbeekne ta’uufi akkamiin gara moora guddisa daa’immanii akka dhufellee akka hinbeekne natti hime; anis keessakootti utuun waa’eesaa hinbeekiin bilbila maatii kee keessaa kan nama tokkoo naa kenni ittiin jechuukootti nan gadde.
Mooraa sana keessatti yommuu guddatus qoollifannaa namootaa malee akkuma barattoota qaama guutuu qaban birootti jaalalaan guddachuusaafi guyyaa tokkollee harka dhabuunsaa itti dhaga’amee akka hinbeekne kan himu dargaggoon kun, ijoollee waliin barates hanga yoonaallee akka walii bilbilan ibsa.
Barnootasaattis barataa sadarkaa giddugaleessaa akka ture dubbata. Haala kanaan barnootasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa erga xumuree bara 2011 qabxii seensa yunivarsiitii isa galchu waan argateef gara Yunivarsiitii Finfinnee, mooraa Araat Kiiloo dhufe. Jalqaba akaakuu barnootaa injinariingii kan isa qaqqabe ta’us qaama dhimmi ilaallatuutti iyyatee gara Saayinsii Kompiwutaraatti jijjiirrachuu dubbata.
“Fakkeenyi jireenyakoo Nikoolaas Jamsi; kan miila lamaafi harka hinqabne sana. Seenaasaa ijoollummaakoorraa kaaseen beeka. Anis yommuun guddadhu akkasaa ta’u malee waanin barbaadu tokkollee hinqabuun ture. Guyyaa tokkollee rakkinakoo namarraa waa fudhadhee nan ba’adha jedhee yaadee hinbeeku” jedha.
Akka inni jedhutti, yommuu baratullee barnootasaa hanga danda’e hordofee hojjeta malee namni akka isa gargaaru yaadee hinbeeku. Yunivarsiitiittis yommuu dareedhaa ba’e hanga ta’e hiriyyootasaa waliin erga taphatee booda irbaata nyaatee takka boqoteetu keessumaa galgala sa’aatii 3:00-7:00tti qo’ata.
Girmaan akkuma nama kamuu waa hunda ofiin raawwatachuu danda’a; miillisaa akkuma harkaatti isa tajaajila. Fuulaafi dhaqna dhiqatee, wayyaa uffatee, kophee kaa’atee, mana cufatee yookaan banatee, ciree nyaatee kan hojiisaa guyyuu hojjetatu miilumasaatiini. Yommuu inni taateewwan garagaraa miilasaatiin raawwatu namoonni argan ija dinqisifannaan ilaalanii kan deggaruuf ka’aan akkuma jiran kan isa qollifatanii irraa dheessanis jiraachuu dubbata. Yommuu taaksiidhaan deemu qarshii kanfaluuf waan rakkatuuf gargaaraa/ raddaatii konkolaataatiin ofiikee fudhu jedhan.
Waajjira amma jiru Dhaabbata miidiyaa ‘EBC’tti kan mindeeffame eeruu namaatiin ta’uu kan himu ‘software engineer’ kun, erga gara sana dhufee yeroo gabaabaa ta’ullee garee isa waliin hojjetan wajjin sagantaawwan haaraa akka hojjetaa jiran ibsa. Hoggansiifi hojjettoonni dhaabbatichaa baay’een hamilee cimaa kennuufiin waan guddaa akka irraa eegan kaasa. Fuuldurattis teknolojii addunyaan kun irra geessetti fayyadamuun sooftiweerii dhaabbatasaarra darbee biyya tajaajilu hojjechuuf yaadaa akka qabu ibsa.
“Ani Waaqni waa anatti hanqiseera jedhee hin yaadu. Wayita ammaa teknolojiiwwan baay’een jireenya kan namaa salphisaniidha. Kanaaf hamman lubbuudhaan jirutti waa natti ulfaata jedhee yaaduu hinqabu. Harka lama dhabuukootiin walqabatee kana gochuun dadhabe jedhee yeroon gadde hinqabu. Garuu jireenyakoo keessatti wanti natti ulfaataa jiru bakka jireenyaati. Bakki ani kireeffadhee jiraadhu naannawaansaallee mijataa miti. Keessumaa mana fincaanii fayyadamuun waan na rakkisuuf waajjiratti yookiin mana nyaataattin fayyadamee gala. Qaamni kana naa mijeessu utuu jiraatee natti tola” jedha.
