– Invastimantiiwwan turizimiifis xiyyeeffannaa kenneera
Bishooftuu: Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf dandeettii waggaatti cuuciiwwan miliyoona 12 gabaaf dhiyeessuu uumuu beeksise. Galii guddifachuufis invastimantiiwwan hawwata turistiitiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuus ibse.
Kantiibaan magaalattii Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bulchiinsichi kallattii misoomaa waggoota 10 qopheessee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, dandeettii waggaatti cuuciiwwan miliyoona 12 gabaaf dhiyeessuu uumeera.
Gama lukkuuwwan fooniifi hanqaaquu horsiisuutiinis hojiilee abdachiisoon raawwatamaa jiraachuu kaasanii, omisha aannaniitiifis xiyyeeffannaan addaa kennamuufi omishni magaalaa Finfinneefi magaalota kaaniif ta’u omishamaa jiraachuu himu. Hojiileen kunniinis kilaastaraan adeemsifamaa akka jiranis eeraniiru.
Gama galiitiinis galiin magaalattii haala olaanaadhaan akka guddatuuf kan karoorfame ta’uu kan ibsan kantiibichi, karoora waggoota kudhanii keessaa kan waggaa tokko keessatti hojjechuuf qabame haala gaariidhaan milkaa’uu dubbataniiru.
Bulchiinsi magaalattii bara bajataa 2015tti galii qarshii biliyoona 3.4 kan argate yoo ta’u, kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa biliyoona 1.4 akka ture yaadachiisaniiru. Kan bara bajataa xumuramee daran olaanaa ta’uu himanii, galii kana keessaa harki caalaan damee hoteelaafi turizimiirraa kan argame ta’uus Obbo Alamaayyoon dubbataniiru.
Misooma magaalattii si’eessuufi galiishii darbees invastimantii babal’isuu maddiitti hojiilee wabii nyaataa mirkaneessuurratti raawwatameefi raawwatamaa jiraniin bu’aa abdachiisaan galmaa’aa jiraachuus beeksisaniiru.
Akka ibsa kantiibichaatti, ammaan tana magaalattiitti invastimantiiwwan kuma tokkoofi 600 raawwatamaa kan jiran yoo ta’u, misoomsitoonni hoteelaafi turizimii magaalattiin ittiin beekamturratti bobba’anii hojjechaa jiran baay’eedha.
Bishooftuun magaalaa industirii ta’uushiitti dabalee qalbii turistootaa kan hawwattuufi galii olaanaa maddisiisaa jiraachuu eeranii, ammaan tana riizoortiiwwan 18 magaalattiitti akka argamaniifi lammiilee hedduuf carraa hojii uumuufi bulchiinsichaafis galii olaanaa argamsiisaa akka jiran addeessaniiru.
Kanumarraa ka’uun bulchiinsi magaalattii hojmaatawwaniifi bu’uuraalee misoomaa qalbii daaw’attoota harkisan kan guutu ta’uu ibsanii, abbootii qabeenyaa haala magaalattii miidhagsaniifi misoomsaniif qarqara haroowwaniitti iddoowwan invastimantii qophaa’uus kantiibichi beeksisaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
5 Comments to “Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu waggaatti cuuciiwwan miliyoona 12 ni dhiyeessa”
Comments are closed.