Keessummaan keenya maxxansa kanaa Doktar Sa’id Osmaan jedhamu. Ogeessa wal’aansa lafee dugdaati. Iskootilaandi, ‘UK’tti gamtaa lafee dugdaa qo’ataniiru. Kalaqawwansaanii si’aayinaan fudhatama argachuu danda’uunsaanii ogeessa kana adda taasisa.
Hospitaalota yunivarsitii adda addaatti miseensa teknikii lafee dugdaas turan. Teknikoota indooskoppikii lafee dugdaa sadii kan yeroo ammaa sadarkaa addunyaatti faayidaarra oolanis qopheessaniiru.
Teknolojiinsaanii, “Apparoota Osmaan” (Osmaanappers)” jedhamu faayidaalee hedduu qabu; indooskoppikii yeroo wal’aansa baqaqsanii yaaluu lafee dugdaa qusatuufi tajaajila guddaa kennu biyya keenyatti hojiirra oolchuuf sochii qabatamaatti seenaniiru.
Kanaanis waadaa abbaafi biyyasaaniitiif galan qabatamaan hojiitti hiikuuf tattaaffii olaanaa gochaa jiru. Ogummaasaanii kanaan walqabatee miidiyaalee addunyaarratti beekaman hedduurratti dhiyaachuun waa’ee kalaqasaanii dinqisiisaa kana ibsaa turan.
Bariisaa: Addunyaan maaliin isin beeka mee?
Doktar Sa’id: Addunyaan kan na beeku kalaqawwan haareyyii ani damee fayyaatiin burqisiiseefi hojiirra oolcheeni. Kalaqawwan koo damee fayyaatti oggaa dafanii hojiirra oolan mul’ata.
Namoonni ‘anarratti haa yaalamu’ jedhan baay’eedha. Kanaafis otoo barreeffama qo’annoo koo dubbisee hinxumuriin wal’aansi baqaqsanii wal’aanuu akka isarratti yaalamu eeyyamamaa kan ta’e raadiyolojistiin Hawaayirraa (Ameerikaa) kan dhufe agarsiistuu gaariidha.
Bariisaa: Eessatti dhalattanii guddattan?
Doktar Sa’id: Ani dhalataa Itoophiyaafi Keeniyaa yoon ta’u maatiin koo “Gootoo Ayilaa” jedhanii na waamu. Maqaan koo mana barumsaafi hanga har’aatti ittiin beekamu ammoo Sa’id Gootoo Osmaan jedhamuuni.
Kanin dhaladhe Magaalaa Moyyaalee daangaa Itoophiyaafi Keeniyaatti argamtutti yoo ta’u, yeroo koo danuu kanin dabarse garuu Keeniyaatti. Ani carraa Moyyaaleewwan Itoophiyaafi Keeniyaatti guddachuuf argadheera.
Moyyaaleen magaalaa saboonniifi sablammoonni adda addaa baay’inaan keessa jiraatan waan taateef afaanotaafi duudhaalee adda addaa baruuf barachaa akkan guddadhuuf carraa naa uumeera.
Ani ilma, ilma gootaafi dursaa gosaati; akaakayyuun koo gootichi (abbaa haadha kootii). Akaakayyuun koo kun goota hawaasni Moyyaalee qofti leellisu otoo hintaane nama Atsee Hayilasillaaseedhaan amanamummaa gonfatanii sadarkaa balaanbaraasummaaf kaadhimamaniidha.
Kanaanis ani ilmi ilmasaanii, mucaan kaleessaa waanin akaakayyuu koo jalatti guddadheef isaanirraa ciminaafi gootummaa akkasumas bilisummaa baradheera. Oggaa umuriin koo daa’ima waggaa shanii gita bittaa Ingiliz jala kan turte waa’ee walga’ii Moyyaalee Keeniyaafi biyya walabaa Moyyaalee Itoophiyaa akaakayyuun koo bulchaa turanii yaadannoo addaa ta’ee darbeera.
Yeroo sana walga’ichaa hogganaa kan turan bulchaa Moyyaalee Keeniyaa lammii Ingiliziifi hogganaa hawaasa Moyyaalee Itoophiyaa, akaakayyuu kooti.
Akeekni ijoon walga’ichaa dhimma yeroo sanatti jireenya hawaasaa qoraa ture, hanna loonii Itoophiyaarraa gara Keenyaatti, Keeniyaarraa gara Itoophiyaatti raawwatamaa ture kan ilaallatu ture.
