Tibbana waa’een shamarree qormaata bahumsaatiin qabxii olaanaa jechuunis 100 keessaa 99 galmeessistee qilleensa miidiyaa dhuunfatee ture. Nutis waan gabaabinaan keessumaa ajandaa miidiyaa hawaasaa ta’e kana gadifageenyaan hubannee dubbistoota keenya biraan gahuuf Obsineet Gaaromaa Taasisaa akkasumas Yunivarsitii Riifti Vaaliitti Diinii Kaampaasii Naqamtee Obbo Wandimmuu Qannoo wajjin gaadeebii ittaanu taasisneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Mee waa’ee kee nutti himi. Eessatti dhalatte, baratte?
Obsineet: Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gullisoo, Ganda 02tti dhaladhee guddadhe. Ani maatii kootiif intala afraffaadha. Umuriin koo barnootaaf geenyaan sadarkaa keejiirraa kaasee hanga kutaa 4ffaatti mana barnootaa Ifa Gullisoo jedhamuttin hordofe. Manni barnootaa kun kan Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Iyyasuusiiti. Kutaa 5ffaa hanga 8ffaatti; Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Gullisootti; 9ffaa irraa hanga 12ffaatti ammoo Sadarkaa 2ffaafi Qophaa’ina Gullisootiin baradhe.
Bariisaa: Sadarkaa dakaatti qabxiin kee ammam ture?
Obsineet: Keejiirraa kaasee hanga kutaa 4ffaatti sadarkaa keessa galuu baadhus afraffaafi shanaffaa bahaan ture. Manni barnootichaa kan waldaa amantii waan ta’eef gama hundaan haalli baruu barsiisuusaa daran adda ture. Waan bu’uura naa ta’u achiin argadhe. Oggaan gara mana barnootaa kutaa 5ffaa hanga 8ffaatti barsiisutti darbu ammoo kutaa 5ffaa, semistara jalqabaatti sadarkaa 3ffaan bahe.
Tokkoffaafi lammaffaan ijoollee dhiiraa turan. Barsiisaan koo tokko, “Semistara 2ffaatti ijoollee kanneen caaluu” qabda jedhanii na jajjabeessaa akka barnoota kootti caalaatti cimuuf daran na onnichiisaa turan; sadarkaa keessa galuu kootti gammadanii. Haaluma kanaan anis barnoota kootti cimee semistara 2ffaatti 1ffaan bahe. Achirraa kaasee hanga kutaa 12ffaatti sadarkaa koo gadi hinlakkisne.
Bariisaa: Namatti tola. Qabxiin kee seensa yunivarsitii hoo akkam ture?
Obsineet: Isa dura qormaata kutaa 8ffaatti qabxii baay’ee muuraasaaf jedheen mana barnootaa bultii addaa galuu dhabe. Achi galuuf qophii guddaan gochaa ture. Maatiin koos akkan achi galuuf daran na jajjabeessaa turan.
Qabxii muraasni waan na jalaa hanqateef achi galuu hindandeenye. Achii ammoo kutaa 9ffaatti deebi’ee barnoota kootti cime. Kutaa 10ffaas qabxii olaanaadhaanin darbe. Yeroo sana daree koo keessaa ana qofatu darbe.
Bariisaa: Barnoota keessatti gargaarsi maatii keetii akkamitti ibsama mee?
Obsineet: Gargaarsa maatii kootii himuuf jechatu na hanqata. Haatiifi abbaan koo namoota barnoota jaalataniifi barnootaaf iddoo olaanaa kennaniidha. Isaan namoota Waaqatti aansanii barnootatti amananiidha. Qabeenya kamirrayyuu barnootatti amanu jechuudha. Yeroon Mana Barnootaa Ifa Gullisootti barataa turetti abbaan koo hojiidhaa galee na qo’achiisaa ture.
Kunis anaaf mana barnootaa lammaffaa ture. Gargaarsisaa sadarkuma kamittuu na biraa hafee hinbeeku. Milkaa’ina kootiif Waaqatti aansee maatiin koo iddoo guddaa qabu jechuudha. Obboloota koo hangafootarraas waan guddaan barachaa dhufe. Isaanis barnoota daran jaalatu, baay’ee dubbisus.
Mana keenya kitaabonni baay’een waan jiraniif laayibirariidha jechuun ni danda’ama. Abbaan keenya oggaa dhimma hojiitiif gara magaalota guguddoo deemu bitee kan galu galmeewwan jechootaa guguddoo dabalatee kitaaba.
