Adoolessa 10: Guyyaa tokkummaan Itoophiyaanotaa caalaatti itti mul’ate

Wiixata darbe ijoolleen Itoophiyaa kallattii afraniinuu jiran barii subii sa’aatii 12:00 irraa eegalee hanga galgala sa’a 12:00 kaayyoo walfakkaataadhaaf socho’aa turan. Daa’immman, dargaggoonni, dubartoonni, maanguddoonni miidhamtoonni qaamaa, dubartoonni garaatti baatan, kan ijoollee dugdatti baatan hunduu Itoophiyaatti magariisa uffisuuf miiraan socho’aa turan

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis (PhD) wiixatni kan filatameef guyyaa sochiiwwan hawaasummaafi amantiirraa bilisa ta’e ta’uusaatiiniifi lammiin Itoophiyaa guyyaan kun isa jala darbu akka hinjiraanneef akkasumas, guyyaa jalqaba hojii ta’uusaatiin uumama baraaruudhaan akka eegalamu yaadamee ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dursanii ibsanii turan.

Akkasumas guyyichatti Itoophiyaanoonni rikardiidhuma mataasaaniitiin qabame cabsuun akka irraa eegamuufi namuu rikardii mataasaa cabsuuf akka tattaafatullee waamicha dhiheessanii turan.

Bu’uura kanaan obboroo ofii jalqabanii lammilee kaaniitti hamilee horaa guyyaa guutuu dhaabaa oolaniiru. Aanga’oonni sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga naannooleetti jiranis hanga sadarkaa godaatti gadi bu’uun biqiltuu dhaabaafi dhaabsisaa guyyicha dabarsan.

Lammileenis waamicha biyyaa kana miira guutuun fudhachuun dadhabe nuffe osoo hinjedhiin darbees roobaan osoo hindaanga’iin hanga sa’aatii jedhametti dhaabaa oolaniiru. Guyyichatti biqiltuuwwan miliyoona 500 dhaabuuf karoorri qabamee karooraa ol biqiltuuwwan miliyoona 566 ol dhaabuun riikardiin Itoophiyaanootaan qabame isaanumaan cabeera.

Kana ilaalchisuun Doktar Abiyyi ergaa dabarsaniin, “Seenaa hojjettaniittu, waamicha biqiltuuwwan miliyoona 500 dhaabuudhaan riikardii mataa keenyaa akka cabsinu dhiyaate fudhattanii kan baatan hundi galatatu isiniif mala. Seenaa magariisaa hojjettaniittu.

Seenaa magariisa barreessitaniittu. Qilleensa jeeqame, dachee golgolaa’e dhalootaaf hindhaalchifnu jettanii, utuu boruun hindiimatiin gara gaarreniifi sululawwanitti, gara dirreewwaniifi bakkeewwanitti bobbaatanii biqiltoota miliyoona 566 ol dhaabdaniittu. Riikardii keessan cabsitaniittu” jechuun gammachuu qaban ibsaniiru.

Naannolee, godinaaleefi aanalee hundatti mukkeen dhaabamuu eeranii, bakkeewwan garagaraa dhaabbii biqiltuu kuma sagalii ol qophaa’uu, ogeeyyiin miidiyaa kuma sadiifi 600 ol guutummaa biyyattiitti bobba’uu dubbatu. Akkasumas, ogeeyyiin teleefi qonnaa galmeen odeeffannoo kan ammayyoome akka ta’u, taaksiiwwan Magaalaa Finfinnee warra biqiltuu dhaabaniif geejjiba tolaa kennuun, daa’imman, haadholiin, abbootiin, miidhamtoonni qaamaa, abbootiin amantaa, heddumminaan bahanii dhaabuusaanii ibsu.

Seenaa magariisni Itoophiyaanonni hojjetan kunis Itoophiyaanonni yoo walta’an riikardiin hincabsine akka hinjirre kaasu.

Hojiin hojjetame kun kan lakkoofsa qofaan waan guddaa hojjechuun akka danda’amu kan itti mul’ate qofa miti. Yoo tokkooman, yoo ajandaa waloo qabaatan, yoo waan yaadaniif of kennan wanti bira hinga’amneefi hindarbamne akka hinjirre kan mul’isudha.

Itoophiyaanonni akkuma wiixata darbee kana tokkomuun hiyyummaarratti, walqooduurratti, jibbarratti osoo sagalee, yaadaafi ajandaa tokkoon socho’anii irra aanuufi seenaa hojjechuuf illee muuxannoon kan irraa fudhatamuu maludha.

Qaamoleen guddinaafi misooma biyyattii hinbarbaanne muraasni ajandicha siyaasatti geessuuf yaalanillee ummanni gurra hinkennineef. Kun ammoo waantota hundarratti baratamuu kan qabuudha. Kanaa booda dhimma kamirratti qaama “anatu siif beeka” jedhu jalaa diduun qaanessuun baratamuu qaba.

Egaa hojiin biqiltuu dhaabuu wiixata darbe akka duulaatti hojjetame ganna guutuu kan ittifufuudha. Biyyattinis ganna kana biqiltuuwwan biliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfamees akka milkaa’uuf hunduu bakka jirutti biqiltuu dhaabuu qaba. “Ani dheengadda, kaleessa dhaabeera” jechuu osoo hintaane bakkaafi carraa argame hundatti fayyadamuun biqiltuu dhaabuun aadeeffatamuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “Adoolessa 10: Guyyaa tokkummaan Itoophiyaanotaa caalaatti itti mul’ate”

  1. Pingback: unieke reizen
  2. Pingback: zbet911
  3. Pingback: cam tokens

Comments are closed.