Yeroo baay’ee waa’een qonnaa yommuu ka’u hojii baadiyyaatti qofa hojjetamu taasifamee fudhatama. Wayita ammaa garuu waan ilaalchi sun jijjiiramaa dhufe fakkaata. Keessumaa Inisheetivii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) eegalchisaniin waggoota sadii as jijjiiramni olaanaan mul’ataa jira.
Magaalota qonni kun itti babal’ate keessaa ammoo magaalaan Finfinnee ishee tokko yoo taatu, nutis dhimma kanaafi fayyadamummaa qonnan bultoota magaalitti ilaalchisuun Komishinara Komishinii Qonnaan Bultootaafi Qonna Magaalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Baayyuu Shigguxee keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii!
Suurri: Agaappee Giyooniin
Bariisaa: Mee jalqabarratti wal haa barruutii Obbo Baayyuun eenyu, eessatti dhalatanii guddatan akkasumas baratan?
Obbo Baayyuu: Tole, ani Baayyuu Shigguxee Nabiin jedhama. Godina Arsii, Aanaa Doddotaattin bara 1966 dhaladhe. Barnoota koo hanga kutaa ja’aa bakkuma dhaloota kootti, kutaa 7ffaa hanga 12ffaatti ammoo Aanaa Adaamaa, Magaalaa Wanjiittin baradhe.
Isa booda barsiisummaadhaan waggoota muraasa barsiiseen bara 1989 kaasee naannoo Oromiyaatti hoggansa sadarkaafi sektara garagaraarran ture. Bara 2013 irraa eegaleemmoo gara bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti dhufuun Komishinara Komishinii Qonnaan Bultootaafi Qonna Magaalaa ta’ee hojjechaan jira.
Bariisaa: Komishiniin hoggantan kun hojii akkamii hojjeta?
Obbo Baayyuu: Komishiniin keenya ergamawwan lama qabatee hojjeta. Inni duraa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti mirgi qonnaan bulaa eegamee magaalaa fayyadamummaansaa itti mirkanaa’e taasisuudha. Lammaffaan ammoo qonni magaalaa babal’atee sadarkaa magaalota Afrikaatiif fakkeenya ta’uudha.
Bariisaa: Gama kanaan otoo hojiilee hojjetamaa jiran nuu kaastanii?
Obbo Baayyuu: Akkuma beekamu qonnaan bulaan mirgisaa karaawwan baay’eedhaan dhiibamaa ture. Keessattuu magaalaa kanatti mirgisaa daran dhiibamaa akka ture seenaan ni ibsa. Jijjiiramni amma jiru akka dhufuufillee ka’umsa kan ture waa’ee qonnaan bulaa Magaalaa Finfinneefi naannawaashee jiraniidha. Kanaaf komishiniin kunis seenaa kana jijjiiruuf kan hundaa’eedha.
Komishiniin kun gaafa hundaa’u qonnaan bultoota kanneen deebisanii dhaabuun hojii duraa ture. Kanaafis qajeelfamootaafi hammattuuwwan seeraa addaddaa qopheessuun barbaachisaa ture. Kanaaf qonnaan bulaan bara 1986 irraa kaasee magaalattiitti lafasaarraa beenyaa xiqqootiiniifi beenyaa malee buqqa’aa ture. Isa kana deebisanii dhaabuuf galmeessa gaggeessuu gaafata.
Galmeessaaf ulaagaa adda baasuun dirqama. Bu’uuruma kanaan qajeelfamicha bu’uura godhachuun waliigala qonnaan bulaan buqqa’e meeqa isa jedhu adda baasuutu hojjetame. Kunis marsaawwan sadiin kan gaggeeffame yoo ta’u, waliigala qonnaan bultoota kuma 43fi 478tu maatiisaa wajjin adda ba’e jechuudha.