Manni keenya haala kanaan kitaabaan guutuudha jechuun ni danda’ama. Duraan akka ammaa softi koppiifaan waan hinjirreef kitaabatti daran fayyadamaan ture. Abbaan keenya mana keessa jiraannuun ala bakka itti qo’annu qofaatti nuu ijaaree nu gargaaraa ture. Kanarraa kan ka’e obboloonni koos har’a iddoowwan gaggaarii jiru.
Bariisaa: Erga waa’ee obbolaa keetii kaastee isaan har’a barnootaan sadarkaa akkamiirra jiru?
Obsineet: Obboleessi koo jalqabaa Abdii Gaaromaa jedhamu Yunivarsitii Jimmaarraa injiinariin eebbifame, hojiirratti bobba’eera. Inni ittaanus Jiraataa Gaaromaa jedhama Yunivarsitii Jimmaarraa meedisiiniidhaan eebbifamee doktara. Isheen sadaffaan ammoo Sistar Caaltuu Gaaromaa jedhamti. Isheenis Yunivarsitii Riifti Vaalii, Kaampaasii Naqamteerraa eebbifamte.
Bariisaa: Ijoollummaa keetti maal ta’uu barbaadaayyu? Kan maatii keetii hoo?
Obsineet: Ani ijoollummaadhuma koorraa kaasee ogeettii fayyaa ta’uun hawwaa ture. Oggaan kutaa 4ffaa gadi barachaa turellee akaakuuwwan barnootaa keessaa saayinsii naannawaan jaaladhan ture. Yeroon kutaa 7ffaa seenu ammoo barnoota baayolojiin jaaladha ture. Kaayyoon koo ganamaa barnoota waa’ee fayyaati. Maatiin koos barnoonni hundi gaarii ta’uu amananillee damee fayyaatiif iddoo guddaa kennu.
Bariisaa: Mee gara qabxii olaanaa qormaata bahumsaatiin galmeessisteetti haa deebinuutii kun akkamiin ta’uu danda’e? Akkamitti Yunivarsitiicha seente, yoom?
Obsineet: Yunivarsiticha qabxiidhaanin dorgomee bara 2012 seene. Qormaata seensaas barattoota kuun wajjin fudhannee calalamneeti kan yunivarsiticha galle. Yeroo sana ijoolleen baay’een galmaanillee muraasatu milkaa’e. Ogummaa Narsiingii kana waggaa afuriifin baradhe.
Bariisaa: Waggoota afran kanneenitti qabxii akkamii galmeessisaa turte?
Obsineet: Qabxiin hojii shaakalliif narsummaan hospitaalatti raawwanneefi qorannoon xumuramaa jiraatus qabxiin daran gaarii ta’en galmeessisaa ture.
Bariisaa: Iccitii qabxii olaanaan kana galmeessisuu dandeesseen nutti himi mee?
Obsineet: Akkuman irranatti jedhe jalqabumarraa kaasee qabxiidhaan calalamnee seenne. Obboleetiin koos Narsiingii baratti turte. Isheenis ogummicha barachuuf calallii cimaa keessa waan dabarteef muuxannooshii qooddachuun koo haala gaarii naaf uumeera. Isheen waa’ee qormaatichaafi haalasaa na gorsaa turte. Isheenis mana keessatti na qo’achiisaafi na hubachiisaa turte. Yeroo manatti waan biraa hojjennullee waa’eedhuma kanaa haasofna.
Dhaabbata barnoota olaanaa mootummaarra akkasumas fagaachuurra jettee kafaltiinsaa keessummaa kan fayyaa olaanaa ta’us akkan asumatti baradhu kan na jajjabeessites obboleettiidhuma koo tana. Kanatti dabalee laayibirariitti sirnaanin fayyadamaa ture. Fakkeenyaaf ganama koorsii tokko qofan baradha yoo ta’e, manatti hingalu, laayibirarii seeneen qo’adha. Kana malees kaampaasiin keenya barnoota dabalataa nuu kennaa ture. Yeroo qabnu hundatti tursiisee xiyyeeffannaan nu barsiisaa ture. Barsiisota koo wajjinis gaaffiilee kanaan duraa hojjechuun of qopheessaan ture.
