Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Seekaafaaf morkattootasaa adda baafate

Finfinnee: Sababa hanqina bajataatiin irra deddeebiin guyyaan dorgommii dheeraffamaa kan ture waldorgommiin Kubbaa miilaa Afrikaa Bahaafi Giddugaleessaa, qopheessummaa Taanzaaniyaatiin Adooleessa 18 hanga Hagayya 1 bara 2015tti akka adeemsifamu beeksifameera.

Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti qophiirratti kan argamu gareen biyyaalessaa dubartootaa waggaa 18 gadii yeroon dorgommii dheerachuun walqabatee guyyoota muraasaaf qophii addaan kutee turus wayita ammaa qophiitti deebi’eera.

Dheengaddas morkottootasaa adda kan baafate gareen kun taphasaa jalqabaa Ugaandaa waliin adeemsifata. Taphasaa lammataa Adooleessa 21 Taanzaaniyaa waliin erga adeemsifatee booda, Adoolessa 24 Burundii, Adoolessa 27 Ruwaandaa xumurarratti Adoolessa 30 Zaanzibaar waliin wajjin taphachuun durgommiisaa goolaba.

Biyyoota miseensota seekaafaa keessaa ja’a qofti kan irratti hirmaatan dorgommiin kun ramaddii tokkoon kan adeemsifamu yoo ta’u, kana keessaa kan qabxii olaanaa galmeessise injifataa dorgommichaa akka ta’u beekameera.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Seekaafaaf morkattootasaa adda baafate”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: rumah dultogel

Comments are closed.