Walga’icharrattis akaakayyuun koo qaama furmaataa ta’anii argamaniiru. Oggaa walga’icha hoggananis Itoophiyaan biyya walabaa waan taateef ergaa dabarsuu barbaadan ofitti amanamummaa addaatiin dubbataa turan.
Garuu, marichi furmaata barbaaduurra Itoophiyaa qeequun kan qabame ture. Kanneen walabummaa beekaniifi fageenya hammamii deemuu akka qaban hubatan akaakayyuun koo gaaffiilee, “Itoophiyaanonni yeroo meeqa Keeniyaa weeraran? jedhanfaa bulchaa lammii Ingiliziif dhiyeessan.
Gaaffichi bulchaa lammii Ingiliz kan kirkirse waan ta’eefi kan hineegne waan tureef mo’atamuurra jedhanii ittikolfan, qaanessanis. Isaan garuu ergaasaanii sirriitti waan dabarfataniif gammadoo turan. Daa’imummaa kootti kana argee dubbiin bitaa nati galee ture.
Tuffii bulchaan lammii Ingiliz kun akaakayyuu kootti agarsiisetti garmalee aareera. Ani daa’imni kaleessaa, ogeessi fayyaa har’aa aaree qofa dhiisuu hinbarbaadne. Sirumayyuu akka haati koo waa’ee dhimmichaa natti himtu gaafadhe.
Haati koos, “Dachee adiirratti akka gurraachi dubbatuuf hineeyyamamu. Akaakayyuun kee garuu bilisummaa ittijiraatanii waan guddataniif waan garaasaanii dubbataniiru. Bulchichi ammoo eenyuyyuu ittidubbatee waan hinbeekneef fakkeessuuf kolfa aarii kolfe. Kanaafuu atis kan gochuu qabdu aaruu otoo hintaane bilisummaa biyyi kee sii kennitetti fayyadamtee warra si qaanessuuf ka’an leyyaasisuudha” jettee na gorsite.
Taateen kun anaafis seenaafis yaadannoofis bu’uura ture. Sababiinsaas akka dachee adiiwwaniirratti gurraachi hojjechuu danda’u qabatamaan agarsiiseera. Bu’uura koo har’aatiifis dhalataa Itoophiyaa walabaa ta’uu koo akka ta’e isaan amansiiseera.
Waanin lammii Itoophiyaa ta’eef hinmo’atamuu amala taasifadhee akkan guddadhuuf na gargaareera. Waan jalqaban xumuruufi yeroo hunda injifataa ta’uu na gonfachiiseera. Akkan carraa barnootaa fooyya’aa argadhus na dandeessiseera. Kan biraa ammoo akkan adiiwwanirraa teknolojiiwwan baradhuufi gooftaa ofii ta’uu gonfadheera. Kana malees akkan aadaafi duudhaa biyya biraa beekuuf carraa kan naa kenne ta’uusaati.
Bariisaa: Turtii Itoophiyaadhaa hanga Ameerikaatti dabarsitan keessaa waanuma gabaabaa nuu ibsaamee?
Doktar Sa’id: Akkuma koo namoonni naannawa daangaatti dhalatan daangessitootasaanii wajjin waantota baay’eedhaan tokko ta’anii jiraatu. Wajjumaan nyaatu, waa hunda wajjumaan raawwatu. Bakka tokkotti barachaa isa kaan wajjin jiraachuu danda’u. Otoo eenyuyyuu asiin baate asiin galte hinjedhiiniin biyyoota lamaanuu akkuma biyyasaaniitti akka balbalasaanii bananii galu, bahus.
Lammiileen dhalootaan Itoophiyaa ta’an danuun maddisaanii Itoophiyaa ta’us barnoota fooyya’aa barbaacha gara Keeniyaa deemuu kan danda’aniif sababuma kanaani.
Anis namoota kanneen keessaa tokko. Barnoota kutaa 1ffaa Itoophiyaatti baradheen isa ittaanu hanga yunivarsitiitti Keeniyaatti hordofeera. Dhugaa dubbachuuf ani carraa hanga yunivarsitiitti barachuu hinargadhuuyyu. Sababiinsaas abbaa koo Obbo Osmaani.