Bariisaa: Oggaa qormaanni ba’umsaa akka kennamu dhageessu maaltu sitti dhaga’ame?
Obsineet: Nuti, barattoonni damee fayyaa gaafuma barnooticha eegallurraa kaasnee waa’ee qormaatichaa yaaduufi of qopheessuu eegalle. Kan seennes qoramnee waan ta’eef of qopheessaatuma turre. Damee fayyaatti qormaanni bahumsaa kennamaa waan tureef oggaa qormaatichi ni kennama jedhamu waanti hamma kana nutti dhaga’ame hinjiru.
Bariisaa: Qormaata bahumsaatiif iddoon irratti xiyyeeffattan isin qaqqabee turee?
Obsineet: Eeyyee, nu qaqqabeera. Barsiisonni keenyas isa ilaalanii nu dubbisiisaafi nu qopheessaa turan. Isarratti hundaa’aniis tiitoriyaaliin nu barsiisaa turan.
Bariisaa: Faayidaa qormaanni bahumsaa kun dameewwan hundarratti haala kanaan kennamuu Obsineet akkamitti ibsiti?
Obsineet: Barataan tokko barumsasaarratti ga’umsa akkamii akka horate addaan baafachuuf qormaatichi haala kanaan kennamuunsaa gaariidha. Barataan damee baraterratti beekumsaafi dandeettii qabaatee bahuu qaba. Kana mirkaneessuuf ammoo qormaatichi gaariidha jedheen yaada.
Bariisaa: Muuxannoo keerraa kaatee brattoota jalaa dhufan maal gorsita?
Obsineet: Kanin obboloota koo boodaan dhufaa jiran gorsu barataan tokko hanga addunyaa barnootaa keessa jirutti waa’eedhuma barumsasaatii qofa yaaduu qaba. Hamma danda’ametti adeemsiifi dubbiinsaallee waa’eedhuma barnootasaatii ta’uu qaba. Yeroosaaniitti qoosuu hinqaban.
Barattoonni otoo barsiisaan kottu sin barsiisaa jedhuu, isa dhiisanii lafa hinmalle ooluurraa of qusachuu qabu. Hanga waanti humnaa olii barnootasaaniirraa isaan danqu hinjirretti dirqama barattummaasaanii bahachuu qabu. Barataan waan barsiisaan isa barsiisuuf dhama’uufi tattaafatu kabajuu qaba. Barnootas jaalachuu qaba. Barattoonni waan hunda dhiisanii barnootasaanii wajjin qofa hiriyyaa ta’uu qabu.
Bariisaa: Gaaffiilee meeqa qoramtan?
Obsineet: Gaaffiilee 200 qoramne. Garuu kan gadi nuu lakkifame 100 keessaa jedha. Reeshiyoon ittiin hojjetame naaf hingalle. Nuti, barattoonni fayyaa qormaaticha waaree duraafi booda fudhanne; ganama dhibba, waaree booda dhibba jechuudha.
Bariisaa: Akeekni kee ittaanu maalinni?
Obsineet: Baradheera jedhee iddoo kanatti dhaabadhee hafuu miti akeekni koo.
Waantota baay’eetu na hafa. Ammallee ittifufee barachuun barbaada.
Bariisaa: Yunivarsitiin itti baratte iskoolaarshiippii akka sii kenne dhageenyeerraa, kanaan maaltu sitti dhaga’ame?
Obsineet: Yunivarsitiin koo iskoolaarshiippii naa kennuusaatti guddaa gammadeera. Natti tolee fudheeras.
Bariisaa: Barnoota akkamii itifufuudha fedhiin kee?
Obsineet: Barnootuma fayyaa kana ittifufuun barbaada. Kan kanaan na gahe Waaqayyo waan ta’eef hanga doktareetiitti ittifufuun fedha. Kanatti dabalee kanin dhalootaaf dhaamuu barbaadu, namni tokko dandeettiifi beekumsaatiin jiraachuus hindanda’u. Waa qalbeeffachuufi hubachuuf sammuu namaa kan banu Uumaa ofiiti. Kanaaf namni kamuu amantii kamuu haa hordofuu Uumaasaatiif jiraachuufi amanamuufii qaba. Iccitiin dandeettiisaanii kamuu Uumaasaanii ta’uu dagachuu hinqaban. Iccitiin milkaa’ina koos isuma kana.
Bariisaa: Waa’ee qormaata bahumsaa kanarratti waan jettuu qabdaa?
