Manneen barnootaa itti baranne haa mil’annu

Akka biyyaatti manneen barnootaa sadarkaa idileen duraa, tokkoffaa, lammaffaafi dhaabbilee olaanoo dabalatee manneen barnootaa kumni 50 ol akka jiran ragaan Ministeera Barnootaa irraa argame ni mul’isa. Kanneen keessaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi giddugaleessaa %86 ol, sadarkaa lammaffaa %71 ol sadarkaan gadi yoo ta’an, bu’uuraalee misoomaa barbaachisan kan hinguuttanneefi adeemsa baruu fi barsiisuuf kan hinmijanneedha.

Manneen barnootaa kanneen ammoo mootummaan qofti fooyyessuufi sirreessuu hindanda’u; hirmaannaa qaamolee hundaatiin yoo ta’e malee. Kanarraa ka’uun dhiheenya kana sosochiin hareessa manneen barnootaa biyyaaleessaa mata duree “Barnoonni Dhalootaaf” jedhu mootummaan labsee hojiitti seenameera. Kanaanis hawaasni sadarkaan jiru, abbootiin qabeenyaa, barattoota duraanii, mootummaafi dhaabbileen mitimootummaa rakkoo manneen barnootaa ilaaluun kallattiidhaan kan irratti hirmaatan ta’a.

Kaayyoon sosochii kanaas wantoota qulqullinni barnootaa akka dhabamuuf sababa ta’an hedduu jiraatanis kanneeen keessaa tokko manneen barnootaa adeemsa baruu barsiisuutiif mijatoo ta’uu dhabuun isa bu’uuraati. Sababa kanaan barattoonni naannawa qulqullini barnootaa guutuu hintaane keessatti akka barataniifi beekumsa barbaadamu akka hinhoranneef sababa ta’eera.

Rakkoo kana ammoo hunduu walta’ee yoo fure malee jijjiiramuu hindanda’u. Hojiin kun hojii halkan yookiin baatii yookiin ammoo tibba tokko qofa duulaan hojjetamu osoo hintaane walitti fufiinsaan waggoota 10 oliif hojjetamuu qaba. Kanaafis sirni diriirfamee hawaasnifi qaamoleen addaddaa ittifufiinsaan akka hirmaatan taasisuu barbaachisa.

Sosochii kanaanis wantoota hedduutu eegama. Gurmaa’insa ummataa uumuun hojii qabatamaatti galanii manneen barnootaa fooyyessuu, haala qabatamaa manneen barnootaa adda baasanii beekuun akka fooyya’aniif haala mijeessuu, hirmaannaa hawaasaa sadarkaalee garagaraatiin bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuuf ittigaafatama ofii ba’achuun kanneen muraasa.

Sosochiin kun ji’a tokko dura Ministira Muummee Itoophiyaa D Abiyyi Ahmadiin (PhD) kan eegalchiifame yoo ta’u, isaanis “Manneen barnootaa Itoophiyaa isin kaleessa itti barattan hundi har’a deggarsa keessan barbaadu. Deggarsa keenya hojiidhaan mul’isuudhaaf sochii biyyaalessaa “Barnoonni Dhalootaaf” jedhamu kan hundi keenyayyuu yaadaan, maallaqaan, humnaan, akkasumas waan qabnu hundaan manneen barnootaa deeggaruuf nudandeessisu jalqabsiifneerra. Itoophiyaa cimtuu ijaaruuf, manneen barnootaa ciccimoo waliin haa ijaarru” jechuun sagantaa jalqabsiisaarratti ergaa dabarsanii turan.

Ministirri Barnootaas sosochicha abbummaadhaan hogganaa kan jiru yoo ta’u, marsariitii https://sip.moe.gov.et/ banuun sadarkaa manneen barnoota biyyattii hundi irratti argaman kaa’eera. Kanas namuu banee mana barnootaa itti barate ilaaluufi sadarkaasaa adda baafachuun fooyyessuurratti hirmaachuu qaba.

Lammiileen biyya keessaafi ala jiran, abbootiin qabeenyaa, atileetonni, artiistoonni, ogeessonni addaddaafi namoonni dameelee addaddaatiin beekamtii qaban sosochii kana adda durummaan dursuu qabu. Dhimmi kun dhimma siyaasaa yookiin ilaalchi addaddaa itti calaqisifamu waan hintaaneef hundi bakka jirutti mana barnootaa dur itti barate mil’achuun dirqama. Deggarsi taasifamu kan maallaqaa qofa osoo hintaane, beekumsa, ogummaa, dandeettiifi teknolojiillee ta’uu waan maluuf eenyullee “ani qarshii hinqabu” jechuun irraa dheessuu hinqabu.

Otoo ofii qofa hintaane namoonni kaanillee deggarsa irraa barbaadamu akka taasisaniif kakaasuu, walqindeessuufi yaada waljijjiiruun gahee lammummaa ofii ba’achuun barbaachisaadha. Kanaaf waamicha biyyaa kanarratti hirmaachuuf har’uma murteessuun mana barnootaa keenya haa deggarru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Manneen barnootaa itti baranne haa mil’annu”

  1. Pingback: Weight Loss Pills
  2. Pingback: free webcams

Comments are closed.