Kana mataasaa ammoo sadarkaalee lamatti adda baasne. Inni jalqabaa qonnaan bulaan miidhaa cimaan irra ga’ee laftisaa guutuummaan kan jalaa fudhatame, galii hinqabne, daandiirratti ba’ee dhaabbilee amantii jala bulu, kan biyyaa baqate ykn fira bira gale jennee sadarkaa duraarratti dursanii deebisanii dhaabuudha.
Haaluma kanaan qonnaan bultoota kuma tokkoofi 370 deebisanii dhaabuuf deggarsi taasifamuu eegale. Kanneen keessaas 54 ji’a ji’aan deggarsa nyaataafi kiraa manaa kanfaluun hojii hojjetame keessaati. Kanneen hafan ammoo hojjechuu warra danda’an naannawaasaaniitti gurmeessuun, liqiifi iddoo hojii mijeessuun akka of jijjiiran hojii bal’aatu hojjetame.
Qonnaan bultoonni kunneen miidhaan hawaas dinagdeefi xiinsammuu waan irra ga’eef sana keessaa of baasanii akka jijjiiramuu danda’an leenjiiwwan ogummaafi qophiin sammuu kennameeraaf. Haala kaleessaa keessaa ba’anii har’a misoomatti galuu akka danda’aniif jechuudha.
Kana hojiitti hiikuufis pirojektota addaddaa qopheessuu gaafata ture. Kunneenis adda baafamanii qophaa’aniiru. Kanneen keessaa manneen barnootaa lama, abbaa darbii afurii kutaalee magaalaa Aqaaqiifi Eekkaatti ijaaruun ijoollee ittibarsiifataa madda galiillee akka godhatan xumuramee qonnaan bultoonni 300 fayyadamoo ta’aa jiru.
Akkasumas ogummaasaanii giddugaleessa godhachuun horsiisa beeyladaa, aannan loonii omishuufi furdisuu akkasumas lukkuu horsiisuurratti qarshii biliyoona tokkoo oliin giddugalli pirojektii marsaawwan sadiin ijaaramaa jira. Wayita ammaa marsaan lammaffaa xumurameera.
Giddugalli kun kutaa magaalaa Aqaaqiitti kan argamu yoo ta’u, sheediiwwan 60 qaba. Kunneenis horsiisa lukkuurratti sheediiwwan 18 kan ijaaraman yoo ta’u, 11 xumuramaniiru. Sheedii loon furdisuufi looniirratti sheediwwan 20, 20 karoorfamanii 10, 10 xumuramaniiru. Nyaata loonii achumatti qindeessuuf ammoo sheediiwwan lama hojjetamaa jiru. Kanneen xumuraman keessattis qonnaan bultoota 485 gurmeessuun qabatamaan hojiitti galfamaniiru.
Kana malees pirojeektii kana keessatti suuqii omishni keessatti agarsiifamuufi gurguramu 44 kan qabu yoo ta’u 32 xumuramanii hojiitti seenaniiru. Kana keessatti ijoolleedhumti qonnaan bultoota buqqifamanii fuudhanii gabaaf dhiheessuu akka danda’an walitti hidhamiinsis uumameeraaf.
Hojii hojjetame kanaan qonnaan bulaan lafa kaleessa irraa buqqa’aafi dhiibamaa turerratti deebi’ee karaa ammayyaawaa ta’een hojjetaa jira. Bara dhufuus pirojektonni afur kan eegalaman ta’u. Gamoowwan afur kan qonnaan bulaan deebi’ee irratti hojjechuu danda’u jechuudha. Akka waliigalaatti hojiin qonnaan bulaa deebisanii dhaabuuf eegalame jalqabbiinsaa gaariidha jechuu dandeenya.
