Inistitiyuutichi sanyiiwwan midhaanii omishtummaa dabalan 17 qorannoon argate

Finfinnee: Sanyiiwwan midhaanii omishtummaa dabalan 17 qorannoon argachuu Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Daarektarri Olaanaan inistitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, inistitiyuutichi qorannoo saayinsawaa taasisuun sanyiiwwan midhaanii omishtummaa dabalan dhamaatii waggoota hedduu booda itti milkaa’uufi sanyiiwwan haaraan argaman kunneenis omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf kan abdatamanidha.

Kana malees, inistitiyuutichi akaakuu sanyii nyaata beeyladaa tokko qorannoo taasisaa tureen kan argate ta’uu ibsanii, sanyiiwwan midhaanii argaman omishtummaansaanii sanyiiwwan kanaan dura turan irraa dhibbantaa 12 hanga 47tti caalmaa kan qaban, haala qilleensaafi agiroo ikoolojii garagaraa waliin kan walsimaniifi dhibeewwan kan dandamatan ta’uu himu.

Sanyiiwwan kunneenis Koree Mirkaneessa Sanyii Filatamaa Biyyaalessaan madaalamuun ulaagaalee barbaachisan hunda guutuun sadarkaa biyyaalessaatti fudhatamummaa argachuusaanii eeru.

Akka ibsasaaniitti, sanyiiwwan qorannoon argamanis midhaan biilaafi agadaa sagal, midhaan dheedhiifi dibataa saddeet yoo ta’an Giddugaleessota Qorannoo Qonnaa Sinaanaa, Baakkoo, Booree, Haroosabbuu, Machaaraa, Fadiisifi Adaamii Tulluutiin kan argamaniidha. Kanneenis sirna sanyii naannoo Oromiyaa keessa galchuuf inistitiyuutichi xiyyeeffannaan hojjechaa jira.

Qorannoon sanyiiwwan kanneenii waggoota shanii hanga kudhanii fudhachuu kan himan Obbo Tashoomaan, sanyiiwwanii hanga kanaa waggaa tokkotti gadi lakkisuun milkaa’ina guddaa ta’uufi kanaafis muuxannoon biyyoota garagaraafi tumsi qooda fudhattootaan taasifamaa jiru shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Inistitiyuutichi sanyiiwwan midhaanii omishtummaa dabalan 17 qorannoon argate”

Comments are closed.