Kutaa 2ffaa
Aartiin kun tarii waggoota kuma 10 oliin dura boca bineensotaa gurguddaan kan jalqabe ta’uu hin oolu, qorattoonni muraasni naannoo bara 5000 DhKD. Bocawwan jalqabaa kun, gaarreen Giddugaleessa Sahaaraa keessatti kan daangeffaman yoo ta’u, karaawwan adda addaatiin Early Hunter, ‘Early Wild Animal’, ykn Bubalus art’ jedhamuun beekamu.
Fakkiiwwan jalqabaa, aartii Mataa Geengoo jedhamuun kan beekaman, ‘Tassilin Ajjer’fi gaarreen Akakus keessatti kan daangeffaman yoo ta’u, irra caalaa nama kan agarsiisaniidha. Lakkoofsa piroofaayilii keessatti, bineensota bosonaa tokko tokkoofi tarii, loon manaas akkasuma. Fakkiiwwan kunniin DhKD bara 6000–8000 gidduutti kan yaadaman yoo ta’u, addunyaa dhugaa hintaaneefi hafuura kan ibsan fakkaatu.
DhKD bara 5000fi jireenya tiksee fudhachuu booda fakkiiwwan aartii ‘Bovidian, Pastoral, ykn Cattle’ jedhamanii ramadaman ni mul’atu. Loon, hoolonni, re’oonniifi sareen darbee darbee bineensota bosonaarratti olaantummaa kan qaban yoo ta’u, kophaa isaaniifi mul’ata dhiiraafi dubartoota hirmaachisuun kan agarsiifamaniidha.
Mul’atni adamsuu baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, aartiin kun hojiiwwan duraaniirra fakkeenya akka ifa hin taanetu mul’ata. Gara waggaa 3,000 dura fardeen, sibiilonniifi barreeffamni erga jalqabamee booda bineensonni bosonaa fakkeeffaman haala gogiinsaaf madaqan kanneen akka satawwaa, guchiifi bineensota nama nyaatan qofa kan hammatuudha.
Qubeen Berber durii (ancient Berber script) kan hindubbifamne fakkiiwwaniifi bocawwan lamatu keessatti mul’ata. Waan dhiironni uffatan, eeboofi billaa darbachuu qaban waanuma barame ta’a, jechuun ni danda’ama. Marsaan dhumaa, ‘Gaalaa’ (ykn bara ‘Farda/Gala’ Ennedi keessatti), ‘Camel’ (or ‘Horse/Camel’ period in Ennedi), caalaatti fakkiiwwaniifi boca gaalaafi fardeen, kanneen yeroo baay’ee yaabbatamaniifi ‘antelope’ tokko tokko of keessatti qabata.
Marsaan kun fakkii dubartootaa hinqabu. Naannawawwan baay’eetti duudhaan fakkii aartii dhagaa bocuu waggoota 1,000 dura Islaamummaan seenuusaatiin dhaabate. Aartiin jalqabaa uumamaan amantiifi fakkeenyaa kan ture yoo ta’u, ilaalcha addunyaafi ejjennoo namoonni ishee keessatti qaban kan ibsu ta’uu hinoolu jechuun ni danda’ama.
Aartiin Tiksee akkaataa jireenyaafi barbaachisummaa horii kan calaqqisu ta’uun ifa ta’us, baay’eensaa hiika fakkeenyaa qabaachuus ni danda’a. Fakkeenyaaf, fakkiin Satawwaa hiika fakkeenyaa adda addaa kan akka rooba, dhala namaafi safuu wajjin walqabatu, akkasumas bineensicha ofiisaatii salphaatti kan argisiisu taʼuu dandaʼa; loon mallattoo barbaachisummaa hawaasummaa, sirna darbiinsaa, firummaa ykn abbummaa ta’uu mala.
Boca yaada aangoofi olaantummaa dhiiraa ibsuu danda’a. Waggoota darban keessatti aartii dhagaa Sahaaraarratti barreeffamoonni fakkii gaarii qaban hedduun, afaanota adda addaatiin, kanneen akka Faransaayi, Ingiliffa, Ispeen, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Poortugaal dabalatee ni jiru. Haataʼu malee, barreeffamoota baayʼee dhihoo taʼan qofatu ammayyuu maxxanfamaa jira.
