Inistitiyuutichi dhibee omisha warqee maqsuuf hojjechaa jira

Finfinnee: Dhibeewwan omisha warqee miidhan maqsuuf hojjechaa jiraachuu Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Daarektarri olaanaan Inistitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka dubbatanitti, Oromiyaa godinaalee Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti biqiltuun warqee dhibee baakteriyaatiin miidhamaa jira.

Dhibeen warqee gogsuufi karaa tuttuqaa meeshaaleetiin warqee tokkorraa isa kaanitti kan darbu ta’uu ibsanii; inistitiyuutichi sababa ka’umsa dhibichaa qorannoodhaan adda baasuuf sochii taasiseen ka’umsisaa baakteeriyaa ta’uu mirkaneessuu himaniiru.

Hanga ammaatti dawaan baakteeriyicha balleessu argamuu baatus meeshaalee warqee dhibame ittiin tuqaniin warqee fayyaa tuquurraa of qusachuun tatamsa’ina baakteriyichaa hir’isuuf akka gargaaru hubachiisaniiru.

Omishni warqee yoo teknolojiidhaan deeggarame omisha wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galii qonnaan bultootaa dabaluurratti shoora guddaa qabaatullee omishaafi omishtummaasaa dabaluuf teknolojii hojiisaa salphisu kalaquun, sanyii dhibee garaagaraa dandamatu qorannoodhaan baasuurratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii kalaqa maashinii warqee duuguufi ammichoosaa bulleessu kalaquurratti Giddugala Qorannoo Maandisummaa Qonna Baakkoo akka fakkeenyaattis eeraniiru.

Daarektarri giddugalichaa Obbo Galgaloo Kibbii gamasaanitiin akka dubbatanitti, hojiin qophii warqee karaa aadaatiin dubartootaan hojjetamu rakkoo qulqullinaafi dhaamaatii guddaa kan qabuudha.

Giddugalichi maashinii warqee duuguufi ammichoosaa dafee bulleessu qorannoodhaan kalaquu ibsanii, maashinichi sa’aatii tokko keessatti amichoo warqee 20 hanga 30 bulleessuu akka danda’u ibsaniiru.

Maashinicha namni dhuunfaanis ta’e gamtaadhaan gatii salphaa ta’een bitatanii ittifayyadamaa jiraachuu ibsanii; dabalataanis giddugalichi Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Fedaraalaafi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun maashinicha iddoowwan hundatti babal’isaa jiraachuu dubbataniiru.

Maashinichi motora abbaa humna fardaa shaniin kan hojjetu yommuu ta’u, sa’aatii tokko keessatti boba’aa liitira tokko qofaan ammichoo warqee hedduu bulleessuu danda’a jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Inistitiyuutichi dhibee omisha warqee maqsuuf hojjechaa jira”

  1. Pingback: hokijp 168
  2. Pingback: hokijp168
  3. Pingback: soft aimbot

Comments are closed.