Fedhiin abbaa kootii yeroo hundaa waan tokko ture. Ani, Ilmisaanii Keeniyaarraa gara Itoopiyaatti deebi’ee akkan biyya koo tajaajilu. Kanaafis yoon hanga kutaa 8ffaatti baradhe gahaadha jechaa ture. Sababiinsaas sadarkaan kutaa kun lammiilee Itoophiyaa Moyyaalee keessa jiraataniif sadarkaa barnootaa isa olaanaadha.
Kanaafuu, akkan kanarra hindabarre gochaa turan. Garuu qabxiin galmeessise akkan barnoota koo addaan kutu kan taasisu waan hinturreef barnoota koo sadarkaa 2ffaa ittifufuu danda’e.
Ergan sadarkaa 2ffaa qaqqabee boodas waanti na dhaabu tokkollee hinturre. Sadarkaalee barnootaa hundatti bu’aaqabeessan ture. Kanaanis abbaa kootiin homaa jechuu hinbarbaadne. Kanaafuu, yunivarsitiin seene.
Yunivarsitiin seene Afrikaa bahaatti dhaabbata barnoota olaanaa beekamaa “Maakireeree” jedhamu yoo ta’u, achittis waan milkiin na biraa hinhafneef gara Yunivarsitii Naayiroobiitti jijjiiramuuf Ministeera Fayyaa biyyattii gaafadhe. Ministeerichis waa’ee cimina koo dursee waan bareef gaaffii koo gammachuudhaan fudhatee Yunivarsitii Naayiroobii gale.
Bariisaa: Bifaan gurraacha ta’uu keessaniin dhiibbaan isinirra ga’ee jiraa?
Doktar Sa’id: Gurraacha ta’uun koo hojii koorratti dhiibbaa uumullee warri adiin bu’aa kalaqaa koo hojiirra oolfachuuf dirqamaniiru. Hojii qorannoo koo kanaan baay’ota injifadhee addunyaaf fakkeenya ta’uu danda’eera.
Bariisaa: Filannoon barnootaa keessan damee kam ture?
Doktar Sa’id: Barnoonni ani Yunivarsitii Naayiroobiitti barachuuf filadhe fayyaa yoo ta’u, sababiin damee kana filadheefis qaba. Innis tokkoffaa otoon daa’ima waggaa jahaa jiruu Moyyaalee Keeniyaatti hospitaala qofagaleessatti faarmaasistummaan tajaajilaa kan turan wasiila (addeera) koo wajjin deemee waanin hospitaalicha argeefi.
Kunis gidiraa deessuu Moyyaalee Itoophiyaarraa gara hospitaalichaa dhufte tokkoo arguu koo yoo ta’u, haalli ani yeroo sana arge daran gaddisiisaafi kan sammuu koo keessaa hinbadne ture.
Guyyaa sanarraa kaasees oggaa maatiin maal ta’uu barbaadda jedhanii gaafatan deebiin tokkoofi tokko ta’e. Innis oggaan guddadhee barnoota koo xumuru ogeessa fayyaa ta’uudha. Garuu dubbii koo kanatti hunduu kolfaa ture. Abjuu koo kanas kan naa fudhate hinturre.
Kolfi maatii kun natti hintolle. Madda kolfichaa baruuf ammas haadha koo gaafadhe. Deebiin naa kennames, “Ogummaan fayyaa adiiwwan qofaaf kan kennameedha. Naannawa keenyas doktarri gurraachi hinjiru” kan jedhuudha. Kanaafuu, xiiqii kana bahachuufi waanin hintaatu jedhame ta’ee agarsiisuu sababa koo lammaffaa taasifadhee damee fayyaa filadhee baradhe.
Bariisaa: Ogummaa fayyaa kanaan hammam deemtaniittu ykn tajaajiltaniittu, eessa eessatti?
Doktar Sa’id: Ogummaa wal’aansaatiin hanga ammaatti ittifufeen ittiin hojjechaan jira. Naayiroobii booda gara Iskootilaanditti imaluun ogummaa waa’ee wal’aansa lafee dugdaa qo’adheera. Keessumaa namoota dhukkuba dugdaatiin gidiraa argaa jiran salphumatti bayyanachiisuuf daran dhama’eera. Damee kanarratti akaakuuwwan wal’aansaa kan ofii koo uumuudhaan qaama dhimmi ilaallatu biratti galmeessiseera. Akka hundi ittifayyadamus taasiseera. Har’a hunda biratti akkan barbaadamu kan na taasises kalaquma koo kana.