Ummattoota hedduu, Aartii Dhagaa hedduu, akka bakka aartiin itti jalqabametti, hambaan aartii dhagaa keenya dhuguma hambaa guutuu Afrikaa keessatti nu tokkoomsuudha. Gareewwan aadaafi afaanii Afrikaa keessa jiran hundi jechuun ni danda’ama yeroo tokkotti bakka tokkotti aartii dhagaa kan hojjetan yoo ta’u, duudhaan tokko tokkoonsaanii adda ta’eefi namni tokko fagootti yoo duubatti deebi’e hundisaanii hundee waloo kan qaban fakkaatu.
Kanaaf aartiin dhagaa mallattoo badhaadhinaafi garaagarummaa Afrikaa akkasumas hidda dhaloota ishee waliiniifi tokkoomsuudha. Aartiin dhagaa uumamaan cimaafi yeroo dheeraa kan turuudha. Yoo kunuunfame, gammachuufi faayidaa keenyaaf waggoota kuma hedduuf ni jiraata.
Yoo eeguu baanne waggoota muraasa qofa keessatti ni diigamu. Aartiin dhagaa keenya seenaa bu’aa aadaa Afrikaa keessatti argamu kan waggoota kumaatama lakkoofsa hinqabne duubatti deebinee akka yaadannu waan nu taasisuuf kunuunsuu qabna.
Saayitii argannoowwan haaraa
Barreeffamni/Barruun/ argannoo iddoo seenaa duraa fakkii holqaafi aartii dhagaa qabu, Oromiyaa bahaa godinaalee Harargee Bahaafi lixaa, Godina Booranaa, Godina Gujii Lixaa, Baale Bahaafi Wallagga Bahaatti argamu ilaala.
Fakkiiwwan dhagaa holqaa baay’een dallaasaaniirratti kan eegaman yoo ta’u, loon, re’ee, gaala, arbaa, leenca, harree diidoo, qeerransa, gadamsa, borofa, guchii, bofa, nama, farda, satawwaa, geebgoo, mallattoo ji’a bakka bu’u; halluu fayyadaman, golgaa adda addaa adii, diimaa, gurraacha, magaala, burtukaanaafi keelloo dabalatee.
Fakkiin dhiiraa ‘anthropomorphic’ bakka bu’a, akkasumas walbira qabamuu akkaataa qofa tilmaama keessa galchuun, lakkoofsi kan walxaxaa kanaa irra caalaansaa dhuma bara kuma sadaffaa DhKDfi waggaa kuma lammaffaa DhKD gidduutti kan argamu ta’uu danda’a. Odeeffannoon dabalataa kuufama Arkiyooloojii dhagaa keessa ciisu qotuudhaan argamuu danda’a.
– Bakka fakkii kaasuu Daataan kiroonostiraatigiraafii guutummaatti waan dhabameef walmadaalchisuufi hariiroon iddoo fakkiiwwan dhagaafi naannolee Itoophiyaa biroo aartii (rupestrian art) waliin taasifamuu danda’a.
Amala istaayilistikii bakka bu’iinsa bocameefi dibameen ilaaluu qofaan ta’uu mala. Fakkiiwwan dhagaarratti, akkasumas naannolee Afrikaa biroo hedduu aartii seenaa duraa qaban keessatti, fakkiiwwan baay’inaan mul’atan lama jiru: bakka bu’iinsa looniifi mallattoolee; fakkii dhagaarratti fakkiin namaa yeroo tokko qofa kan mul’atu yoo ta’u, bakka bu’iinsa sangaa wajjin walitti hidhamiinsa cimaa qaba.
Afrikaa Bahaatti tartiiba yeroo aartii tiksee akkaataa fakkiiwwan baay’ee babal’atanirratti hundaa’a jechuun ni danda’ama. Innis bakka bu’iinsa looniiti. Naannawa sanatti mul’achuun aartii dhagaa seenaa duraa boodaa amala addaa fakkaata.