Kanarra darbeemmoo xiqqaatus guddatus qonnaan bulaan lafasaa akka harkatti qabatu, irrattis akka abboomu qabiyyee abbaa lafummaas akka argatuuf hojjetamaa jira. Sababnisaas kanaan dura qabiyyummaan waan hinkennamneefiif qonnaan bulaan amantaa “lafti kun kiyya” jedhu waan dhabeef misoomsuu hindanda’u ture. Amma qonnaan bultoota kuma 3fi 461 sadarkaa magaalaatti kaartaan hojjetamee harka ga’aa jira. Marsaa lammaffaanis ittifufa. Kunis qonnaan bulaan lafasaarratti akka misoomsuuf ofitti amanamummaa uumaafi.
Bariisaa: Ammaantana qonnaan bulaan Finfinnee sodaa buqqifamuufi dhiibamuu keessaa guutummaatti ba’ee lafasaarratti ofitti amanamummaadhaan jiraataa jira jechuu dandeenyaa?
Obbo Baayyuu: Akkuman siin jedhe hojiin hojjetaa jirru jalqabbiidha malee isa xumuraa miti. Gaafa jalqaba “Lafa keessaniif kaartaa isinii baasna, misooma caalmaa boriif qabiyyee abbummaa lafaa argachuu qabdu” jennee gaafa itti seennu kaleessa kanneen lafa qonnaan bulaa karaawwan addaddaa saamaa turan qonnaan bultoota dogoggorsaa turan. Kunneenis faddaaloota, hojjettootaafi hoggansa mootummaa akkasumas qonnaan bultootatuma keessa kan jiran yoo ta’u, “Lafa keessan isinirraa guuru malee qabiyyee mirgaa isinii uumuuf miti” jechuun burjaajiin uumamaa ture.
Kanarraa ka’uun qonnaan bultoonni baay’een lafasaanii galmeessisuuf eeyyamamaa hinturre. Akkuma kanneen boodatti harkifatan turan warri waan jennetti amananii dhufan wayita ammaa kaartaasaanii fudhataniiru. Warri kaanis, “Amma hubanneerra, amanneerra, dura faddaalaatu jidduu keenya ture. Lafti keenya nuuf haa safaramu” jedhanii gaafachaa jiru.
Kana malees wayita ammaa lafasaanii misoomsaa jiru. Qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’an jiru. Kaan dhiisnee qonnaan bultoonni lafasaaniirratti horiifi lukkuu horsiisuudhaan ofirra darbanii carraa hojii uumaa jiran jiru. Akkasumas manneen barnootaa ijaarratan, warshaa daabboo eebbisiifatan, mankuusaawwan ijaaranii kireeffatan jiru. Lafa ofiirratti misoomsuun akka danda’amu argaa jiru jechuudha.
Kanaan sadarkaa barbaadamurra geenyeerra jechuu baannus jijjiirama guddaatu jira. Fuulduratti caalaatti xiyyeeffatamee hojjetama. Qaamni akka jalqabbiin kun hinmilkoofnef socho’u jira.
Bariisaa: Tarkaanfiin qabatamaan qaama kanarratti fudhatame jiraa?
Obbo Baayyuu: Waa’een lafa safaruu kan jalqabame bara 2013 ture. Yeroo sanas qonnaan bulaaf laftisaa osoo waa tokko irraa hinsharafamiin safaramee kennamuu qabuu karaawwan addaddaatiin akka dhabu gochaa turan. Osoo ijoollee qonnaan bulaa hinta’iin waraqaa eenyummaa sobaa baasuun, qonnaan bulaan nama dhalasaa hintaane kiyya jedhee akka galmeessisu taasisuun, koree bakka bu’oota qonnaan bulaarraa eegalee hanga hoggansa mootummaatti jiran qoratamee tarkaanfiin fudhatameera.
Fakkeenyaaf qonnaan bulaa keessaa 81 kanneen ta’an irratti tarkaanfiin fudhatameera. Tarkaanfii fudhatameenis mirgoota karaa seeraan alaatiin argaman hunda kaartaa kenname dabalatee akka haqamu taasifameera. Faddaalonni, maahindisoonniifi qaamoleen sektara mootummaa keessa jiranis tarkaanfiin irratti fudhatameera. Hojiin barana hojjetamu odiitii ni taasifama. Yeroo yeroodhaan qoratamee tarkaanfiin barbaachisu sadarkaa sadarkaadhaan kan fudhatamu ta’a.