Hojiin wal’aansaa iddoon hindaangessine tokko jedhee kanin jalqabe daa’ima waggaa jahaa ta’ee turtii wasiila koo faarmaasistii wajjin Hospitaala Moyyaalee keessatti taasiserraa ka’uuni. Daa’ima ta’us dhukkubsattoota haalota adda addaatiin gargaaraan ture. Achii akkuman Yunivarsitii Naayiroobiirraa eebbifameenan kallattummaan gara Mombaasaatti qajeele.
Hospitaala distiriiktii Mombaasaatti argamuttis tajaajiluu ittifufe. Altokko tajaajilee barnootaaf gara Naayiroobii deeme. Barnoota koo kana maddiitti dhukkubsattoota Moyyaalee, Mombaasaafi naannawa birootii dhufan wal’aanaan ture.
Bariisaa: Waanti ogeessota fayyaa biroorraa adda na taasisa jettanii nuu kaastan yoo jiraate?
Doktar Sa’id: Waanti ogeessota fayyaa biroorraa adda na taasisa jedhee yaadu tajaajila wal’aansaa kana mana koottillee kennuu kooti. Dhukkubsattoonni yoo hospitaalaa na dhaban hanga mana kootti dhufuun tajaajilamu. Akkan ogummaa kanatti seenu kan na taasise lammii koo gargaaruu waan ta’eef hawaasa tajaajiluurraa duubatti jedhee hinbeeku. Hirriba malee buluun tajaajila barbaachisu nan kenna.
Bariisaa: Barnootaafi tajaajila wal’aansaa akkamiin walduukaa deemsisuu dandeessan?
Doktar Sa’id: Tajaajilli koo kun garuu hanga dhumaatti ittihinfufne. Dhimma barnootaa kootu na danqe. Barnoota kootiin bu’aaqabeessa ta’ullee isaanumaaf waan fooyya’aa fiduuf waan ta’eef xiyyeeffannaa koo wal’aansarra barnoota taasisee gara Biritaaniyaa, Iskootilaanditti imale.
Kanaanis, ogummaa wal’aansa lafee dugdaa qo’adhee sadarkaa ispeeshaalaayizdiittis ol guddise. Ogummaan gonfadhe kanaanis baay’ota baraareera. Kanneen keessaa tokko turtii waggoota sadiif barnootarratti dabarseen jechuunis kalaqa bara 2003 fooyyessuudhaan namoota hedduuf qaqqabuun ni eerama. Kalaqnisaanii kun mala baqaqsanii wal’aanuu lafee dugdaa kan hordofeedha. Addunyaanis bal’inaan beekeera; ittifayyadameeras. Sababiinsaas kalaqichi wal’aansa baqaqsanii yaaluu ji’ootaafi isaa ol fudhatu teknolojii wal’aansaatti fayyadamuun jiddugaleessaan wal’aansa baqaqsanii yaaluu yeroo daqiiqaa 40 hincaalle keessatti dhukkubsattoota wal’aanu.
Fakkeenyaafis namni jalqaba wal’aansa baqaqsanii wal’aanuu taasisaniif kanaaf agarsiistuudha. Yeroon wal’aansichaaf ittifudhate daqiiqaa 40 yoo ta’u, wal’aanamaan turtii sa’aatii 3:00 booda qorichaa hadoochaa kennamee irraa dammaqee tarkaanfachuu eegaleera.
Faayidaan biraa kalaqichi argamsiisu oggaa wal’aansi baqaqsanii wal’aanuu taasifamu dhangala’uun dhiigaa mudachuu dhabuusaati. Kanaan ammoo lammiileen biyyoota akka Itoophiyaa dhabiinsa dhiigaatiin gidiraa argan ni boqotu. Oggeessa wal’aansaas taanaan kutaa tokkoo gara biraatti socho’uufi dhiphina keessa galuu jalaa baraarama.
Oggaa waa’een hojii koo ka’u otoo hinka’iin kan hinhafne dhimmi ijoon muuxannoo otoo hinqusatiin eenyumaafuu qooduu kooti. Ogeessota fayyaa biyya kamuurraayyuu narraa muuxannoo qooddachuuf dhufan leenjii ni kennina.
