Finfinnee: Sosochii sagantaa fooyya’iinsa manneen barnootaan ijaarsi manneen barnootaa idilee duraa 600 eegalamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Manneen barnoota naannichaa dhibbantaan 86 ol sadarkaasaanii kan eeggatan akka hintaanes ibsameera.
Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Girmaa Baay’isaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin sochii manneen barnootaa fooyyessuuf taasifamaa jiruun baadiyyaa Oromiyaa guutuu keessatti ijaarsi manneen barnootaa idilee duraa 600 eegalamuu eeraniiru. Ijaarsi kutaa dabalataa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 405fi bishaan galchuus jalqabameera.
Naannichatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa sadarkaa gad ta’uus himanii, sadarkaa manneen barnootaa kanneenii fooyyessuuf hojiin bal’inaan eegalamuus dubbataniiru.
Sochii fooyya’iinsa manneen barnootaa kana milkeessuufis akkuma kanaan duraa hirmaannaan miseensota Caffeefi kutaalee hawaasaa garaagaraa murteessaa waan ta’eef qooda fudhattoonni manneen barnootaafi abbootiin qabeenyaa akka tumsan waamicha taasisaniiru.
Kanaan dura hirmaannaa hawaasaatiin dareewwan barnootaa kuma 35 ol dabalataan yeroo muraasa keessatti ijaaramuun ni yaadatama.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
5 Comments to “Oromiyaatti ijaarsi manneen barnootaa idilee duraa 600 eegalame”
Comments are closed.