Bariisaa: Gama kanaan qonnaan bulaan hundi abbaa qabiyyummaasaa akka mirkaneeffatuuf eenyuutu maal hojjechuu qaba?
Obbo Baayyuu: Hundaa ol qonnaan bulaan waan kaleessaa keessaa ba’uu qaba. Faddaalonni gidduu deemanii burjaajessanii lafasaa harkaa baasuun akka hindanda’amne, yoo karaa sirrii dhufe tajaajilli barbaadu akka kennamuu, lafasaarratti mirga guutuu akka qabu, misoomsuu akka danda’u beekuu qaba.
Yoo mootummaan lafasaa misooma caalmaaf barbaades seerriifi danbiin taa’ee waan jiruuf beenyaan ga’aa, iddoon bu’iinsa sirri kennameefi fayyadamummaan isaa osoo hinhafiin keessummaa’uu waan danda’uuf lafasaa dabarsee kennuu hinqabu.
Gama mootummaatinis hordooffiifi to’annoon taasifamu yeroo yeroodhaan taasifamuufi deggarsi barbaachisaa ta’e taasifamuufin caalaatti gara invastimantiitti akka ce’uuf haala mijeessuun cimsee itti fufuu qaba.
Bariisaa: Ilmaan qonnaan bulaa mana waliin jireenyaa kennameef gurguruu fa’iin walqabatee rakkooleen adda addaan akka mul’ataniidha kan dubbatamuutii dhimmoota akkanaarratti komishiniin keessan maal hojjetaa jira?
Obbo Baayyuu: Kanaan walqabatee gara manneen jireenyaa kuma 22fi 915 qonnaan bulaafi maatiisaaf kennamaniiru. Kanneen keessaa ijaarsasaaniitiin walqabatee rakkoon akka magaalaatti uumame akkuma jirutti ta’ee, manneen kuma 12 ol xumuramanii furtuun kennameeraaf. Manneen kanneenis kan itti galaniifi kireessan jiru. Kanneen gatii hinmalleen gowwamsa addaddaatiin gurguran akka jiranis odeeffannoo qabna.
Sadarkaa qajeelfamaatti qonnaan bulaan manneen kanneen waggoota 10f dabarsuu akka hindandeenye taa’eera. Kanarra darbee yoo argameefi mootummaan bira qaqqabe manichi gara mootummaatti akka deebifamu taasifama. Kanaafis waltajjii addaddaa mijeessuun hubannoo uumaa turreerra.
Keessattuu manneen waliin jireenyaa kanneen akka salphaatti akka hinilaalle, gaaffiin qonnaan bulaa kanaa akka deebi’uuf qeerroofi qarreen Oromiyaa Baalee, Harargee, Wallaggaafi godinaalee biro jiranillee utuu hinhafiin lubbuusaanii akka itti dhabaniifi gatii itti kanfalan ta’uufi manicha gurguruun seenaa gurguruu akka ta’e barsiisaa turre.
Bariisaa: Hojiileen qonna magaalaan walqabatee hojjetamanoo maal fa’i?
Obbo Baayyuu: Yeroo baay’ee waa’een qonnaa yommuu ka’u baadiyyaa qofa giddugaleessa godhanii ilaaluutu jira. Magaalaa Finfinnee keessa garuu humna qonnaa olaanaatu jira. Kutaalee magaalaa 11n jiran keessaa ja’a kan qonnaan bulaan keessa jirudha. Kana jechuun lafa bal’aatu jira. Kanaaf lafa kanarratti qonna magaalaatiin akka caalmaatti omishaafi omishtummaa uumuun danda’amu, wabii nyaataa maatii mirkaneessuurra darbee dhiheessii gabaa magaalaa keessatti shoora olaanaa akka ba’atu deggarsiwwan addaddaa taasifamaa tureera.