Fakkeenyaaf ogeessota mala si’aayaa kana barachuuf Kooriyaa Kibbaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota adda addaaraa dhufaniif leenjii kenneera. Muuxannoofi waa’ee hojii koo qoodeeraaf; barsiiseera. Kana gochaa kanin ture yeroon Biritaaniyaatti mindeeffamee hojjetaa turetti. Ta’us hojii koo kanatti Ameerikaanonni gammadoo hinturre. Ani garuu kanaaf iddoo hinkennine. Sababiinsaas, kaayyoon koo dhukkubsattoota rakkoo keessaa baasuudha.
Bariisaa: Akkamiin Biritaaniyaarraa gara Ameerikaatti ceetan?
Doktar Sa’id: Kanin Biritaaniyaarraa gara Ameerikaatti qajeele akkuma tasaa ture. Fedhiin koo akkuman leenjii koo xumureen biyya koo, Itoophiyaa tajaajiluu ture.
Utuman carraa Biritaaniyaa turuu qabuu sababoota lamaaf yaada koo jijjiire. Inni jalqabaa kaadhimni koo Dubree Masarat Bafiqaaduu waan Ameerikaa jirtuuf ishee bira deemee jiraachuuf hawweera. Lammaffaan ammoo ogummaa koo guddifachuuf Ameerikaa waanti fooyya’aan akka jiru amaneera. Kanaafis filannoon koo isa ta’ee gara Ameerikaa, Meerilaanditti qajeele.
Akkuman Ameerikaa deemeen tokko jedhee kanin hojii eegale Yunivarsitii Wal’aansaa Ohaayootti argamutti barsiisaa ta’uuni. Ta’us hojii kootti gammadaa hinturre; dandeettii koo waa kalaquu waan na jalaa daangesseef.
Ta’ullee ogummaa barsiisummaatiin fudhatamummaa olaanaa gonfadheen ture. Fudhatamummaa olaanaa kanaan guutummaa addunyaarra naanna’ees akkan barsiisu naa taasiseera.
Bariisaa: Ogummaa wal’aansaa kanaan beekamtii akkamii argattaniittu?
Doktar Sa’id: Yeroo ammaa damee fayyaatiin mirkaneessituu abbummaa kalaqawwan sagalii qaba. Kanneen keessaas keessumaa kanin sadarkaa addunyaatti ittiin beekamuufi mala koo baqaqsanii wal’aanuufi lafee namtolchee hojjedhe ni eeramu.
Bariisaa: Waa’ee Itoophiyaa akkamitti ibsituu? Maalis hojjechuufiif yaaddan?
Doktar Sa’id: Qaamni koo Itoophiyaadhaa bahus Itoophiyaan onnee koo keessaa hinbaane. Waantota akka Itoophiyaa hindaganne na taasisan keessaa ulfinni olaanaan kaleessa kennameef akkasumas waadaan abbaa kootiif seeneedha. Waadaa kana kan seene ammoo ummanni qabxii yunivarsitii seenee galmeessisetti gammadee simannaa ho’aa naa taasifamerratti.
Oggaan digirii koo jalqabaa Naayiroobiitti hojjedhu oduun waa’ee qabxii olaanaa fiduu koo Moyyaaleetti dhaga’ametti gammachuun kan maatii qofa hintaane kan hawaasa naannawaatisi malee. Kanaanis namoonni gammachuusaanii ibsachuuf cidha qopheessan; nu boonsite jedhamees faarfame.
Yoo gammachuu koo to’achuun na rakkisellee akkan waan tokko gochuu danda’u ni amanuutii akkana jedhee waadaa seene, “Oggaa yunivarsitidhaa deebi’u jiraattota Moyyaalee Itoophiyaa nan tajaajila” jedheen waadaa seene.
Garuu haalli akka yaadanitti waan hindeemneef otoon waadaa koo hinkabajiinin hafe. Ammas garuu hindhiine jechuun hojii koo addunyaan beeke biyya koo, Itoophiyaatti hojiirra oolchuuf kutadhee dhufe. Hojiirra oolmaa waadichaatiifis qophiilee adda addaa gochaan jira.
Bariisaa: Qo’annoon Iskootilaandi, Yunaayitid Kiingidamitti addatti maalirratti kan xiyyeeffate ture?
