Omisha ruuzii wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee alergiif abdatame

Finfinnee: Inisheetiiviin misooma ruuzii hojiitti hiikamaa jiru wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee alergiif abdachiisaa ta’aa dhufeera. Biyyi keenya kanaan dura akkuma meeshaalee biroo qamadii alaa galchaa turtus hojii cimaa hojjetameen yeroo gabaabaa keessatti qamadii alatti erguun seenaa hojjetteetti.

Tibbana Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa naannichatti sadarkaa inisheetiivii misooma ruuzii godina Buunnoo Baddallee aanaa Baddalleetti wayita jalqabsiisan kanuma ibsan. Daawwannaan omisha ruuzii godina Iluu Abbaaboor aanaa  Daarimuu jila Hogganaa Biiroo Qonnaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamuus kanuma mirkaneessa.

Jalqabarratti omishaafi omishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa isa jalqabaa yommuu ta’u, wantoota alaa galan biyya keessatti omishuun ammoo xiyyeeffannaa isa lammataa ta’uu kan ibsan Obbo Shimallis, qamadiin kanaan dura alarraa galaa ture hafee alatti erguun akkuma danda’ame fedhii ruuzii biyyattiin qabdu guutuun alatti erguuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka Oromiyaatti bara kana lafa hektaara miliyoona tokkorraa ruuzii omishuuf karoora qabameen hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 700 ol omishamuufi kan hafes xumuraa jiraachuu eeranii, keessattuu potenshaala Oromiyaan Lixaa qabutti fayyadamuun ruuzii biyya alaatti erguuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasaan jedhanitti, haala qilleensaa baramaa jijjiiramaa jiruufi baay’ina ummataa dabalaa jiruun walqabatee maraammartoo hiyyummaa keessaa ba’uuf inisheetiivii haaraa bocaman waliin tarkaanfachuun barbaachisaadha. Baay’inni, qulqullinni, ariitiifi qusannaan dhimmoota ijoo gara daandii badhaadhinaa akka ta’anis dhaamaniiru.

Kanaan dura Buunnoo Baddalleetti omishni ruuzii kan hinbaratamne ta’us kaka’umsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin bara 2014 lafa hektaara 32 qotamerraa callaan kuntaalli miliyoona 1.5 argamuunsaa fedhii qonnaan bulaan ruuziif qabu daran olkaasusaa kan himan ammoo Bulchaa godinichaa Obbo Amaan Danuuti.

Akka isaan jedhanitti, omishtummaa ruuzii hektaara tokkoorraa callaa kuntaala 68 argachuun danda’ameera. Bu’uuruma kanaan bara kana lafa hektaara kuma 114 irraa ruuzii omishuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 126 omishuun callaa kuntaala miliyoona ja’aa ol argachuuf karoorfatanii hojiitti jiru. Maashinootni ruuzii calleessan 15 bitamanii qonnaan bultoota bira ga’aniiru.

Haaluma walfakkaatuun qixa sirriin omishnaan godinni Iluu Abbaaboor qofti fedhii Itoophiyaan ruuziif qabdu guutuun alatti erguufuu pootenshaala guddaa qabdi kan jedhan ammoo Bulchaa godinichaa kan ta’an Obbo Indaalkaachoo Tafariiti. Bara kana qofa godinichatti lafa hektaara kuma 127 irraa ruuzii omishuun callaan kuntaala miliyoona 6.1 akka argamus dabalataan ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Omisha ruuzii wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee alergiif abdatame”

  1. Pingback: sex girldie

Comments are closed.