Haala kanaan waggoota sadan darban kana bulchiinsi magaalaa bajata ramaduun sanyii filatamaafi xaa’oo qonnaan bulaadhaaf bilisa dhiheessaa ture. Hojiin hojjetame miidhaa kaleessa qonnaan bultootarra ga’aa ture bakka buusa jechuu baannus qonnaan bulaa cimsuufi omisha dabaluuf kan hojjetamaa turedha.
Ganna qofa omishanii kan dhiisan osoo hintaane waggaa guutuu akka omishaniifis paampii 200 ol jallisiifi boneef fayyadu kutaalee magaalaa ja’an keessatti qonnaan bultootaaf hirameera. Dabalataanis deggarsi ogummaallee taasifamaa jira.
Kanaan qonnaan bulaan “Kaleessa magaalaan na dhiibaa turte, rakkoo narraan ga’aa turte” ilaalcha jedhu keessaa ba’ee har’a “Magaalaa wajjinin guddachuu danda’a” jechuu eegaleera. Magaalaanis “Qonnaan bulaan na fayyada, waliin guddachuutu fala malee waldhiibuun misoomni hindhufu” yaadni jedhu gabbateera.
Akkasumas, ilaalchi qonni baadiyyaa keessatti qofa akka adeemsifamutti yaaduu jijjiramee qe’ee ofii, qodaawwan addaddaa keessatti yoo xiqqaate muduraawwan omishuun akka danda’amu hubatameera. Keessattuu qaala’ina jireenyaa yeroo ammaa addunyaarratti mul’ataa jiru, akka biyya keenyaatti ammoo utuu waan baay’ee harkaa qabnuu miidhaa nurraan ga’a jiru kana qolachuuf namni magaalaa keessatti waanuma muraasa omishuu akka danda’an bara 2014 karaa sosochii uumuutiin hojjetamaa ture.
Magaala keessatti qonna hojjechuun akka danda’amu manneen dhuunfaafi dhaabbilee addaddaarratti agarsiisuun danda’ameera. Naannawaa kanneenitti dhiheessii nyaataa wajjiin walqabateefi qaala’ina gabaa tasgabbeessuu keessatti jijjiiramni guddaan kan itti argameedha.
Barana ammoo sadarkaa biyyaaleessaatti sagantaan Maaddii Guutuu ministira muummee Abiyyi Ahmadiin labsame dadamaqiinsa uumeera. Keessattuu horsiisa looniitiin hojiin cimaa akka hojjetamu kallattiin xiyyeeffannaa ka’amee hojjetamaa jira. Kanaanis bu’aalee hedduun argamaa jiru.
Yeroo ammaa omishni gama aannaniifi hanqaaquutiin jiru dabaleera. Sanbataafi Dilbataa omishni gabaaf dhihaataa jira. Kana keessatti hawaasni kaleessa bitataa ture har’a omishaa ta’eera. Ofii fayyadamuurras darbee madda galiillee irraa uummachaa jira.
Hojii hojjetameen fayyadamtoota qonna magaalaa dachaadhaan dabaluun danda’ameera. Bara 2013 kan kuma 200 ture yeroo ammaa kuma 400 ol qaqqabuu danda’eera. Kanarratti bu’aan keenya guddaan qonna magaalaaf iddoon akka hinmurteessine hawaasa biratti hubannaan uumamuusaati.
Kanarraa ka’uun qodaawwan garagaraa keessatti, bakkeewwan kaleessa balfi itti gatamaa ture qulqulleessuun qonna magaalaatti fayyadamuu jalqabuun jijjiirama guddaadha. Gaafa hojii kanatti galamus hawaasni karaawwan addaddaatiin qeeqaa ture amma bu’aasaa hubachuun ittiin hojjetaa jira.