Doktar Sa’id: Iskootilaandi, Yunaayitid Kiingidamitti lafee dugdaa ilaalchisuun qo’annoo baay’ee adeemsiseera. Kanaanis rakkoolee wal’aansa baqaqsanii wal’aanuutiin walqabatu hubadheera. Wal’aansi baqaqsanii wal’aanuu ‘indooskoppik’ jedhamu kanaaf furmaata jechuunis kaa’eera.
Ameerikaa dhaquudhaanis Hospitaalota Yunivarsitii Kiliivlaandi, Ohaayootti waldaa lafee dugdaarratti hojjetuu ta’uudhaan deggarsa Pirofesar Maarsolaayisiin qo’annoo adeemsiseera. Amma qo’annoon koo sadarkaa addunyaatti idileedhaan faayidaarra ooleera. Dhukkubsatoonni baay’eenis ittiin fayyaniiru. Kanaafis karoorri koo lammii baraaruu waan ta’eef jalqabbiin koo tajaajila tola ooltummaa ta’eera.
Bariisaa: Hojii gama tajaajila tola ooltummaatiin biyya keessatti hojjettan keessaa waa nu eeraa? Idileedhaan maal karoorfattan?
Doktar Sa’id: Dhiyeenyuma kanallee Hospitaala Alartitti ogeessota leenjisuufi wal’aansa baqaqsanii yaaluu kenneera. Dhaabbiidhaan ammoo Wiirtuu Gabbisa Dandeettii Wal’aansa Lafee Itoophiyaatti hundeessuuf tattaaffiirran jira.
Kana milkeeffachuufis carraawwan adda addaatti fayyadamaan jira. Agarsiisa fayyaa Godambaa Saayinsiitti adeemsifamaa turerratti argamuunis hojii addaa kalaqa koo ta’e dhiyeesseera. Kanaanis baay’onni akka faayidaa kalaqaa hubatan taasiseera.
Namoonni baay’eenis kalaqan dhiyeesse jaalataniiru. Hojii indooskoppii lafee dugdaarrattis waanin hubannoo gaarii uumeef mootummaa dabalatee qaamolee adda addaarraa deebii gaarii nan argadha jedheen abdadha.
Wal’aansa lafee dugdaa gara Itoophiyaatti fiduuf oggaan yaadu wantonni baay’een akka qaala’aniifi walxaxoo ta’an nan beeka. Waan yaadame akka salphaatti hojiirra oolchuun akka hindanda’amnes nan hubadhe. Ta’us aarsaa kamuu kanfalee waanin yaade dhugoomsuuf tattaaffii eegaleera.
Sababa dhukkubni dugdaa hammaateef rakkooleen baay’atanis xiyyeeffannaan damichaaf akkuma biyyootaattuu kenname xiqqaadha. Kanarraa kan ka’e haalli jiru daran yaachisaadha. Oggaa dhiibbaa dhukkubichi uumu yaadus nan dhiphadha.
Bariisaa: Dhiibbaan dhukkuba dugdaa akkamitti ibsamamee Doktar?
Doktar Sa’id: Dhukkubni dugdaa miidhamaa qaamaa nama taasisuu qofa otoo hintaane dinagee biyyaas ni hunkuteessa. Akka qorannoowwan eeranittis ummata Itoophiyaa waliigalaa keessaa miliyoonni 65 umuriisaanii waggaa 15 hanga 54tti jirutti humna omishataadha.
Ta’us humna kana keessaa harki 46 (miliyoonni 30) dhukkuba dugdaa cimaa keessa jiru. Sababuma kanaan humni omishataan guyyaatti sa’aatiiwwan sadiif; torban keessatti guyyoota muraasaaf qofa akka hojjetaniif ykn akka guutummaatti hinhojjenne ta’u.
Dhukkubni dugdaa omishtummaa dugdaa harka 70n hir’isa. Rakkoo kana furuuf ammoo filmaanni teknolojiiwwan akkanaa hojiirra oolchuudha.
Har’a Itoophiyaatti namoonni miliyoonni 1.5 dhukkuba dugdaa hamaaf waan saaxilamaniif wal’aansa baqaqsanii yaaluutu isaan barbaachisa. Kana jechuun ammoo dinadgee Itoophiyaa keessatti dhukkubsattoota, maatii, hawaasaafi abbootii qabeenyaarratti dhiibbaa olaanaatu uumama.
