Itoophiyaan maashinoota aara industirii lakkaa’an fayyadamuu eegalte

Finfinnee: Itoophiyaan faalama qilleensaa industiriiwwaniin uumamu hir’isuuf maashinoota aara industirii keessaa bahu lakkaa’uuf gargaaran alaa galchuun fayyadamuu eegaluu Ministeerri Industirii beeksise.

Ministeerichatti Gaggeessaan Hojii Pirojektii Raawwachiisa Seektara Jijjiirrama Qilleensaa Obbo Saamu’eel Halaalaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ministeerichi industiriiwwan biyyattiitti argaman akaakuu galteewwan fayyadamanii, hamma anniisaaa fayyadamaniifi qisaasama adda baasuun hojii dhiibba faalama qilleensaa hir’isuuf hojjechaa jira.

Faalama qilleensaa industiriiwwaniin uumamuu ittisuuf hamma qilleensa gubataa industiriiwwan gadilakkisan lakkaa’uuf ministeerichi maashinoota garagaraa 14 deeggarsa Gamtaa Awurooppaatiin bitee faayidaarra oolchaa jiraachuu eeraniiru.

Itoophiyaan maashinoota kanneen fayyadamuun rakkoo idiladdunyaa kan ta’e ho’a hir’isuu keessatti gaheeshii taphachaa jiraachuus himanii, akaakuuwwan anniisaafi galteewwan industiriiwwan ittifayyadaman adda baasuun hojiin hojjetamu olaanaadha jedhan. Milkaa’ina hojichaatiifis ogeessota biyya keessaafi alaa 120 leenjisuufi gahoomsuun danda’amuu dubbataniiru.

Industiriiwwan misooma magariisaatiif xiyyeeffannoo addaa akka hojjetaniif kallattiin kennamuus kan eeran Obbo Saamu’eel, “Faalama qilleensaa ittisuun kan danda’amu qilleensaa gubata gadilakkifamu hir’isuu qofaan osoo hintaane, oksijiiniin qilleensa gubaataa liqimsu dacheerratti akka argamu gochuudhaan waan ta’eef misooma magariisaa misooma industirii faana walitti hidhuun barbaachisaadha” jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Itoophiyaan maashinoota aara industirii lakkaa’an fayyadamuu eegalte”

  1. Pingback: sex au dam
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: Funny Videos
  4. Pingback: join Herbalife

Comments are closed.