Biyyoonni baay’ee qonni magaalaatti babal’ate omishasaanii %20-30 kan argamu kanarraati. Nutis sirriitti xiyyeeffannee yoo hojjenne jijjiiramni mul’ataa jiru kun bu’aa olaanaa galmeessisuu danda’a.
Bariisaa: Karrawwan shanan Finfinneerratti giddugaloonni gabaa ni ijaaramu jedhamee ture. Kun maalirra jira?
Obbo Baayyuu: Torbeedhuma darbe keessa pirojektonni eebbifaman jiru. Karrawwan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, Kolfee, Aqaaqiifi Nifaas Silkirratti hojiiwwan hojjetamaa jiru. Inni Aqaaqii eebbifameera. Karrawwan kaanirrattis akkanuma hojiitti kan jiru yoo ta’u, sadarkaa xumuraarra ga’eera.
Caalmaatti nuti xiyyeeffannee kan hojjennu qonnaan bulaan Finfinnee keessa jiru sirriitti yoo omishe omisha baay’ee gabaaf dhiheessuu waan danda’uuf bakkeewwan gurgurtaa kanneen akka gabaa sanbataa 170 ol qopheessineerra. Kanneenittis qonnaan bulaafi hawaasni qonna magaalaarratti hirmaatu dhiheessaa jira. Hojii hafe garuu qindoomina Biiroo Daldalaa Finfinnee waliin hojjenna.
Bariisaa: Sochiin gama carraa hojii uumuutiin jiru maal fakkaata?
Obbo Baayyuu: Hojiileen akka magaalaatti karaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaatiin hojjetaman ni jiru. Sektaroota caalmaatti carraan hojii itti uumamu keessaammoo tokko sektara keenya. Gama kanaan waliigala akka karoora bara 2015tti carraa hojii uumuu kuma 22fi 666 qabannee kuma 20 (% 89) uumuun danda’ameera. Kunis akka jalqabbii gaariitti kan ilaalamu yoo ta’u bara dhufu caalaatti hojjechuuf kallattiin taa’eera.
Bariisaa: Akka haaraatti hundeeffamuun Magaalaa Shaggar hojii sektarri keessan kana dura magaalota naannawaa Finfinnee waliin hojjetaa ture caalaatti cimsuurratti maal fakkaata?
Obbo Baayyuu: Hojiin kun utuma magaalaa Shaggar akka haaraatti hinhundaa’iin magaalota itti waamamnisaanii naannoof ture kanneen akka Buraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoofi Galaan waliin hojjetamaa tureera. Dura dhimmi daangaa Finfinneef magaalota kanneenii rakkisaa kan ture yoo ta’u amma adda baafamee daangeffameera.
Kanaan walqabatee qonnaan bultoonni kanaan dura utuu nu biraa tajaajilamaa jiranii amma daangaansaanii gara Magaalaa Shaggaritti deebi’e tajaajila barbaadan ittifufanii akka argatan taasifneerra.
Kunis hanga karoora bara 2016tti osoo addan hincitiin kan ittifufu ta’a. Keessumaa deebisanii dhaabuu waliin walqabatee waan barbaachisu ni tajaajilamu jechuudha. Magaalaa Shaggarirraa bakka bu’ummaa fudhannee raawwataa jira jechuudha.
Kanarraa kan hafe gama muuxannoo waljijjiiruutiin waan bal’aatu hojjetamaa jira. Keessattuu pirojektiwwan qonnaan bulaa deebisanii dhaabuuf hojjetaman dhufanii daawwataniiru. Qonnaan bultoota gama lachuu caalmaatti misoomatti galchuuf waliin hojjetaa jirra.
Bariisaa: Akka waliigalaatti kallattiin fuulduraa komishinii keessanii maali? Milkaa’inasaatiif eenyuurraa maaltu eegama?