Kanaafuu, lammiileen Itoophiyaa ala jiran bu’aa teknolojii faayidaalee baay’ee qaban erganii dhibicha salphisuun biyyaaf birmachuu barbaachisa. Anis biyya hanga libsuu ijaatiifillee hindaganneef hojjechuuf dhufeera.
Bariisaa: Teknolojiin isin kalaqxan maal jedhama? Faayidaansaa hoo akkamitti ibsama?
Doktar Sa’id: Teknolojiin koo “Apparoota Osmaan” (Osmaanappers)” jedhama. Teknolojichi faayidaalee hedduu kan qabu yoo ta’u, tokko indooskoppikii yeroo wal’aansa baqaqsanii hodhuu lafee dugdaa kan qusatuudha. Inni kaan ammoo oggaa dhibbantaadhaan safaramu yeroo harka 70 hanga 80 kan qusatuudha. Dhukkubsaticha dafee hadoochaa keessaa akka dammaqu isa taasisa.
Akaakuun wal’aansaa kun akka dhukkubsatichi guyyuma oppiraasiyoonii itti ta’etti gara manasaatti akka geggeeffamuuf carraa kennee sireen wal’aanamaa biraatiif akka gadilakkifamu kan taasisuudha. Maatii dhukkubsaatifis gammachuu kan uumuudha. Wal’aansichi guutamaa, si’aayaafi kunuunsa kan of keessaa qabu ta’uun adda isa taasisa.
Faayidaan biraa kalaqichaa pirotokoliin wal’aansaasaa anaatomikii sirriidhaan, ‘MRI” irratti kan hundaa’e yoo ta’u, haala lafee dugdaa addaan baasuudhaan dhukkubsatichi guyyaa jalqabaarraa kaasee akka pirotokolii wal’aansaa hordofu kan taasisuudhas. Maallaqa kan qusatuufi haala qindoomina qabuun kan hojjetamu waan ta’eef carraa hojii uumuufi turizimii wal’aansaatiif haala mijataa uuma.
Yoo hojmaanni kun Itoophiyaa keessatti hojiirra oole baay’onni lixaafi baharraa wal’aansaaf gara Itoophiyaatti akka yaa’an taasisa. Kun ammoo turizimii wal’aansaa qofaaf otoo hintaane dameelee turizimii biyyattii dadammaqsuudhaan waan guddaa gumaacha. Dinagdee hirphuufis ni gargaara.
Wal’aansi Indooskoppiikii lafee dugdaa kun wal’aanamtootaaf wal’aansa kennuudhaan ogeessonni wal’aansa lafee dugdaa, dhiyeessitoonni qoricha bayyanachiisoo, teraappistoonni, narsoonnifi kkf wiirtuu leenjii ta’ee tajaajila. Kana malees jaarmiyaalee saatalaayitii Itoophiyaafi guutummaa Afrikaatti argamaniif wiirtuu tajaajila kunuunsa lafee dugdaa ta’a.
Wiirtuu ogeessonni fayyaa Afrikaatti argaman hedduun gaaffiilee dhiyaataniifiif deebii ittikennaniidha. Waajjirasaa muummee Finfinnee taasifatees waldaan teknolojiiwwan lafee dugdaa Afrikaa akka hundaa’uufis kan gargaaruudha.
Kanaaf waanti karoorfame kun akka dhugoomuuf waadaan abbaa koofi biyya kootiif itti hojiirra oolchu akka ta’uuf hundi keessan na gargaaraa.
Bariisaa: Xumurarratti yoo ergaa qabaattan?
Doktar Sa’id: Yaada koo kanarratti lammiileen Itoophiyaa ala jiran akka qooda fudhatanin barbaada. Hayyoonni baay’een ala bahanii baratanii dhufu. Bakka deemanitti teknolojiiwwan baay’een akka jiran ni beeku. Ofiifis ni uumu.
Oggaa gara biyyasaanii dhufan garuu waantonni baay’een hordofuu qaban akka jiru hinhubatan. Akka waan teknolojiin marti faayidaa qabeessa ta’eetti; garuu amalli teknolojii akka biyya itti arganiifi itti uumameetti adda adda. Oggaa gara biyya keenyaatti fiduu yaadnu dursinee kan hubachuu qabnu kana.
