Finfinnee: Yaa’ii Afrikaa-Ruusiyaa magaalaa seena qabeettii Ruusiyaa ‘Saint Petersburg’tti taa’amaa jirutti kan hirmaatan Doktar Abiyyi, “Yeroo jalqabaatiif magaalaa kana dhufus Itoophiyaafi Ruusiyaan biyyoota seenaa walfakkaatuufi bu’aa ba’ii hedduu keessa waliin darbuusaanii bareecheen beeka,” jechuun galmee seenaa caqasuun obbolummaa biyyoota lameenii yaadachiisan.
Dhimmoota waloo biyyoota lameenii, teknolojii, nageenya saayibarii, walgargaarsa dinagdeefi daldalaa ilaalchisee Pirezidaantii Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin waliin marii bu’aaqabeessas taasisaniiru.
Vilaadmiir Putiinis Itoophiyaanota kuma 20 ol teknolojiifi ogummaa garagaraan leenjisaa turuu eeranii; ammas taanaan damee aviyeeshinii, teknolojii odeeffannoo, daldalaa, dhimmoota biyyoota lameeniifi idiladdunyaa biroorratti Itoophiyaa waliin kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru. Nageenya Itoophiyaa waaressuufis waldhabbii mudate furuuf mariin nageenyaa fala ta’uus ejjennoo biyyisaanii calaqqisiisaa turte ibsaniiru.
Yaa’iin Afriikaa-Ruusiyaa kun olaantummaa biyyoota Lixaa cabsuuf miseensota gamtaa Biraazil, Ruusiyaa, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa (BRICS) babal’isuurrattis kan xiyyeeffateedha.
Akkuma, siyaasni gaaddidduudha jedhamu hundeeffamni gamtaa BRICS dhiyoo ta’us biyyoota hedduu mooraa warra Lixaa keessaa yaasaa jira. Biyyootni miseensa gamtichaa ta’an sochii roga maraa Afrikaatti taasisaa jiraniifi falaasama walqixxummaa, obbolummaafi fayyadamummaa waloo hordofaniin biyyoota Afrikaa hedduun simatamaa jiru.
Deggersa miidhaan nyaataa warra Lixaatti bishaan naquuf Pirezidaanti Putiin biyyoota Afrikaa jaha jechuunis Burkinafaasoo, Zimbaabuwee, Maalii, Somaaliyaa, Rippabilikii Afrikaa Giddugalaafi Eertiraaf midhaan toonii 25 hanga 50 bilisaan dhiyeessuuf waadaa galan. Deggersi kun michummaa Afrikaa cimsuun ala midhaan Yuukireenirraa addunyaaf geejibamu bakka bu’uun Ruusiyaan waraana Yuukireen waliin taasistu deggersa Afrikaanota argachuuf akka ta’es miidiyaaleen addunyaa hedduun xiinxalaa jiru. Kunis Afrikaan hanga ammaatti gama lameeniinuu loogii malee ilaaluurraa kan hafe ejjennoon qabatte waan hinjirreefi.
Gabaa bilisaa biyyootni Lixaa akka kaardii tapha kubbaa miilaa halluu diimaa, keelloofi magariisaatti biyyoota Afrikaatti argisiisan taphaa ala gochuuf gamtaan BRICS gabaa bilisaa filatamaan as ba’uuf qophii xumureera. Gama damee investimentiifi ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiin gamtichi biyyoota Lixaa ardii Afrikaa keessaa daguugee baasuuf qophii jabaa taasisaa jira.
Yaa’iin BRICS baatii Hagayyaa biyya miseensa gamtichaa taate Afrikaa Kibbaatti taasifama. Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa siriiyaal Raamaafoosaan “Kanaan booda warra biyyoofi awwaaraa meeshaalee dheedhii waliin Afriikaarraa fudhatanii Afrikaatti baacan osoo hintaane meeshaalee dhumeeyyii ardittiirraa bitan waliin socho’uun dirqama” jechuun warra Lixaatiif ergaa xalayaa gaggeessituu fakkaatu dabarsaniiru.
Haala amma jiruunuu Chaayinaa qofti meeshaalee dhumeeyyii Afrikaarraa bittuun doolaara biliyoona 300 yommuu baaftu, daldalli Ruusiyaan Afrikaa waliin taasistu doolaara biliyoona 18 ga’eera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
3 Comments to ““Itoophiyaafi Ruusiyaan biyyoota bu’aa ba’ii hedduu keessa waliin darbaniidha” -Abiyyi Ahmad (PhD) Ministira Muummee Itoophiyaa”
Comments are closed.