Obbo Baayyuu: Fuulduratti bulchiinsa magaalaa keenya magaalaa qonni magaalaa sirriitti itti babal’ate akkasumas fayyadamummaan qonnaan bulaa sirnaan itti mirkanaa’e taasisuuf xiyyeeffannaadhaan hojjenna. Hojiileen ijoo lamaan kunneen ammoo milkaa’u kan danda’an qaamni hundi ga’eesaa yoo sirnaan ba’atedha.
Hunda dura hawaasni magaalaa kanaa alaa eeggachuu qofa osoo hintaane, waan harkasaa jiru hojjetee qaala’insa jireenyaa qolachuuf tattaafachuun irraa eegama. Waa hunda gabaarraa bituurra bakkee muraasa qaburratti qonna magaalaa hojjechuu qaba.
Kana malees aadaa nyaataa xaafiifi qamadiirratti maxxane jijjiiruun barbaachisaadha. Yeroo sana omishawwan kaan soorachaa qaala’insa gatii xaafiifi qamadiirra jiru hir’isuun ni danda’ama. Kanarratti fakkeenya Eertiraa yoo ilaalle, dura xaafii nyaataa turan. Gaafa Itoophiyaa waliin waldiddaa keessa galanii adda ba’an xaafii argachuu hindandeenye. Yeroo kana aadaa nyaatasaanii ruuziitti jijjiiran. Kun rakkinaaf qofa osoo hintaane baratamuu qaba.
Wayita ammaa qonni magaalaa mooraa manneen barnootaatti eegalameera. Manneen barnootaa ammoo sagantaa soora barattootaa hojiirra oolchaa jiru. Kanaafis gabaarraa bituurra bakkuma qabanitti ofii hojjechuun filatamaadha. Kunis rakkoo gabaa furuurra darbee lammiin achitti baratu qonna magaalaa baraa guddata.
Dura magaalaa keessatti daa’imman aannan firiijii keessaa dhufa jedhanii yaadan amma sa’arraa akka ta’e baraa qabatamaadhaan ilaalaa guddatu. Kuduraafi muduraarratti akkanuma jechuudha. Kanaaf dhaloota waa hunda gabaadha bitu osoo hintaane harkaan qabee hojjetee omishu ta’a.
Fayyaarrattis yoo fudhanne buufataaleen fayyaa baay’ee qonna magaalaa eegalaniiru. Haadhooliin baay’ee ammoo tajaajila addaddaaf gara sana ni deemu. Yeroo sanattis akkamiin lafa xiqqoo yookiin qodaa keessatti muduraalee qopheessuun akka danda’amu ni barsiifamu. Yommuu qe’esaanitti deebi’an sana hojiirra oolchuuf yaalu.
Kanaan walqabatee amma haadhooliidhaaf qodaa xiqqoo lukkuu shan baachuu dandeessu dhiheessuun deggarsa taasisaa jirra. Haala kanaan maatii tokkoof guyyaatti hanqaaquu shan argamsiisuun osoo danda’amee maatiin sun nyaata madaalawaa argate jechuudha. Baasii hanqaaquu bituuf baasuus waan muraasa soora lukkuu ittiin bituun caalmaasaa hambifachuu danda’a.
Haala kanaan yoo hunduu bakkuma jirutti ga’eesaa ba’ataa deeme waliigala ummata misoome, nyaata madaalawaa argatuufi wabii nyaataa ofii mirkaneessu gochuun ni danda’ama. Kanarratti sektaroonni hundi dammaqinaan hirmaachuu qabu. Hoggansi sadarkaa jirus deggarsa barbaachisu miira ittigaafatamummaatiin ba’achuu qaba.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
9 Comments to ““Finfinnee qonni magaalaa ittibabal’ateefi fayyadamummaan qonnaan bulaa ittimirkanaa’e gochuuf xiyyeeffannaadhaan hojjenna” – Obbo Baayyuu Shigguxee”
Comments are closed.