Finfinnee: Boolee Bulbulaatti maqaa goota Oromootiin hundeeffamuun mana barumsaa duudhaa Oromoo Tuulamaa iddootti deebisuufi guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun jiraattonni Boolee Bulbulaa beksisan. Manni barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa Barnoota Idileen Duraafi Sadarkaa 1ffaa dheengadda tajaajilaaf ifa ta’eera.
Jiraataan Kutaa Magaalaa Boolee Abbaa Gadaa Girmaa Galaanaa eebbicharratti argamauun ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, maqaa goota Oromootiin Boolee Bulbulaatti manni barumsaa hundeeffame gaaffii ummataa duraan ture deebisuun aadaa oromoo guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Sabin Oromoo afaansaan daa’immansaa barsiifatee eenyummaasaa akka dagaagifatu taasisuun gaaffii qabsaa’otaa duraaniif deebii kan laateedh ajedhanii; gammachuu guddaan isaanitti dhaga’amuu ibsaniiru.
Akka ibsa isaanitti, manni barumsichaa eenyummaa ummatichaa deebisa, daa’imman akka of baran taasisuun sirna Gadaa cimsa. Hawaasi nannawaa mana barumsichaa ijoolleesaanii mana barumsichaatti erguun duudhaafi seenaasaanii akka dagaagifatan eeranii; gara fuulduraatti mana barumsichaa akka kunuunfataniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Barsiisftuun mana barumsichaa Zarituu Fiqaaduu gamasaaniin, maqaa goota Oromoo gameessaan ijaaramuun mana barumsichaa adda isa taasisuu dubbatanii; hawaasa naannawaa mana barumsaa jiraatuufis hiika guddaa qabaachuu dhaamaniiru.
Daa’imman, qoonnaan bulaa Tuulamaa duraanii afaansaanii barachuu dhabaniif carraa guddaa ta’uu himanii; hawaasin naannawichaa safuufi, aadaa bakka itti guddifatuu waan argateef daa’immansaa akka barsiifatu waamicha dhiyeessaniiru.
Jiraataan Boolee Bulbulaa biroo Dargaggoo Ashannaafii Anabassaa manni barumsichaa hundeeffamuunsaa rakkoo daa’imman afaan isaaniin barachuu duraan ture kan hiikudha. Aafaan Oromoo cimsuun duudhaafi seenan hawaasa naannichaa guddisuun akka bakkatti deebi’u taasisas jedheera.
Hoggantuun waajjira barnoota kutaa magaalichaa Aadde Taagaayituu Abbaabbuu gamasaaniin ijaarsi mana barumsichaa Oromoota kutaa Magaalichaa jiraatan qofaaf osoo hintaane Oromoota hundaaf hiika guddaa qaba jedhanii; mana barumsichaa ijaaruuf qarshiin miliyoona 70 ol baasii ta’uu himaniiru.
Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbaayi eebbicha irratti argamuun haasawaa taasisaniin, buulchiinsi magaalichaa baajata kaappitaala qabu keessaa %60 ijaarsaa oolchuun gariin hawaasa hirmaachisuun gaaffii misoomaa hawaasa magaalattii sadarkaa sadarkaan deebisaa jira jedhaniiru.
Mana Barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa Barnoota Idileen Duraafi Sadarkaa1ffaa dabalatee kanneen biroonis tajaajilaaf ifa ta’aa jiraachuu himaniiru. Hawaasi bu’uuraalee misoomaa ijaarameef akka kunuunfataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gaggeessituun Hojii Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaayi Shifarraawu gamsaaniin; baajata mootummaan piroojektoota 41 baasii qarshii miliyoona 523fi hirmaanna ummataan baasii qarshii miliyoona 500 oliin waliigala piroojektoota 65 kutaa magaalichaatti tajaajilaaf banaa ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
7 Comments to ““Hundeeffamuun mana barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa duudhaa keenya guddifachuuf gumaacha olaanaa qaba” – Jiraattota Boolee Bulbulaa”
Comments are closed.