Namni qaama guutuu qabus ta’e miidhamaa qaamaa ta’e filannoo naannawaasaa jiru ilaaluun of danda’u malee harka namaa eeggachuufi kadhachuun yeroosaa akkanumaan gubuu hinqabu kan jedhu Girmaan, araada keessa seenanii jireenyasaanii balleessuurra kaayyoo osoo qabaatanii gaarii ta’u gorsa. Miidhamtoonni qaamaas waan irratti uumame abaarsa yookiin Waaqatu natti gadde jedhanii waan furmaata hinqabnetti rakkoo ofirratti dheeressuu akka hinbarbaachisnes ni dhaama.
Hiriyyaa Girmaa kan ta’eefi waliin kan jiraatan Dargaggoo Bawuqatuu Xilaahuun kan walbeekan barattoota yunivarsiitii waggaa tokkooffaa irraa eegalee ta’uu kaasee, Girmaan yoo rakkoon addaddaa isa mudatellee akka salphaatti ilaaluun furmaata itti kennee bira darba malee hamileen isaa tuqamee abdii kutachuu waan jedhamu hinbeeku. Akkaataa inni wantootaaf furmaata itti kennu, obsisaa nama biraaf illee fakkeenya kan ta’udha jedha.
“Harka dhabuun hammam ulfaataa akka ta’e yaadimee. Hiixattee fuudhuu, qaqqabdee adda baasuu, cabsattee gurshachuu, buufattee dhuguufi hojii addaddaa kan hojjettu harka keetiin ta’ee osoo jiru, inni garuu guyyaa tokkollee kanneen hunda taasisuun dadhabe jedhee yommuu aaru ykn gaddu argee hinbeeku. Yeroo tokko tokko anii gaafan aaree waa dubbadhu isatu na gorsa. Yeroo sana anis na’een of tasgabbeessa” jedha.
“Yeroo boqonnaa kootti ana waliin bakka garagaraa deemnee waan inni barbaadu raawwannaaf. Gaafan bira hinjiraannee inni qofaasaa deemuu garuu wantoonni addaddaa akka isa mudatan natti hima. Isaanin illee akka boqonnaa jireenyaatti fudhatee haaluma salphaadhaan ilaalee darba.
Jecha inni guyyaa tokko naan jedhe yoomillee hindagadhu. Waaqni maal sitti hir’ise jedhee gaafannaaniin “Lakki Waaqayyo waan addaa naa kenne malee waan natti hir’ise hinqabu” naan jedhe yoomillee sammuukoo keessa jira” jedha.
Miidhamtoonni qaamaa baay’ee barattoota saayinsii hawaasaa yoo ta’an, inni garuu akaakuu barnootaa sammuufi harka caalaatti barbaadu barachuun isaa ciminasaa kan mul’isu ta’uu himee, ittigaafatama fudhate kamittiyyuu of kennee nama hojjetudha..
Girmaadhaaf wanti qorumsa guddaa ta’e mana jireenyaa ta’uu kan himu hiriyyaansaa kun, yeroo kanatti mana fincaanii fayyadamuu barbaadee haalli mijachuufi didee yommuu dhiisu, dhaqna dhiqachuu yaadee gaafa dhiisu argee guyyaa baay’ee bo’uuf jedhee deebifachuu ibsa.
“Anaafi inni akka obboleessa, obboleettii, haadha, abbaa, haadha manaafi mucaatti. Akkasaana taatee waldeggartee utuma jiraattuullee dhiibbaafi qollifannana kireessitoota manaarraa nurra ga’u ulfaataadha. Yeroo baay’ee waan namni harka lama qabu akka waan innis gochuu danda’uutti yaadanii jechoota isaan dubbatan hamilee nama tuqa. Kanarraa kan ka’e yeroo baay’ee gadi ba’ee bashannanuufaa hinbarbaadu. Mana nyaataa deemee nyaata ajajatee nyaachuufaa ni dhiphata” jedha.
Girmaan fakkeenya guddaa isaa ta’uus eeree isarraa miidhamtoota qaamaa qofa osoo hintaane namni kamuu waan guddaa akka irraa baratu dubbata.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
8 Comments to “Girmaa Mokonnon: Injinara moosaajii harka maleessa”
Comments are closed.