Finfinnee: Bu’aan qorannoo walitti hidhamiinsa industiriifi huma nama baratee cimsuurratti xiyyeeffate barattoota Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneen ifoome.
Agarsiisni bu’aalee qorannoo barattootaa marsaa sadaffaan Kibxata darbe moooraa yunivarsitichaa keessatti dhiyaateera.
Daarektarri giddugala gabbisa ogummaa yunivarsitichaa Doktar Ayyalaa Maandafroo ibsa Dhaabbatta Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, bu’aaleen qorannoo eebbifamtoota yunivarsiitichaa walitti hidhamiinsa industiriifi humna nama baratee daran cimsa. Bu’aaleen qorannoo kunneen industiriifi eebbifamtoota walitti fiduurratti gumaata guddaa qaba.
Bu’aaleen qorannoo kunneen eebbifamtootni kaampaaniiwwan waliin ta’uuudhaan carraa qacaramuufi hojii dhuunfaasaanii uummachuuf kan gargaaru yommuu ta’u barattoota 20n wiirtuu gabbisa ogummaa keessaatti qophaa’anii dhaabbilee 45 oliifi eebbifamtoota 1000n kan daawwatamaniidha.
Dabalataanis, walitti dhufeenya industiriifi yuunivarsiitichaa cimsuuf barsiisota waliin ta’uun barsiisotni industiriirraa dhufanii barumsa kennaa akka jiran himanii; isaan keessaa industiriin gogaafi Wiirtuu Qorannoo Qonna Holotaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Muummee Injinariingii Keemikaalaatti barataa Geetaahuun Minaala gareesaa waliin ta’uun deeggarsa ogummaa argataniin balfa industiriifi haftee omisha qonnaa naannawaatti argamurraa xaaa’oo uumamaa hojjechuu danda’eera. Bu’aan qorannoosaanii kunis tuqaalee xaa’oo wayita amma gabaarra jiru Yuuriyaafi Daappii giddugaleeffatee kan qophaa’eedha. Bu’aan qorannoo kun asiidummaa biyyee babal’achaa jiru ittisuuf shoora olaanaa akka qabus himeera.
Intarpiraayizii Michummaa mirkaneessa xaa’oo uumamaa Itoophiyaa bu’aan qorannichaaf beekamtii kennuu kan eere barataan kun; dhuunfaaanis ta’e walta’iinsa industiriin carraa hojii uummachuuf kan gargaaru ta’uu dubbateera.
Akka ibsa barataa kanaatti, bu’aan qorannoo garichaa xaa’oo wayita ammaa gabaarra jiru dhibbeentaa 75n bakka bu’a. Deeggarsa faayinaansii ga’aa yoo argatan sona kan dabalan ta’u. Wagggaa tokko keessatti sagantaa bizinasii xaa’oo kuntaala kuma 50 hanga 70 qopheessuuf karoorfataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, barattuu Faaxumaa Hasan Muummeedhuma Injinariingii Keemikaalaatti gareeshee waliin ta’uun meeshaa qulqullina dubartootaa (moodasii) haftee baala warqeerraa hojjechuu dandeesseetti. Meeshaa qulqullina dubartootaa baay’eensaa biyya alaatii waan galuuf faalama naannawaa akka qaqqabsiisu himtee; kan gareeshee waliin qopheessite kun garuu faalama naannawaa hir’isuurratti gumaacha guddaa qabaachuu ibsiteetti.
Pirezidaantiin yunivarsitichaa Doktar Darajjee Ingidaa gamasaaniin, galmoota misooma biyyaa dhugoomsuuf barattooti yunivarsiitichaa barumsa gochaan deeggarame akka argatan taasifamaa jiraachuu ibsanii; eebbifamtoota yunivarsiitichaa hojii kalaqaa dhuunfaasaanii kan qaban akka ta’eefi fuuldurattis yunivarsiitichi sadarkaa idil addunyaatti akaakuu barnootaa 13n beekamaa akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
7 Comments to “ Bu’aalee qorannoo walitti hidhamiinsa industiriifi humna nama baratee cimsuurratti fuulleffate”
Comments are closed.