Biyya jaalachuun daran barbaachisaadha. Teknolojii fiduunis gocha gaariidha. Garuu, asirratti waantota lama hubachuu qabna. Tokkoffaan amala teknolojichaa hubachuufi akka haala biyya keenyaatiif ta’u hubachuudha.
Lammaffaan cinaacha cimaa teknolojichaa addaan baasuudhaan aadaa biyya keessaatiin mil’achuu barbaachisa.
Aadaa, duudhaafi haala teessuma lafaa akkasumas dhimmoota biyyaa adda addaa keessa galchuunis dirqama. Ija amalootasaaniitiin sirreessanii fudhachuufi hojiirra oolchuun ni danda’ama. Kun ta’uu baannaan ammoo amalasaa addaan baasanii qabachuudhaan haala biyyattiif mijatuun deebisanii uumuunis ni danda’ama.
Anis oggaan hojii kalaqaa koo biyya kootti hojiirra oolchuuf yaadu kana yaada keessa galchuudhani. Yoo akkana ta’e teknolojichi haaluma fidneen faayidaa qabeessa ta’a.
Hundi keenya Itoophiyaan Sa’ud Arabiyaa ykn Ameerikaa akkan hintaane beekuu qabna. Biyya waantota bu’uuraa hedduu barbaadduudha. Kanaafuu, teknolojii haala kanaan mil’atanii fiduu barbaachisa. Filannoon koofi kan fakkaattota kootii haala kanaan kan mil’atame natti fakkaata.
Rakkoolee bu’uuraa biyya keenyaa keessaa tokko wal’aansa ta’uu eenyuyyuu ni beeka. Kanaafuu, teknolojii yeroo, humnaafi maallaqa qusatu haala Itoophiyaa madaaluun sirreessee fidee dhufeera. Kanin waadaa koo gochatti jijjiiru oggaan kana raawwadheedha. Kanaaf warri kaanis kanuma gochuu qabun jedha. uumu.
Oggaa gara biyyasaanii dhufan garuu waantonni baay’een hordofuu qaban akka jiru hinhubatan. Akka waan teknolojiin marti faayidaa qabeessa ta’eetti; garuu amalli teknolojii akka biyya itti arganiifi itti uumameetti adda adda. Oggaa gara biyya keenyaatti fiduu yaadnu dursinee kan hubachuu qabnu kana.
Biyya jaalachuun daran barbaachisaadha. Teknolojii fiduunis gocha gaariidha. Garuu, asirratti waantota lama hubachuu qabna. Tokkoffaan amala teknolojichaa hubachuufi akka haala biyya keenyaatiif ta’u hubachuudha.
Lammaffaan cinaacha cimaa teknolojichaa addaan baasuudhaan aadaa biyya keessaatiin mil’achuu barbaachisa.
Aadaa, duudhaafi haala teessuma lafaa akkasumas dhimmoota biyyaa adda addaa keessa galchuunis dirqama. Ija amalootasaaniitiin sirreessanii fudhachuufi hojiirra oolchuun ni danda’ama. Kun ta’uu baannaan ammoo amalasaa addaan baasanii qabachuudhaan haala biyyattiif mijatuun deebisanii uumuunis ni danda’ama.
Anis oggaan hojii kalaqaa koo biyya kootti hojiirra oolchuuf yaadu kana yaada keessa galchuudhani. Yoo akkana ta’e teknolojichi haaluma fidneen faayidaa qabeessa ta’a.
Hundi keenya Itoophiyaan Sa’ud Arabiyaa ykn Ameerikaa akkan hintaane beekuu qabna. Biyya waantota bu’uuraa hedduu barbaadduudha. Kanaafuu, teknolojii haala kanaan mil’atanii fiduu barbaachisa. Filannoon koofi kan fakkaattota kootii haala kanaan kan mil’atame natti fakkaata.
Rakkoolee bu’uuraa biyya keenyaa keessaa tokko wal’aansa ta’uu eenyuyyuu ni beeka. Kanaafuu, teknolojii yeroo, humnaafi maallaqa qusatu haala Itoophiyaa madaaluun sirreessee fidee dhufeera. Kanin waadaa koo gochatti jijjiiru oggaan kana raawwadheedha. Kanaaf warri kaanis kanuma gochuu qabun jedha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
9 Comments to “Doktar Sa’id Osmaan: Hayyuu teknolojii wal’aansa lafee dugdaa kalaqaniin lammii tajaajiluuf onnatan”
Comments are closed.