Habashaa-Arabiyaa jedhamuun beekamuun kan beekamu yoo ta’u, kunis kaarentii aartii kan baay’inaan Giddugaleessa Arabaa, Ertiraa, Itoophiyaafi, hamma xiqqaa ta’een, Afrikaa Kaabaa gidduutti babal’ate.
Akka amala aartii sanaatti, loon yeroo hunda goba horii malee kan kaafaman, miila fuulduraa tokkoofi miilasaanii duubaa tokko qofa bakka bu’ee piroofaayilii keessatti kan mul’atan yoo ta’u, mataansaanii akka waan gubbaadhaa mul’atanitti gaanfa guguddaa sararaan kan mul’atudha.
Geengoon fannoo keessasaa jiru kan biraa baay’inaan bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u, babal’ina teessuma lafaafi tartiiba yeroo barbaachisaa ta’e qaba: Akka, Sudaan keessatti DhKD bara 7,000 irraa eegalee argachuu dandeenya.
Awurooppaatti mallattoon sun bara Niyoolitikiirraa eegalee waaqeffannaa Aduu wajjin kan walqabatu yoo ta’u, fakkiiwwan fakkeenyaa walfakkaatan dhooftuu suphee ‘Nubian C-Group’ keessatti adda baafamuu danda’u.
Bara ammayyaatti mallattoon walfakkaataan kan maqaa itti moggaasuuf ittifayyadamaniidha jechuudha. Mallattoolee arkiyolojii guutummaatti waan dhabamaniif, fakkiiwwan holqootaafi aartii dhagaa Oromiyaa tartiiba yerootiin hanga ammaatti odeeffannoon ittifayyadamuu danda’amu, amaloota loon bakka bu’uu keessatti fayyadaman qofa.
Amaloonni sun sadarkaa jalqabaa akkaataa Habashaa-Arabiyaa keessatti akka gaariitti hammatamuu danda’u. Kunis yeroo dhuma bara 3ffaafi guutummaa waggaa kuma 2ffaa DhKD yeroon tartiiba yerootiin kan yaadamu walitti dhufeenya akkaataa (style affinities) walitti qabama meeshaalee aadaafi aartii Garee C Nubiyaa wajjini. Kanaaf fakkiiwwan dhagaarratti bocaman yeroo walfakkaataa akka ta’an murteessuu dandeenya.
Walumaagalatti, naannoon Oromiyaa seenaa duraa haaraan kun, DhKD waggoota kuma darban keessatti aartiin naannoo Itoophiyaa keessatti dagaaguusaa ragaa dabalataa bakka bu’a; bakka bu’iinsi loon baay’inaan mul’atu bineensonni sun ilaalcha dhalattoota irra caalaa horsiistota turan keessatti gahee bu’uuraa qaban agarsiisa.
Iddoon sun beekumsa keenya zoonii Itoophiyaa bahaa argannoo iddoo seenaa duraa fakkii holqaafi aartii dhagaa qabu, Oromiyaa bahaa godinaalee Harargee bahaafi lixaa, Godina Booranaa, Godina Gujii Lixaa, Baale Bahaafi Wallagga bahaa keessatti argamu kan hanga ammaatti gama hundaan hinargamne, hanga arkiyolojii ilaalchisee qabnu ni badhaasa.
Kana malees, qo’annoo arkiyolojii gochuudhaan Oromiyaan bu’aa aadaafi tartiiba yeroo gatii guddaa qabu kan qaawwa seenaa duraa dhiyeenya Afrikaa Bahaa ilaallatu guutuuf barbaachisaa ta’e nuu kennuu akka dandeessu hinshakkisiisu. Qaawwa bu’uuraatiin ragaa arkiyolojii gadhee nu harka jirurraa kan ka’eedha.
Naasir Ahmadiin (qorataa holqaa) Ittifufa
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
8 Comments to “Argannoowwan haaraa seenaa aartii dhagaarraafi fakkiiwwan holqoota keessaa”
Comments are closed.