Obsineet: Yeroo tokko tokko fedhii barataa eeguunis gaariidha, giddugaleessaanis ilaalamuufi yaadnisaas dhaggeeffatamuu qaba. Otoo haala barataa giddugaleessa gochuudhan hundaa’ee gaariidhan jedha.
Bariisaa: Ogummaa Narsummaa qabxii olaanaa galmeessiste kanaan lammiilee kee tajaajiluuf akkamiin qophoofteetta?
Obsineet: Dhugaa dubbachuuf ogummaa koo kanaan hawaasa koo sirriitti tajaajiluuf qophaa’eera. Keessumaa harmootii da’umsarratti rakkatan gargaaruurratti xiyyeeffadheen hojjedha. Kana Waaqayyos na gargaara.
Bariisaa: Hanqina kenniinsa qormaataarratti taajjabde yoo jiraate?
Obsineet: Nuti oggaa qormaaticha fudhannu addaan cituun ibsaa nu mudatee ture. Konneekshiniinis gara jalqabaatti nu rakkisaa ture. Oggaa waanti akkanaa uumamu ammoo sammuun barataa ni hatama. Akkasumas waan nama jeequuf waantonni akkanaa otoo fooyya’ee gaariidhan jedha.
Bariisaa: Xumurarratti dhaamsa ykn waan jettu yoo qabaatte?
Obsineet: Hunda dura Uumaa koo milkaa’ina kana na gonfachiiseen galateeffadha. Maatii koo, Yunivarsitii koofi barsiisotaafi hiriyoota koo wajjin barachaa turre dabalees muummee barnoota fayyaafi ogeessota Hospitaala Riifaraalaa Yunivarsitii Wallaggaa yeroo shaakallii sirnaan nu barsiisan galateeffachuun barbaada.
Yunivarsitii Riifti Vaaliitti Diiniin Kaampaasii Naqamtee Obbo Wandimmuu Qannoo waa’ee Obsineet Gaaromaarratti yaada ittaanu kennaniiru.
Akkuma sochiifi adeemsashii hubanneen hordofaa turre. Dhugaa dubbachuuf barattuun tun baay’ee cimtuudha. Barnootashii sirnaan hordofti, laayibirariittis sirriitti fayyadamti. Nutis ishii jajjabeessaa turre. Oggaa seenaashii qorannus jalqabumarraa kaastee nama barnootashiitiif xiyyeeffannaa addaa kennitee kaayyoof kaayyoodhaan socho’aa turte ta’uu hubanne.
Obboloonnishiis akkumashii barnootaaf xiyyeeffannaa kennanii iddoo olaanaa gahaniidha. Maatiirraa addaan baatee mana kiraa fudhatteeti kan barachaa turte. Qabxii olaanaa kana galmeessisuushiittis baayee dinqisiifanne, jajjabeessine akka dhaabbata keenyaatti.
Mucaan kun akeekawwan ciccimoo lama qabdi, amantiishiifi waa dubbisuutti cimtuudha. Akka ishiin qabxii olaanaa fiddu ni beekna. Amantaas ishiirraa qabna turre. Of bira dabartee barattoonni kaaniyyuu akka barnootasaaniitti cimaniif gorsaa turte. Qabxiin Obsineet galmeessiste kun barattoota kaan keessatti waan guddaa uumu qaba. Isheen nama kaayyoo qabduudha. Dhama’anii hojjechuun milkaa’inatti ce’uun akka danda’amu qabatamaan nu agasiifteetti. Yunivarsitiin keenyas waan irraa baratu qaba.
Yunivarsitiin Riifti Vaaliis haala Obsineet ittibarattee qabxii kana galmeessiste waan beekuuf dhiyeenyaan waan hubateef, ergaa gaariis waan dabarsiteef ishee goota barnootaatti jechuun digiriishii lammaffaa akka barattuuf iskoolaarshiippii guutuu kenneeraaf. Ogummaa baratteen hopitaala yunivarsitichaatti mindeeffamtee akka tajaajiltuufis murteesseera. Akkasumas gaafa Yunivarsitichi barattootasaa baranaa eebbisu abbaa qabeenyaarraa badhaasa guddaa akka argattu murtaa’eeraaf.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
7 Comments to “Obsineet Gaaromaa: Narsii qaxalee qabxii 100 keessa 99 galmeessiste”
Comments are closed.