Finfinnee: Ashaaraan magariisaa bu’aalee naannawaa, dinagdee, hawaasummaafi dhaabbataa kan mirkaneesse ta’uu walittiqabaan Koree Teknikii Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa Doktar Adafris Warquu hubachiisan. Waldaan Misooma Oromiyaa bosona manca’e bosoneessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu ibse.
Doktar Adafris addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa bu’a qabeessummaa naannawaa, dinagdee, hawaasummaafi dhaabbataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qaba.
Akka ibsasaanitti, biqiltuu dhaabuun lolaan dhiqamuu biyyee hanbisuun alatti gabbina biyyee fooyyeessuun omishaafi omishtummaa dabaluun irra caalaatti qonnaan bulaan akka fayyadamu taasisa. Sigiga lafaa, balaa lolaafi hongee maqsuun madda bishaanii akka ta’u gargaara.
Keessattuu, naannawa gammoojjummaan babal’atutti hanga ho’aa hir’isuun jiidhi lafa keessaa akka dabalu kan gargaaru ta’uu eeranii; laggeen mirgisuun omishni anniisaa elektirikii akka dabalus dubbataniiru.
Qoraaniifi ijaarsaan akkasumas dheedicha beeyladootaan haftee bosana buleeyyiirra ga’u xiqqeessuun alatti sanyiiwwan biqiltuu funaanuurraa hanga dhaabuu, qindeessuu, geejjibsiisuu dabalatee carraa hojii dargaggootaa hedduuf uumas jedhaniiru.
Buufata biqilaa itti biqilchanitti horsiisa kanniisaa, kompoostii qopheessuun dabalataan dubartootaaf carraan hojii umamaa jiraachuu himanii; akkuma warshaa qindeessa omisha qonnaafi warshaan konkolaataa babal’achaa jiru ashaaraan magariisaa babal’atee gara warshaa hojii mukaattii (furniture industry) ce’amu dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu danda’as jedhaniiru.
Bu’aa ashaaraa magariisaarraa argamuun fedhii nyaataa biyya keessaa guutuun alergiifis gumaacha olaanaa akka qabu avookaadoorratti bu’aan argamaa jiru jajjabeessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Hoggantoonni olaanoon naannoo tokkoo naannoo biraa dhaqanii wayita biqiltuu dhaaban mootummaafi hawaasa walittidhiyeessuun garaagarummaa dhabamsiisuun hawaasummaa akka cimsu himanii; akka dhaabbataattis dhaabbilee waliin ta’uun karooraafi raawwii ashaaraa magariisaa waloo qabaachuun sadarkaa dhaabbataatti cimina biyyaa fidaa jira jedhaniiru.
Daarektara Ittaanaafi Ittigaafatamaan Waldaa Misooma Oromiyaa damee Finfinnee Obbo Taakkalaa Amanuu waldichi bara 2016 irraa eegalee biqiltuu miliyoona 36 dhaabuun bosona manca’e bosoneessuun hawaasni bu’aa naannawaafi hawaasdinagdee akka irraa argatu ta’eera.
Hawaasni naannawa bosonichaa jiru jijjiiramni qilleensaa fooyya’uu, burqaan bishaanii mirgisuun nyaatni beeyiladaafi horsiisa kanniisaaf ittifayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis, Bulchiisa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sabbataa, bakka Diimaa jedhamutti dargaggootni 38 gaagura horsiisa kanniisaarratti ijaaramanii hojiitti seenaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
5 Comments to “ “Ashaaraan magariisaa faayidaa naannawaa, hawaasummaafi dinagdee olaanaa qaba” -Doktar Adafris Warquu”
Comments are closed.