Finfinnee: Bara omisha 2015/2016tti xaa’oo yeroodhaan kan hin dhiyaatneef ta’uu Biiroon Qonna Naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaa biirichaa kan ta’an obbo Asiraat Asfaaw ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, hanga ammaatti xaa’oo kuntaala kuma 96 qofatu naannichaaf dhiyaate.
Kana malees, bara omishichaatti hangi xaa’oo naannichi barbaaduufi kan mootummaa murteesseef kan simu miti jechuun; fedhiin naannichaa xaa’oo kuntaala kuma 414 yoommuu ta’u mootummaan fedaraalaa garuu xaa’oo kuntaala 149 qofa naannichaaf kennuuf murteessuu ibsaniiru.
Naannichaaf akka kennamuuf kan murtaa’e kana keessaa kuntaalli kuma 53 hanga ammaatti naannicha bira kan hin geenye akka ta’e ibsuun; kun immoo ummata naannichaa biratti komii guddaa kan uume akka ta’e obbo Asraat ibsaniiru.
Yeroon kun yeroo facasanii midhaan biqilee itti daawwatan malee yeroo taa’anii itti xaa’oo eeggatan miti kan jedhan Obbo Asiraat; yeroodhaan guddiftuu callaa argachuu dhabuun omishtummaa qonna naannichaa kan miidhu akka ta’e ibsaniiru.
Xaa’oo harka biirichaa ga’e raabsuu keessatti rakkoon kamiyyuu biiricha hin mudanne, xaa’oon biiricha harka ga’e hundisaa qonnaan bulaaf karaa haqa qabeessa ta’een rabsameera.
Xaa’oo lakkoofsan xiqqaa ta’e kan naannicha bira ga’e kana karaa seera qabeessa ta’een rabsuuf komandi Poosti hundeessuun hojii gaarii hojjechuun danda’ameeras jedhaniiru.
Naannichi qonna Arfaasarratti xaa’oo hanga isa barbaachisu yeroodhaan argatee kan ture akka ta’e Obbo Asraat yaadachiisaniiru.
Biiroon Qonna Naannoo Amaaraa gamasaatiin akka ibsetti naannichatti karaa haqa qabeessa ta’een xaa’oo rabsuu dadhabuun naannicha keessatti dhimmi xaa’oo komii guddaa kaasaa jira.
Biirichatti Ittigaafatamaa Dhimmoota Kominikeeshinii kan ta’an obbo Amsaaluu Gobbaa akka dubbatanitti, naannicha kessatti xaa’oon harka kontrobaandistootaa galeera, kun immoo qonnaan bulaa baasii dabalataaf saaxileera. Rakkoo kana hir’isuuf kontirobaandistoota kanarratti godinoota garaagaraa keessatti tarkaanfiin fudhatama jiras jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
2 Comments to “Naannichatti hanqinni dhiyeessii xaa’oo mudachuun ibsame”
Comments are closed.